Watch FIFA World Cup 2026™

LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Akkaataa kubbaa miilaa Australia hunda hammatetti hirmaattan- Australia Explained

Women compete in a football match
There are football programs for young and old in Australia. Credit: Catherine Ivill/Getty Images

Geebni Addunyaa FIFA addunyaa walitti fidaa jira jechuu yeroo dhageenyu dhaadessa miti. Hundaafuu kubbaan miilaa ispoortii addunyaa irratti beekamaa dha. Garuu kubbaan miilaa dhuguma ganduma keessaa fi naannoo magaalaa akkasumas kilaboota biyya keessaa irraa jalqaba. Taphattoota guyyaa guyyaa umurii fi dandeettii hunda qabantus irratti hirmaata. Akkamitti isaan keessaa tokko ta’uu akka dandeessu kunoo ti.


Published

By Melissa Compagnoni

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS




Share this with family and friends


Geebni Addunyaa FIFA addunyaa walitti fidaa jira jechuu yeroo dhageenyu dhaadessa miti. Hundaafuu kubbaan miilaa ispoortii addunyaa irratti beekamaa dha. Garuu kubbaan miilaa dhuguma ganduma keessaa fi naannoo magaalaa akkasumas kilaboota biyya keessaa irraa jalqaba. Taphattoota guyyaa guyyaa umurii fi dandeettii hunda qabantus irratti hirmaata. Akkamitti isaan keessaa tokko ta’uu akka dandeessu kunoo ti.


Tuqaalee Ijoo

  • Taphi kubbaa miilaa(football), duubbee aadaa ykn dandeettii utuu hin daangessin namoota kan walitti fidu dha.
  • Kubbaan miilaa(football) fi futsal geeba lameen Australia keessatti saffisaan guddatani dha.
  • Taphi kubbaa miilaa(football), duubbee aadaa ykn dandeettii utuu hin daangessin namoota kan walitti fidu dha.

Taphicha maal jedhnee haa yaamnu?

Gaaffii barbaachisaa kana dura haa fallu. kubbaa miilaa moo soccer jedhnee yaamna?

Heather Garriock, geggeessituu ol'aantuun kubbaa miilaa Australia akkas jechuun ibsiti.

“Akka ani yaadutti kubbaa miilaa "football" jedhnee yaamna Australia keessatti. Tapha addunyaa walii galaa ti. ”

Kubbaan miilaa ispoortii adda ta'ee fi hunda hammate yoo ta'u, akka biyyaatti hirmaattonni miliyoona 1.9 ta'an kan nama ajaa'ibu qaba.

“Ispoortii biyyattii keessatti hirmaannaa guddaa qabu yoo ta’u, saffisaan guddachaa jira,” jedhti Aadde Garriock. “Kubbaa miilaa guutuu Australia keessatti saba adda addaa 87 ol fi afaanota hirmaattotaan dubbataman 35 qabna. Hirmaattonni dhibbeentaa 72 ol biyya biraatti kan dhalatan tahuu ni beekna, kubbaan miilaa ispoortii biyyattii keessatti hunda hammate ta’uu isaatiin hedduu ni boonna.”

Kubbaan miilaa jaalatama ta’uun isaa, seenaa, saala, umurii fi dandeettii osoo hin ilaalin hammam dadhabbii tokko malee namoota walitti fiduu isaa ti.

umurii waggaa afurii irraa kaasee sadarkaa bu'uuraatti taphachuu dandeessa ykn yoo duraan hin aadeffatne tahe garee kubbaa miilaa waliin deemsa miilaatti makamuu dandeessa.

Australia Explained—Football
Players enjoy the inclusion, teamwork and competitive spirit of football. Credit: South_agency/Getty Images

Akkamiin ani eegala?

Football Australia odeeffatnoo barbaaddan hunda qaba.

Marsariitii isaanii irratti bakka Play Football , Dhimma hawaasa kubbaa Miilaa Australia arguu dandeessa.

Sadarkaa biyyaatti hojjeta, kuns taphattootaaf, leenjistootaaf, to’attootaaf, fi tola-ooltotaaf akkasumas galmeessa seeraawaa qabaachuutti kilaba waliigalaaf,dorgomtootaa fi miseensota federationaaf beekamtiin kenname jechuu dha," jechuun ibsiti aadde Heather.

Kun bakka ati kilaba kee itti galmeessitu dha.

“Guutummaa Australia keessatti kilaba 2000 oltu jiru, kilabni kun tokkoo tokkoon isaanii balbala duratti tapha siif kennu," jedha itti mataan hawaasaa fi Kubbaa Miilaa NSW keessatti Tajaajilaa miseensaa tahee kan hojjetu, " Aaron Dibdin.

"Taphattoota Saboota hunda irraa, aadaa, duubbee eenyummaa adda addaa har’aa kana kubbaa miilaa Australia keessatti taphachaa jiran, kilaboonni keenyas baay’ee simannaa guddaa kan qaban, bakka michuu hunduu dhufee itti makamuudha.”

Australia Explained—Football
In Australia more than 2000 clubs offer a front door into the game of football. Credit: Morsa Images/Getty Images

Kubbaan miilaa dhugumatti nama hundaafii?

Maqaan tapha kanaa hunda hammataa dha. Sagantaan dargaggootaa fi maanguddootaaf, taphattoota Saboota Duraaf, taphattoota fedhii fi dandeettii addaa qabaniif, akkasumas namoota duubbee hawaasa aadaa fi afaan adda addaa irraa dhufaniif ni jira.

Yeroo maarsariitii kubbaa miilaa Australia irra deemtan kanneen akka MiniRoos Settlement Program fi Multicultural Youth Program arguu maltu.

Kun tola karaa Football Australia, kan gaggeeffamu dha jedha obbo Dibdin yeroo ibsu.

"Sagantaan kun lameen bu’uuraan namuu utuu fagoo hin deemin kubbaa miilaa dhufanii akka hirmaatan, akka seensaatti akka eegalanii fi taphichaanis wal baran gargaara. Akkasumas ammo kilaboota adda addaa waliin walitti dhufeenya akka qabaatanii fi kilaboota keenya 600 ol tahan jiran keessaa tokkotti akka miseensomanis gargaara. Sababni isaa kun kan hawaasaa ti."

Sagantaan akkasii daandii mishaa kan ittiin namootni qaawwaa Hawaasa addaaa adda fi Hawaasa kubbaa miilaa isaanii gidduu jiru tapha kubbaa waliinii riqicha godhatan gargaaruu akka ta’etti ilaalla.
Aaron Dibdin

Hirmaatnaan hawaasummaa Lal Rochan Takluem

Kubbaa miilaa dubaraa kan tola deemsifamu karaa SSI Multicultural Sports Club Queensland keessatti hirmaachuu eegaltee achuma keessatti hafte.

"MSC keessatti hirmaachuudhaan, suuta gara kilaba kubbaa miilaa guddichan seene. Dhaloota dardaraatti kanan himu, sportiin nama hin qoodu, hin balfu, ni simatamta. "

Waggaa hunda taphachuu ni danda'aa?

Kubbaa miilaa akka tapha qorraatti beekuu hin oollu, garuu NSW qofa keessatti taphattoonni naannoo 80,000 ta'an kubbaa miilaa gannaaf taphachuu fedhu.

Bona , ykn kubbaan miilaa bara dorgommii ala illee taphatamu mataan isaa sport guddaa dha, warreen yeroo gannaa hin taphanneef illee misha, garuu taphachuu yaaluun gaaruma jedha obbo Dibdin.

"Namootni hedduun kubbaa miilaa bonaa akka yaalaan hubatne, akka jaallatanis agarre. Achiis wagga itti aanu kilaba kubbaa miilaa gannaatti galmaa'uu agarra."

Garee xixiqqoon dirree xixiqqoo irratti torban torbaniin iddoodhuma tokkotti taphatama.

Namootni malawwan adda addaa yaalu, waan nama gammachiisu adda addaa taasisu, taphoota kanneen yeroo gannaa hin yaalinfaa yaalu. Waan salphaa garuu gammachuu qabu.
Aaron Dibdin
FIGC Walking Football Panel
FLORENCE, ITALY - DECEMBER 19: Athletes play walking football during a practical demonstration during FIGC "Walking Football Panel" at Centro Tecnico Federale di Coverciano on December 19, 2024 in Florence, Italy. (Photo by Gabriele Maltinti - FIGC/FIGC via Getty Images) Credit: Gabriele Maltinti - FIGC/FIGC via Getty Images

Kubbaan miilaa garaagaraatu jiruu?

Tarii addunyaa irratti sport qe’e keessaa saffisaan guddachaa jiru yaaluu fedhtu  taha. Futsal kan jedhamu kubbaa miilaa irra xiqqaa alatti utuu hin taane keessatti taphatamu dha. Baayyee saffisaan kan kubbaan diitamu, duka’u fi dandeettii barbaadu tahuutti ibsama, taphattoota addunyaa irratti bebbekamuu tahan horachuuf dandeessiseera.

Tarii sportii laafaa barbaaddus taha.

Aadde Heather akka jedhutti kubbaan miilaa deemsan taphatamus baayyee guddachaa jira.

“Lammiilee Australia Jaaroman biratti, keessumaa hawaasaa keenya adda addaa keessatti akkaan jaallatamaa dha, karaa kilba keenyaa itti galmaa’uun hirmaachuun danda’ama."

Hunda caalaa kan ati qaama hawaasa taphattootaa taatuu dha.

Ahmad Gheisari Nia tapha kubbaa miilaa deemsaan taphatan (walking football) gumii naannoo isaa Melbourne keessaa jiru irraa dhagahe. Akkaataa inni itti rukuttaa onnee isaa hojjechiisuu eegales ni jaallate.

Kubbaan miilaa deemaa taphatamu kun salphaa akka isinitti hin fakkaatne, nama dafqisiisa, humnaa fi miira naga qabeessa namaa Dabala.
Ahmad Gheisari Nia

Humnaan taphachuu si hin barbaachisu akka obbo Gheisari Nia jedhutti, kan ofii isaaf waggaa shantamaaf kubbaa miilaa taphate.Kubbaan miilaa deemsaan taphatan laafaa fi hawaasummaaf kan tolfame dha.

Danquu ykn fiiguun hin hayyamamu, akkasumas sababa sochii lafaa taheef, namoota dhibee fayyaa adda addaa qaban ykn ofitti-amanamummaan laafuuf sportii gaarii dha. Dhugaan jiru, namoota umurii hundaafuu kubbaa miilaa deemsaan taphatamu argachuu dandeessa.

"Yeroo jalqabaa mee deemeen Yaalan jedhe garuu yeroo itti aanutti yeroon deebi’u hedduun jaalladhe, jedha obbo Gheisari Nia. Namootaan wal arguu.......kubbaa , Kana dura muuxannoon isaa hin qabun ture. Kubbaan deemsaa kun garuu, baayyee gammachiisaa namoota akka koof, namoota ganna 73 tahaniif.”

Australia Explained—Football
If you want to pursue the elite development pathway, start at your club. Credit: Drazen_/Getty Images

Yoo ani kubbaa miilaatti hirmaachuu barbaade hoo?

Heather akka jedhtutti namni hundi karaa mataa isaa qaba.

“Garuu yoo taphataa gaarii taatee fi daandii guddinaa kee fooyyeffachuu barbaadde, kilaba kee keessatti jalqabuu qabda. Achi irraa, kilaba dargaggootaa ykn A-league club kan jedhu, akka qaama barmootaatti.  Achii suuta shampiona seenuu dandeessa, kanneen akka Matildas fi garee Socceroo. Gartuu Abbootii Dachees ni qabna, sana keessatti umrii 14, 15, 16 kan keessatti argaman. Akkasumas gartuun dargaggoo biyyaalessaa keenya umrii 16 gaditti jalqaban ni jiru. “

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now