Walitti dhufeenya ijoolleen keessan aadaa addunyaa irratti turaa tahe akkasumas jiraataa fi itti fufiinsa qabu deeggaruun ijoollee keessan Australia keessatti guddachaa jiraniif kennaawwan gurugddaa kennuufii dandeessan keessaa isa tokko dha. Garuu yoo biyyattiif haaraa taatan eessaa akka eegaltan beekuu dhiisuu maltu. Ijoolleen keessan waa'ee aadaa fi seenaa ummattoota Abbootii Dachee fi Torres Strait Islander akka baraniif qabxiiilee fi yaaddan isin gargaaruu danda'an tokko tokko kunoo ti.
Tuqaalee Ijoo
- Waa’ee Saboota Duraa Australia barachuun adeemsa daa’imaa fi warra hirmaachisu dha
- Hirmaannaa daa’ima keessanii Abbootii Dachee Australia waliin taasisu deeggaruuf qabiiyyeen umurii wajjin walsimu adda addaa toora interneetii irratti ni jira
- Taateewwan irratti hirmaachuu, hubatnoon imaluun fi qorannoo mataa keetii gochuun namoota Saboota Duraa naannoo keessanii fi sanaa ol jiraniin hariiroo tolfachuu dandeessu.
- Dogoggora hojjechuun qaama adeemsa barumsaa waan ta’eef, fedhii beekumsaa qabaadhaatii pirootokoolii Abbootii Dachee fi Torres Strait Islander hubachuuf gargaarsa gaafadhaa
- Akkamin ijoolee koo Aadaa fi seenaa Abbootii Dachee waliin wal barsiisa?
- Qophiilee aadaa Abbootii Dachee fi Torres Strait Islander kabajan eessaan arga?
- Qabiiyyee barmootaa waa'ee Abbootii Dachee Australia ijoollee barsiisu sarara internetaa irra ni jiraa?
- Yeroo imala maatii akkamittiin aadaa Saboota Duraa beekuu dandeenya?
- Yoo ani waan dogoggoraa tokko godhe ykn dubbadhe hoo?
Duudhaa Abbootii Dachee Australia fi Torres StrIslander hubachuu fi gatii kennuufiin aadichaan wal fudachuun araaramaaf furtuu dha, adeemsa walitti dhufeenya Saboota Duraa Australia fi kanneen Abbootii Dachee hin tahinii gidduu jabeessuun daandii sanitti deemu mijeessa.
Ijoollee kee Australia keessatti yeroo guddisaa jirtu aadaa addunyaa keessatti turaa tahee amma illee itti fufee jiraachaa jiru waliin wal fudhachiisuuf gargaaruun kee kennaa guddaa ati kennuufii dandeessuu dha.
Akkamiin ijoollee koo aadaa fi seenaa Abootii Dachee waliin wal barsiisa?
Ema Livermore dubartii Bigambul irraa kan taate, qaama hoogana araara biyyattii kan tahe Araarama Australia Reconciliation Australia, jedhu keessa hojjetaa jirti.
Akka maatiitti carraa aadaa kana barachuu dansa jechuun dubbati.
Waan televishina irraa ilaalamutti dabalee, qophiilee fi taatewwan jaarmoleen Aborijinaa fi Torres Strait Islander naannoo kee keessatti qindeessan irraa hirmaachuus dandeessa.
“Kanaaf, NITV, Televishina Biyyaalessaa kan Abbootii Dachee kan tahe sagantaa oduu durii, aadaa, seenaa fi muuxannoo yeroo ammaa kan Aborijinaa fi Torres Strait Islander bifa gara garaan dabarsan qabu, " jedhti aadde Livemoore.
Akkasumas Qabiyyee Qophii Saboota Jalqabaa irraa SBS On Demand(SBS On Demand) sagantaa jedhu irraa wanneen ijoolleen ilaaluu jaallatan, seenessaa fi fiilmii tola argachuu dandeessa.
"Yoo waan ijoolleef tahu barbaaddanis, akka umrii isaaniitti qophiin aadaa Aboriginal fi Torres Strait Islander fi waanneed aadaa gara garaa Aboriginal fi Torres Strait Islander hedduutu jiru.
"Kunis Ummatooti Jalqabaa biyya kana keessatti eenyufaa akka tahan beekuuf tarkaanfii hubannaa gaarii kennu kan jalqabaa ti.”

Qophiilee aadaa Abbootii Dachee fi Torries Strait Islander eessaan argat Islander culture?
Waan televishina irraa ilaalamutti dabalee, qophiilee fi taatewwan jaarmoleen Aborijinaa fi Torres Strait Islander naannoo kee keessatti qindeessan irraa hirmaachuus dandeessa.
Waggaa keessatti qophiilee gudguddaa lama kan namooti hirmaachuu danda’an: Torban NAIDOC (National Reconciliation Week, ) kan baatii Adoolessaa keessaa fi Torbee Araara Biyyaalessaa (National Reconciliation Week) kan Caamsaa 27 hanga Waxabajjii 3 giduu kabajamu irraa qooda fudhachuun ni danda’ama jedhti Aadde Livermore.
"Isaan kun dhufanii torban sana keessa hojiin aartii isaanii maalfaa akka tahee fi maalis akka ibsu dubbata. Akkasumsa haasaa simannaa fi hiree biyyaaf Beekamtii kennuu gaggeessuu danda’u,” aadde Livermore.
Qophiileen yeroo akkanaa kun namootni akka hirmaatan hiree ni kenna, Welcome to Country and understand the difference from an Acknowledgment of Country.

Qabiiyyee barmootaa waa'ee Abbootii Dachee Australia ijoollee barsiisu sarara interneetaa irra ni jiraa?
Wanneen toora interneetaa irraan gargaaraman kanneen waa’ee seentaa, aadaa fi egeree Saboota Jalqabaa ibsan mana kee teessee barachuu itti fufuu dandeessa.
Qabiyyeen qophii SBS(SBS Learn) barmoota kennu kan gosa barmoota Australia keessatti hammatame mana barmootaa kutaa jalqabaa irraa qabee hanga kutaa 12 kan barsiisu mucaan kee mana taa’ee hordofuu danda’a.
Araarama Australia keessatti, aadde Livermore hoggantuu sagantaa Narragunnawali: Reconciliation in Education ti.
Sagantichi gartuu hawaasaa kanneen akka barsiisotaa, bartootaa fi warra ijoollee dabalee haala toora interneetaa irraan waa’ee araaraa karaa hiika qabeessa taheen baratan afeera.
Fakkeenyi barmootni jiruu waa'ee aabaa lamaa representing the First kan ummattoota Saboota Duraa biyya kanaa bakka bu'u, beekuun gara hawaasa Aboriginal fi Torres Strait Islander waliin hariiroo ummachuutti kan geessu dha.
“It actually gives you some activities or ideas of how to build relationships and that's going beyond the school gates and out into communities,” Ms Livermore explains.
Yeroo imala maatii akkamittiin aadaa Saboota Duraa beekuu dandeenya?amily?
Mucaa kee waliin deddeemuun waa’ee Abbootii Dachee Australia baruuf hiree isiniif kenna.
AIATSIS(Map of Indigenous Australia), hawaasumaa ykn sabummaa Aborijinaa fi Torres Strait Islander naannoo do’achuuf deemtu dursitee beekuuf si gargaara.
Achi irraas waa’ee kutaa biyyaa, ummataa fi bakkoota do’atamuu qabani fi waa’ee Saboota jalqabaa ati keessatti qooda fudhachuu qabduu fi naannoo ati do’attu sakatta’uu si dandeessisa.
"Yoon iddoo tokko deemuu barbaade, tarii google irraan waa tokko tokko ilaalee bakkooti ilaalamuu qaban eessa akka tahen soqa.... achiin booda sochiileen ykn qophiin Aboriginal fi Torres Strait Islander maalfaa akka jiran ilaalee deemee irraa hirmaachuu fedha," jedhti aadde Livemore.

Yoo ani waan dogoggoraa tokko godhe ykn dubbadhe hoo?
Dogoggoruun malaa jedhanii sodaachuun waanuma jiru fi hubatamaa dha namoota Abbootii Dachee hin taane kamiifuu, yeroo Saboota duraa fi ummata waliin hariiroo ummachuu barbaadan, jedhti aadde Livemore.
"Garuu dhiisuu irra yaaluutu dansa jedhti,"
Yoo yaaltee dogoggora goodhte, jaaroleen ykn angafootni ykn ammo namootni Saboota Duraa asitti dogoggora goodhteetta jedhanii sitti dubbachuu danda’u atis kabajaan qulqulleeffatta.
Haasicha bu’uura godhattiee kabajaan bakka kamitti akka dogoggortee? fi akkamiin akka sirreeffattu akka si gargaaran gaafachuu dandeessa. Wantich waa’ee waa baruu, yoo wallaalanis irra deebi’anii barachuu fi waliin dubbannaa eegaluu ti," jechuun goolabdi aadde Livemore
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au






