Obbo Naasir Kaliil, Keessummaa keenya har'aa nuti dhimma qophii odeeffatnoo hawaasaa Sanbata duraa dabre taasifamee irratti , qophiin akkam ture, hirmaattotnis maal irraa fayyadaman, kan jedhuu fi itti fufiinsa irratti karoora qaban gaafatnee turre.
Obbo Naasir, qophiin akka saganteeffametti deemuu fi tajaajil-kennitootni argaman damee irraa dhufan bakka bu'anii ibsa bal'aa kennaa akka turan himan.

Obbo Naasir Ibsa isaanii keessatti, dameelee dhufan keessaa waa'ee Soorama ykn qarshii namootni bara soorama bahuuf ol kaayyatan, ykn karaa hojii irraa citu akkamitti akka itti fayyadamanii fi qabaa gaariin akka barbaachisu illee ibsuu isaaniis dubbataniiruu.

Obbo Naasir haasawa isaanii keessatti , hawaasai dameelee adda addaa tajaajila hawaasaa gara garaa kennan waliin wal agarsiisuu ture kaayyoon keenya jedhan. Sirna biyya keessa jiru keessatti hawaasni keenya akkaataa itti waa tokkotti dhimma bahan hubatnoo akka argatan barbaadnas jedhan. Namni yoo odeeffatnoo hin qabaatne gaafa rakkinni irra gahu caalaatti rakkata, keessattuu namni tokko yoo nama duraa dhibame maatiin isaa lafa odeeffatnoo argatu yoo sirriitti hin beekne dhiibbaa biraa irratti uumuu danda'a jedhan obbo Naasir. Tajaajiloota gargaarsa maatii irrattis odeeffatnoo kan kennameefii hirmaattotni bilisaan gaaffii gaafachuun waan baruu barbaadan hubachuu dandaniirus jechuun yaada isaanii nuu ibsan. Obbo Naasir qophii fakkaataa akkasii jabaatee itti fufus qabaa jedhan xumura irratti.




