SKIP TO MAIN CONTENT

Da'umsaa fi ulfa ilaalchisee filannowwan Australia keessa jiran- Australia Explained

Australia Explained - Birth Care
Australia’s national strategy on how maternity care should be provided is structured around four values: safety, respect, choice and access. Source: Moment RF / d3sign/Getty Images

Australia keessatti reef jalqabaaf daa'ima godhachuuf tahe, eessatti akka deessuu fi akkamtitti akka deessu filachuun xiqqoo rakkisaa tahuu mala. Kan yoo mana yaalaa mootummaa ykn kan dhuunfaatti da'uu barbaadduu filannowwan jiran beekuun kee baayyee barbaachisaa dha. Akkasumas ofii kee fi daaíma keef murtii qajeelaa fudhachuuf eessaa akka gorsa argattu illee beekuun kee dansa.


Published

By Zoe Thomaidou

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS



Skip to podcast episode content

Australia keessatti reef jalqabaaf daa'ima godhachuuf tahe, eessatti akka deessuu fi akkamtitti akka deessu filachuun xiqqoo rakkisaa tahuu mala. Kan yoo mana yaalaa mootummaa ykn kan dhuunfaatti da'uu barbaadduu filannowwan jiran beekuun kee baayyee barbaachisaa dha. Akkasumas ofii kee fi daaíma keef murtii qajeelaa fudhachuuf eessaa akka gorsa argattu illee beekuun kee dansa.


Tuqaalee Ijoo

  • Bakka jiraattuu fi haala fayyaa kee irratti hundaawee, mana yaalaa, bakka da'umsaa, fi manatti da'uuf filachuu dandeessa.
  • Kununsi itti fufa qabu muuxannoo gaarii fi itti baha gaariis haadhaa fi daa’ímaaf akka qabu hubatameera.
  • Kununsitootni fayyaa kee yeroo da’umsaatti odeeffatnoo fi gorsa seenaa fayyaa kee fi fedhii keen wal qabate siif kennuu danda’u.

Tjaajila kennitootni Australia tajaajila dubartii giddu-galeessa( woman-centred) taasifate kennuuf of-kennoo tahanii hojjechuun dubartoota daa'ima garaa qaban odeeffatnoo gahaa argatanii waa'ee da'umsaa fi kununsa isaanii filatnoo gaarii akka murtteeffatan dandeessisu.

Australia keessa filannowwan da'umsaa maaltu jira?

Australia keessatti, eessa akka jiraattan, tajaajila akkamtu akka jiruu fi yaalii fayyaa isin barbaachisu irratti hundaawee filannowwan kununsa da’umsaa filachuu dandeessan hedduutu jiru.

Modelootni baayyee beekamaan kununsa da'umsaas arekanneen akka kununsa da'umsaa mana yaalaa mootummaa, kununsa waliin qooddannaa, gartuu ogeessota deessistootaa fi ogeessota da'umsaa dhuunfaa. .

Waa'ee moodeloota kununsaa jiranii maarsatiitii mootummaa Australia Pregnancy, Birth and Baby jedhu irra ilaali ykn Ogeessa Fayyaa (GP) kee dubbisi. .

“Ogeessi Fayyaa (GP) kee moodeloota kununsaa gara garaa naannoo kee jiran, kanneen akka kununsa mana yaalaa mootummaa, dhuunfaa fi sagantaa deessistootaa dabalatee, " jechuun geggeessituun dhimma fayyaa ulfaa, da’umsaa fi daa’imaa aadde Rachel worboys dubbatti.

Australia Explained - Birth Care
Ask your maternity health provider for antenatal classes in your area. Credit: Getty Images/Maskot

Kununsa ulfaa fi daúmsaaf eenytu kafala?

Yoo mana yaalaa dhuunfaatti dahuu filatte tarii insuraansiin dhuunfaa gatii isaa haga tokko ni danda'a.

Namoota mana yaalaa mootummaaf gahoo tahaniif Medicare kan yoo mana yaalaa mootummaatti deessuu fi deddeebiin ilaalama taasiftuuf gatii isaa ni danda'a.

“wantoota akka qorannoo ykn ilaalama da’umsa duraa, deessistuu ykn ogeeyyii da’umsaa kee waliin taasiftu irratti, kaffaltiin ‘kiisha keessaa’ baastu hin jiru. Wantoonni akka barnoota da’umsa gareedhaaf gaggeeffamuu, ogeessota jabina qaamaa, ogeeyyii nyataa fi hojjettoota hawaasummaa ykn (SW), akkasumas deggersa fayyaa sammuu yoo barbaaddees, kun hundi waan kaffaltu hin qabdu," jedhti aadde Rahchel.

“Sanas tahu garuu yeroon itti maalaqa xiqqoo ykn dabalaa baasuu maltu tarii ni jiraata taha. “

Kununsitoota da'umsaa kee kan yoo kaffaltiin Medicare ykn insuransii dhuunfaa keen alaa jiraate gaafadhu.

Yeroo ulfaa fi da'umsaa eenytu na kununsa?

Waan si barbaachisuu, tajaajila jiru fi eessatti da’uu akka barbaaddu irratti hundaawee deessistoota, Ogeessa Fayyaa, Ogeeyyii da’umsaa ykn kanneen hundaanuu tajaajilamuu malta.

Yoo kan mana yaalaa mootummaatti da’uuf karoorfattuu, yoo da’umsi kee haalaan wal xaxaa fi balaa kan qabu tahe qofa ogeeyyii da’umsaa tajaajilamta.

Kan insuraansii dhuufaa qabdu yoo tahe deessistuu dhuunfaas barbaaduu malta ykn ogeessitoota da'umsaa dhuunfaas.

"Deessistootni dhuunfaa akkuma beekamu, ulfa nageenya qabu, kan haala fayyaa wal xaxaa hin taane qaban yeroo tajaajilan, ogeessotni daúmsa ammoo irra caalaatti ulfa haala wal xaxaa fayyaan wal qabate tajaajilutti ogummaa addaa warra qabani dha," jedhti aadde Rachel.

"Haa tahu malee lachuu kununsa hedduu dansa tahe kennu. Kanuma keessatti garuu,  filatnoo sirrii haala keef tahu fi fedha dhuunfaa kee irratti hundaawa."

Australia Explained - Birth Care
Continuity of care can help reduce the chance of premature birth. Credit: SDI Productions/Getty Images

Kununsa walitti fufa jechuun maal?

Kununsa itti fufa qabu qabaachuu jechuun, yeroo ulfaan jirtu ogeessa fayyaa, deessistoota ykn deessistoota gartuu tokko keessa jiran, kan yoo dhaabbataatti walitti fufiinsaan agartu yoo tahe jechuu dha.

Kununsi tokkoo-fi-tokkoon kennamu haadhaa fi daa'imaaf bu'a qabeessa tahuu qorannoon ciminaan mul'isa.

"Fakkeenyaaf, deessiftuu beekamtuu waliin kunuunsa itti fufuun, carraa yeroo malee da’uu hir’isuuf gargaaruu akka danda’u, ragaaleen ciccimoon ni eeru.

Hannah Dahlen University Dhiha Sydney keessatti Profeesera Deessistootaa yeroo taatu, akkaataa itti fufiinsi kununsa deessistootaa itti hojjetu ibsiti."

Mana yaalaan alatti da'uu nin dandaá

Australia keessatti da’umsi hedduun mana yaalaa keessatti taha.

Tarii yoo naannoo ee jiraateef bakka da'umsaa "birthing centre" filachuu malta. Bakki kun da'ums anageenya qabu waan birmatnaa baayyee hin barbaachifne irratti xiyyeeffatu.

Kan yoo fayya buleeyyii tatan da'umsi keessan balaa kan hin qabne tahe manatti dahuunis filannoo biraa dha.

“Da’umsi manattii, kan yoo deessistuun sirnaan galmooftee jirtu, yeroo ati ulfa turte guutuu si tajaajilaa turte tahe, akkasumas manatti deessisuuf bibila irra kan jirtu yoo tahee fi mana kee kan dhuftu yoo tahe dha," Pfof Hannah akka ibsitutti.

"Haala kanaan wanti hundi yoo siif salphate daa’ima kee manatti deesse jechuu dha, kanaan achi deessistuun kee haala hamaa dha jedhtee yoo yaadde mana yaalaatti si dabarsiti."

Ogeessi fayyaa kee fi deessistuun kee manatti dahuun bu'aa fi fafa inni qabu siif ibsu.

Manatti da'uu (homebirth) fi da'umsa bilisaa (freebirth) tokkoo?

Manatti da''uu (Homebirth) fi daúmsa bilisaa ( freebirth) tokko miti.

Da'umsa bilisaa (freebirths) ogeessotni sirnaan galmaawan bakka da''umsaa sana hin jiran.
Prof Hannah Dahlen

Manatti dahuu ykn homebirth kan jedhu garuu yoo xiqqaate namni ogeessa fayyaa tahe tokko meeshaa barbaachisu qabatee achitti ni argama, kunis keessattii deessistuu sirnaan galmoofte jirtu taati.

“Deessistootni... kanneen akka oxygen, qorsa, bishaan ashaboo, qabatanii dhufu, yeroo waan tokko sirrii hin taane ni beekna, yeros gara mana yaalaatti fuudhnee deemna.

“Kun hundi bakka da'umsa bilisa (freebirth) kanatti ni hir''atu.”

Australia Explained - Birth Care
Take the time to find a care provider that you trust and feel comfortable with. Source: Moment RF / Halfpoint Images/Getty Images

Filannowwan da'umsaa kana murteeffachuu yoon dadhabe hoo?

Filannowwan kana taasisuuf rakkachuun waanuma jiru dha.

Yoo kan haala sammuun si dhukkubuu si mudate , qophaa kee akka hin taane beeki.

Perinatal depression and anxiety (PNDA) yeroo tahe tokkotti warra daa''ima lameenuu isaanii miidhuu danda''a yeroo ulfaa kana ykn da'umsa booda , jedha Mathew Aquilina. Inni gaggeessaa garee fayyaa kan tajaajila fayyaa sammuu kan da''umsa duraa Gidget Foundation Australia, keessa hojjetu.

Australia keessatti, haadholii shan keessaa tokko, fi abbootii 10 keessaa tokko adeemsa da'umsaa kana keessatti PNDA isaan mudata.
Mathew Aquilina

“Wagaa waggaan warri daa''imaa 100,000 hubamuu agarra.”

sammuu barbaadde Ogeessa Fayyaa kee(GP) waliin dubbadhu, akka ilaalamtuuf.

Tarkaanfii salphaa tokko fudhachuun da'umsa kee akkamitti yeroo miidhagaa akka taasistu of gaafadhu, jechuun gorsa obbo Mathew.

“Ykn yoo kun da'umsa jalqabaa miti tahe, isa alanaa maaliin adda gochuu barbaadda?”

Maayyii irratti, odeeffatnoo argachuun da''umsa kee murteeffachuu jechuun, filatnowwan qabdu beekuu fi murtii fudhattu irratti deggeramuu akka dandeessu beekuu dha.

" Waa’ee dubbattee dhageessifachuu, aadaan kee fi fedhiin kee siif kabajamuu, akkasumas murtii kam keessattu hirmaachuu fi dhimma kee irratti maree sii fi, deessistuu kee akkasumas ogeessa fayyaa kee gidduutti tahu irratti hirmaatnaa gahaa qabachuu kee dabalata," jechuun aadde Rache, gaggeessituun fayyaa da'umsaa fi daa'imaa goolabdi.

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now