SKIP TO MAIN CONTENT

Artist Ilfinesh Qannoo mallattoo Tokkummaa turtei- obo Baarentoo Gadaa - Farwell

Obbo Barento interview on Ilfee (2).png
Credit: obbo Bareentoo G

Keessummaan qophii keenya har'aa obbo Baarentoo Gadaa ti. aaf-gaafii waliin taasifne caqasuun qophii keenya torban torbaniin dabrus faana bu'uu hin dagatinaa. Artistii fi Falmattuun mirga namoomaa aadde Ilfinesh Qannoo addunyaa kana irraa du'aan boqotte. Artis Ilfinesh, nama ijoollee dubaraa lama qabdu fi haala tasgabbaa'insa biyya keessaa dhabamuu irraa kan ka'e yeroo dheeraaf biyya Norway jiraachaa turte.

Published

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS

Skip to podcast episode content

Keessummaan qophii keenya har'aa obbo Baarentoo Gadaa ti. aaf-gaafii waliin taasifne caqasuun qophii keenya torban torbaniin dabrus faana bu'uu hin dagatinaa. Artistii fi Falmattuun mirga namoomaa aadde Ilfinesh Qannoo addunyaa kana irraa du'aan boqotte. Artis Ilfinesh, nama ijoollee dubaraa lama qabdu fi haala tasgabbaa'insa biyya keessaa dhabamuu irraa kan ka'e yeroo dheeraaf biyya Norway jiraachaa turte.

Aaf-gaaffii Obbo Barentoo Gadaa, Melbourne Australia irraa waliin taasifneen - artist fi falmattuu mirga namoomaa aadde Ilfinesh qannoo jabinaa fi gootummaa isheenin beeka jedhu. Akka obbo Baarentoon himanitti aadde Ilfinesh Qannoo, jaalalaa fi tokkummaa labsaa kan turtee fi akkasumas sarbama mirga ummata Oromoof falmaa guddaa karaa aartii fi haallan gara garaan taasisaa turte.

Farwell with hourse.jpg
Credit: Banti O
Ilfee.jpg
Credit: Banti O

Aadde Ilfinesh Qannoo kaayyootti cichuun beekamtis jedhan obbo Baarentoon, kanaanis jaalala ummataa horatte jedhu. Aadde Ilfinesh Qannoo dhukkubsattee tajaajilamaa turuun, gaafa Fulbaana jaha bara 2026 biyya ishee keessatti boqotte. Guyyaa gaggeessaa aadde Ilfinesh Qannoo, Fulbaana 8 ture, ummatni biyyaa kumaatamaan lakkaayamu bahee gaggeessuun guyyaa cidhaa ishee fakkeesse jechuun obbo Baarentoo Gadaa dinqisiifatnaan dubbatu.

Farwell 1.jpg
Credit: Banti O

Goolaba irratti, gaarummaa fi hojiin aartist fi falmattuu aadde Ilfee hunda keenyaaf kan fakkeenya tahu yeroo jedhan, as Australia Melbourne keessatti galgala Dungoo qabsiisuu waan taasifamuuf argamnee jaalala qabnuuf haa ibsannus jedhaniiru obbo Baarentoo Gadaa.

Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now