Watch FIFA World Cup 2026™ LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Guyyaan Oromtittii Hawaasni akka addatti kabajata - Obbo Bantii Ol-iiqaa

Suuraa ONE.jpg

Obbo Bantii Ol-iiqaa DT Hawaasa Oromoo Melbourne

Guyyaan "Oromtittii" Magaalaa Melbourne Australia keessatti Dilbata dabre Bitootessa digadamii saddeetti guyyaa irraa eegalee kabajamee oole.


Qophii Guyyaa Oromtittii bara 2026 ilaalchisee, obbo Bantii Ol-iiqaa Dura ta'aa Hawaasa Oromoo Melbourne dubbifnee turre. Obbo Bantiin guyyaan Oromtittii ega kabajamuu jalqabee waggoota sadan dabraniiru jedhu. Akka obbo Bantiin jedhanitti guyyaa Oromtittii kabajuun hawaasa keenyaan kan deggeramee fi hirmaatnaan isaanis daran kan duukaa jiru dha jedhu.

Suuraa 6.jpg

Obbo Bantiin itti dabalanii guyyaan Oromtittii bara kanaa haala ho'aan kabajamee oole yemmuu jedhan, qophiin akkasii jiraachuun hawaasichi iddoo tokkotti dhufee waliin yeroo qabaachuu irra dabree ijoolleedhaaf iddoo itti wal argan taheera jedhu

Dubara (2).jpg

Ijoolleen tapha gara garaa waliin taphataa turan kan jedhan obbo Bantiin , ijoolleen yeroo yerootti wal arguu sana gammaduu irraa wal biraa deemuun illee itti tolaa hin turre jedhan.

Xumura irratti obbo Bantiin, hawaasni keenya guyyaa kana guyyaa dubartootaa addunyaa irratti beekamu irraa addatti kan dubartoota Oromoof kan kabajuuf sababa qabaa jedhan. Seenaa isaan hawaasa isaanii tajaajiluu keessatti qaban, cichoominaa fi jabinni isaan maatii keessatti qabanii fi addatti itti gaafatamummaa isaan bahatan sababoota nuti guyyaa beekamtii addaa akka hawaasaatti kenninu keessaa haga tokko jedhu. Hawaasni jala bu'ee guyyaa kabajatnaa waggaa waggaatti deemus hordofuun bal'inaan akka irratti argamu yeroo dhaaman, bakki kun bakki ijoolleen keessan illee wal agartee gammaddu waan taheef qooda fudhannaan keessan barbaachisaa dha jedhaniiru obbo Bantii Ol-iiqaa.

Ijoollee (2).jpg

Guyyaa kanatti dubartootnis uccuu aadaa isaaniin faayamanii mul'ataniiru.

Suuraa 2.jpg

Suuraa 3.jpg


Share

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Watch now