SKIP TO MAIN CONTENT

Australia keessatti “Indigenous Protected Areas” jechuun maal?- Australia Explained

Booderee National Park. Credit - Alyssa Chandler.jpg
Booderee National Park at Jervis Bay on NSW South Coast. Credit: Alyssa Chandler

Oolmaan ummataa ykn Paarkiin biyyaalessaa, kuusawwan uumamaa, bakkewwan galaanaa fi bakkoota Eegamoo Abbootii Dachee(Indigenous Protected Areas) naannowwan gara garaaf eegumsa taasisu akkasumas seera gara garaa jala bulu. Naannoo Eegumsaa kan Abbootii Dachee wanti adda taasisu fi daawwachuun ni eyyamamaa adda akkamitti baruu dandeessa?


Published

By Alyssa Chandler

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS



Skip to podcast episode content

Oolmaan ummataa ykn Paarkiin biyyaalessaa, kuusawwan uumamaa, bakkewwan galaanaa fi bakkoota Eegamoo Abbootii Dachee(Indigenous Protected Areas) naannowwan gara garaaf eegumsa taasisu akkasumas seera gara garaa jala bulu. Naannoo Eegumsaa kan Abbootii Dachee wanti adda taasisu fi daawwachuun ni eyyamamaa adda akkamitti baruu dandeessa?


Tuqaalee Ijoo

  • Iddoowwan eegumsa argatan iddoowwan lafa, bishaan, biqiltoota, bineensotaa fi aada gati-jabaa barbaachisoo ta’an kunuunsanii dha.
  • Naannoowwan Eegumsaa Abbootii Dachee kan bulfaman Eegdota Aadaatiin yoo ta’u, yeroo baay’ee mootummaa fi dhaabbilee kunuunsaa waliin ta’uun.
  • Iddoowwan tokko tokko daangeffamaa waan tahaniif utuu daawwachuuf hin deemin dura adda baafadhu.

Paarkoonni biyyoolessaa fi kuusaaleen uumamaa irra caalaa dachee kan eegu yoo ta’u, bakkeewwan qulqulluu galaanaa ammoo bakka jireenyaa galaanaa ni eegu. Naannoowwan Eegumoo Abbootii Dachee ammoo dachee ykn galaana Biyya eeguu kan danda’an yoo ta’u, fedhii isaaniitiin Abbootii aadaa kan bulchani dha.

Hariiroon kunis akka itti namooti gara biyyatti dhufan itti simataman calaqqisa.

Keessummooti do’achuu qofaaf miti.

Namooti biyyicha ilaaltan yeroo do’attanitti waa’ee biqiltuu, beeyilada bosonaa fi uumama naannoo eegumsaan taasisamaafii jiruu fi maaliif eegumsaan akka taasisamaafii jiru baruu isaan barbaachisa jedha Saayitistiin ummama naannoo Professor James Watson.

"“Shimbiro?biqiltuu? moo bineensota biraa dha? Wanti adda tahe achi jiru kun maal? Warreen bosona eegan gaafadhu ykn ofii kee waa’ee kanaa ilaalchisee of barsiisi, sababni isaa yeroo bakka paarkii biyyaalessaa deemtu hedduu isaanii keessattuu ammoo umama adda tahan arguu maltaa, wanneen mimmiidhagoo dha. Haguma keessatti hirmaatte, akka natti fakkaatutti of illee barsiifta, muuxannoo isaa haga jaallattetti barachaas deemta. “

Miirri hariiroo akkasii biyya irra dhaabbachaa jirtu kana barachuu irraa jalqaba

Aunty Emmadhaaf, itti gaafatamummaan biyyaa waan salphaa dha. Suuta jechuu fi waa qalbifachuu irraa jalqaba jedhti.

"Biyya irra jraachuun keenya suutaa akka jedhnuuf callisa taasifnu nuu ehama. Ani sana baayyeen jaalladha, biyya irratti cal jechuun miira keenya hunda bilisa taasisa. Sammuu keenya, ilaalcha keenya, dhageettii, harkaan qabuu, dhadhamuu keenya hunda banee dachee miidhagduu irra jirtu kana waliin karaa gara garaa hariiroo akka uummannu nu dandeessisa. “

Bakka ummatni daawwachuu irratti IPA qajeelfama muuxannoo irratti hundaawe dhiheessa, tahus iddoo tokko tokko aadaan daangeffamaaf bakka tarii seenamuu hin dandeenye tahuu malu.

Kana hubachuuf, Mootummaan Australia agarsiiftuu(map) IPA kan biyyaalessaa ni maxxansa, kan yoo eeyyama si barbaachisaa, dursitee galmaahuu ykn ehama biraa si barbaachisaa isaa dhugeeffachuuf si gargaaru. Akkasumas agarsiiftuu kana irraa eenyu akka naannicha bulchu illee baruu dandeessa.

Akkasumas mallattoon kaayamanis tarii bakka eegamaa kana adda baasanii agarsiisuu malu, garuu mallttoon kun yeroo hunda kaa’amuu dhiisuu mala.

Naannowwan eegamoon kun biyyicha irra turaniiru ummattootni Saboota Duraa waggaa kumaatamaaf kununsaa turan.

Professor Emma Lee OAM conducting ceremony at Tebrakunna Country for Timme’s Canoe. Credit - Ali Cinlar.JPG
Professor Emma Lee OAM conducting ceremony at Tebrakunna Country for Timme’s Canoe. Credit: Ali Cinlar

Naannoo Eegamaan Abbootii Dachee(Indigenous Protected Area (IPA) maal?

Bakki Naannoon Eegamaan Abbootii Dachee (Indigenous Protected Area), IPA jedhamuunis beekamu bakka dachee ykn galaana biyyaa Abbootii Aaadaan fedhiidhaan eegamu dha.

Mootummaan Australia fi gareewwan Saboota Duraa sagantaa IPA kana waliin kan qopheessan yoo ta’u, kunis bara 1997 jalqabe.Abbootiin Aadaa heddummina lubbu qabeeyyii fi gatiiwwan aadaa akka eegan kan deeggaru yoo ta’u, gochaalee aadaa fi itti gaafatamummaa Biyyaaf qaban itti fufaniiru.

Yeroo ammaa Australia keessa::

  • Naannoo Eegamaa Abbootii Dachee of kennanii hojjetan 96 tu jiru. 
  • Lafti hektaara miiliyoona 113 naannoo Eegumsa Abbootii Dacheen dhuunfatamaa dha.
  • Galaanni biyyaa heektaarri miliyoonni 9.3 naannoo Eegumsa Abbootii Dacheen dhuunfatamaa dha.

Walitti qabaatti, IPAn Sirna Juusaa biyyaalessaa Australia keessaa dhibantaa 55 ol yeroo tahu, kunis gara harka afurtama lafa biyyattii kan eegu dha.

Professor Emma Lee OAM dubartii Trawlwulwuy ogeettii Federation University ti. Aunty Emma jedhamuun beekamti.

Sabooti Duraa dachee fi galaana Australia waggoota kumaatamaaf kununsaa turan jedhti.

"Yeroo hundumaa sirna biyya kunuunsuuf gargaaru qabna turre, warra baay'ee, waan salphaa fakkaatu kan waan si barbaachisu caalaa akka hin fudhanne mirkaneessuu, akkasumas dhaloota itti aanuuf haala fooyya'aa ta'een biyya akka dhiiftu mirkaneessuu. Kunniin qajeeltoowwan guutuu ta'anii fi waggoota kuma kudhaniin lakkaa'amaniifi dhaloota dhibbaan lakkaa'amaniif ummata keenya bulchaniidha."

Garaagarummaan Naannowwan eegamoo Abbootii Dachee fi naannoon egamaa biraa maal?

Naannowwan Eegamoo Abbootii Dachee adda sababni isaa walii galtee fedhii irratti hundaawetu mootummaa federaalaa fi Eegdota Aadaa gidduu jira.

Haa tahu malee Kununsitoota Aadaa qofaan jalqabamuu danda'a.

Naannowwan eegamoo kanneen akka paarkii biyyaalessaa, qabeenya uumamaa, fi marineen, sadarkaa duraatti bulchiinsa lafaa ilaalchisee mootummaan biyyaa fi naannoo itti gaafatama qabu.

Abbootiin qabeenyaa lafa dhuunfaa akkuma qonnaan bultootaa fi dheedichaa abbummaa qabeenya isaanii qabatanii waliigaltee kunuunsa tola ooltummaa seenuu danda’u. Lafti ulaagaa guutuu qabu karaa waliigalteewwan kanaan eegumsa argate Sirna Kuusaai Biyyaalessaaf gumaachuu ni danda’a.

Garaagarummaan barbaachisaan Naannoo Eegumaa Abbootii Dachee fi naannoolee eegumsa argatan biroo gidduu jiru, aadaan akkaataa IPAn itti hojjetan keessatti giddugaleessa ta’uu isaa ti. Namoonni, aadaa fi Biyyi walitti hidhamiinsa akka qaban ni hubatu.

Aunty Emma akka jedhtutti “Sun mala “cufii dhiisi” jedhu irraa hedduu adda, kunis IPAn daawwattootni carraa waa'ee Biyyaa baruu ni kenna, kunis Abbootii Aadaa eeyyama kennuu fi dhiisuu ni murteessu.

“Namoonni, ‘shaakala ibiddaa kun baay’ee, baay’ee dulloomeera’ jedhanii akka dubbataniif bakka ni dhiheessina, yeroo gubaa qabbanaawaa sana argitan hundatti duudhaa aadaa biyya keenya waggoota kumaatamaaf walitti qabate argaa jirtu.”

IPAn naannoo eegumsa qabu kan biraa kan akka paarkii biyyoolessaa ykn paarkii galaanaa wal-irra bu’uu danda’a. Haalota kanneen keessatti Abbootiin Qabeenyaa Aadaa dhaabbilee biroo naannoo sanaaf mirga seera qabeessa ykn itti gaafatamummaa bulchiinsa qaban waliin hojjetu.

Naannowwan Eegamaa Abbootii Dachee (Indigenous Protected Areas) akkamitti hojjeta?

Tokkoon tokkoon Naannoo Eegumsa Dhalootaa karoora bulchiinsa akkaataa Abbootiin Qabeenyaa Aadaa gatii aadaa fi naannoo isaa itti eegan ibsu qaba.

Naannawaa Eegamaa Abbootii Dachee hundeessuun sadarkaa lama qaba:

  • Marii: Kunuunsitoonni Aadaa gareewwan Saboota Duraa, abbootii aadaa lafaa, qooda fudhattootaa fi michoota ta’uu danda’an waliin marii fi karoora ni geggeessu. Kaayyoo fi tarsiimoo Kununsa Biyyaaf (Caring for Country) ni qopheessu.
  • Of kennuu: Kunuunsitoonni Aadaa naannoo sana akka IPAtti of kennuu fi dhiisuu isaanii murteessu. Mootummaan Australia karoora bulchiinsa akka raggaasisu fi IPAf beekamtii sirnaa akka kennu affeeruu danda’u.Naannoo Eegumsa Abbootii Dachee labsuun abbummaa, abbaa qabeenyummaa dhalootaa ykn mirga seeraa Biyya irratti jiru hin jijjiiru.

Sochiileen bulchiinsaa kanneen armaa gadii dabalatu:

  • Iddowwan aadaa fi bakka qulqulluu eeguu(protecting cultural and sacred sites)
  • Ibidda aadaa fayyadamuu(using cultural fire practices) 
  • Gosoota balaaf xaasilaman hordofuu (monitoring threatened species) 
  • umama deebisuu(restoring habitats )
  • Qoratnoo heddummina lubbu-qabeeyyii gaggeessuu (conducting biodiversity surveys) 
  • Xurii galaana keessaa qulleessuu (removing marine debris) 
  • Aramaa fi bineensota bosonaa to'achuu(controlling weeds and feral animals) 
  • Daawwattoota qajeelchuu (managing tourism and visitors)
  • Beekumsa dhaloota boriitti dabarsuu(passing knowledge to younger generations) 
Jess Abrahams ACF. Credit - Annette Ruzicka_MAPgroup.jpg
Jess Abrahams has worked in conservation for 30 years. Credit: Annette Ruzicka_MAPgroup

Maaliif Bakki Eegamoo Abbootii Dachee ( Indigenous Protected Areas) naannoo fi aadaa Austraaliyaaf barbaachisaa tahe?

Duula uumamaa biyyoolessaa Faawundeeshinii Eegumsa Awustiraaliyaa (ACF), Jess Abrahams, naannoon eegumsa argate karaa tokkicha bu’a qabeessa ta’ee fi naannoon fayyaa ta’uu isaa mirkaneessuu akka ta’e ibsa.

"Paarkoonni biyyoolessaa keenyaa fi naannoowwan eegumsa argatan biroo walitti qabama bakka bu'aa gosoota jireenyaa ykn gosoota uumamaa adda addaa hunda kan Awustiraaliyaa keessatti argachuu dandeenyu hunda ilaaluuf yaalaa jiru. Akkasumas dhaloonni dhufu Australian maal akka taate fi maal akka fakkaatu akka arguu danda'uuf fakkeenya gosoota uumama adda addaa Awustiraaliyaa keessa jiran hunda eeguun keenya dhuguma barbaachisaa dha."

Biqiltoonni fi hoosistoonni Awustiraaliyaa dhibbeentaa 80 ol, simbirroonni ishee dhibbeentaa 45 waliin addunyaa kana irratti bakka biraatti hin argaman.

Haa ta’u malee, heddummina lubbu qabeeyyii Awustiraaliyaa dhiibbaa guddachaa kan jiru yoo ta’u, lakkoofsi gosoota balaadhaaf saaxilamanii akka biyyaatti tarreeffaman dabaluu itti fufeera.

University Queensland saayintistiin uumamaa kunuunsaa Piroofeesar James Watson akka jedhutti, naannoowwan eegumsa argatan sanyiiwwan Awustiraaliyaa balaadhaaf saaxilamanii fi sirna ikoo balaa jala jiru kunuunsuuf murteessaa dha.

"Sababni maaliif akka ta'e lafaa fi galaana misooma irraa adda baafame waan ta'aniif. Kanaafuu buldoozaroonni lafa qulqulleessuu fi biqiltoota qulqulleessan keessa isaaniitti hin hayyamamu. Akkasumas hojiiwwan biroo uumamni sadarkaa daangaa naannoo eegumsa argate keessaa hin hayyamamne. Kanaafuu, isaan gosa bakka nageenya qabuu dha."

The grey range thick-billed grasswren. Credit - Lucy Coleman.jpg
The grey range thick-billed grasswren is endangered and is known from a small number of locations in far north-west New South Wales. Credit: Credit - Lucy Coleman. Supplied by James Watson.

Naannawa Eegamaa Abbootii Dachee (How can you visit an Indigenous Protected Area) kabajaan daawwachuu dandeessaa?

Obbo Abrahams akka jedhutti , waan salphaan ati uumamaaf kununsa gochuu itti dandeessu hedduutu jiru.:

  • Halkan bineensota mana keessan keessa kaa’aa, keessumaa saree.
  • Pilaastikiin gara karaa bishaanii akka hin seenne sirritti deebi’ee fayyadamuu.
  • Dhaabbata hawaasaa paarkii, rizaabii ykn paarkii biyyoolessaa dhiyoo jiru kunuunsu wajjin tola ooltummaadhaan hojjedhu.
  • Dhimma naannoo kamiyyuu miseensa paarlaamaa naannoo keessanii waliin kaasaa.

Naannowwan eegamoo argatan hubachuun hariiroo addaa Austiraaliyaan uumamaa wajjin qabdu hubachuudhaan akka itti gammaddu si gargaara.

“Yoo naannoowwan eegumsa argatan akka namaatti egeree keenyaaf wabii ta’anitti yaadaa jirra ta’e, hundi keenya dandeettii mini ones hojjechuuf mooraa keenya duubaa keessatti, [ykn] barandaa mana jireenyaa keenyaa irratti bakka uummataa xiqqaa sana keessatti qabna,” jedhti Aunty Emma.

“Namoota gaarii ta’uu qofa qabna, naannoowwan eegumsa argatanis sana nu yaadachiisu, Naannoowwan Eegumsa Abbootii Dachee ergaa sana ol kaasu.”

Kanaafuu yeroo itti aanu yeroo daawwattutti, biyya eenyu irra akka jirtu baradhu, qajeelfama geggeessitoota naannoo hordofi akkasumas murtii warra Kununsitootni Aadaa kabaji.

Gorsa yeroo imaluuf karoorfattaniif::

  • Maarsariitii sirnaawaa ykn agarsiiftuu(map) ilaaluun eenytu akka naannawaa sana gaggeessuu fi dawwachuunis eeyyamamuu isaa bari. Mootummaan Australia national IPA map maxxansee jira odeeffatnoo caalu argachuuf.
  • Yeroo sanitti dhaabbilee Abbootii Aadaa, gaggeessitoota IPA, gumii lafaa ykn eegdota paarkii waa'ee eeyyamamuu fi dhiisuu akkasumas cufaa tahuu fi aadaan ittisamaa tahuu isaa adda baafadhu.
  • Akkasumas mallattoon kaayamanis tarii bakka eegamaa kana adda baasanii agarsiisuu malu, garuu mallttoon kun yeroo hunda kaa’amuu dhiisuu mala. Kanaafuu mallattoon hin jiru isa jedhu irratti hin hirkatin.Yaadadhu, deemsa deemtu hundatti, qarqara galaanaa daawwattu hundatti fi bosona daawwattu hunda keessatti waan gati-qabeessa guddaatu jira.Kun qama uumama fi duudhaa aadaa itti fufee jiraatu Australia ti.

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now