Watch FIFA World Cup 2026™

LIVE, FREE and EXCLUSIVE starting June 12 2026

Qajeelcha gosa boba'aa Australia keessaa | ilaalcha boba'aa irratti- Australia Explained

Albanese Government Announces Fuel Excise Cut

Shop around for the best fuel price because there should be no quality difference across petrol retailers. Credit: Morgan Hancock/Getty Images

Gatiin boba’aa tasgabbaa’aa waan hin taaneef konkolaachiftoonni guutuu Australia kaffaltii dabalataa kaffalaa jiru. Kanaafuu, yeroo guuttan filannoo boba'aa gatii salphaa ta'e argachuuf deemuun hiika qabaa? Deebiin isaa baay'inaan motora konkolata keessan waan barbaachisu irratti hundaa'a, sababiin isaas boba'aan hundi konkolaataa hundaaf hin hojjetu waan taheef.


Published

By Zoe Thomaidou

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS



Share this with family and friends


Gatiin boba’aa tasgabbaa’aa waan hin taaneef konkolaachiftoonni guutuu Australia kaffaltii dabalataa kaffalaa jiru. Kanaafuu, yeroo guuttan filannoo boba'aa gatii salphaa ta'e argachuuf deemuun hiika qabaa? Deebiin isaa baay'inaan motora konkolata keessan waan barbaachisu irratti hundaa'a, sababiin isaas boba'aan hundi konkolaataa hundaaf hin hojjetu waan taheef.


Gosoonni boba’aa gurguddoon buufataalee tajaajilaa Australia keessatti argaman boba’aa sadarkaa adda addaa kan unleded jedhaman, ethinolliin kan makame fi diesel kanneen jedhaman of keessatti qabatu.

Kan boba’aa ittiin buufatan gurguddoo sadii jiru: boba’aa octane 91, kan boba’aa idilee unleaded jedhamuun beekamu, boba’aa kan sadarkaa ol-aanaa unleaded octane 95 fi octane 98 jedhamu qabu.

Lakkoofsi kun malaa herrega addaf jecha xiqqoo ishee kan biyyoota biroo irraa garaagarummaa qabaachuu danda’a.

Garuu mirkanni tokko, qulqullina boba'aa walqixa ta'een walsimu jedha Zach Aman Piroofeesarri chemical engineering , yeoo ammaa University Dhiha Australia keessatti gaafatamaa itti aanaa Barmootaa tahee kan hojjetu.

 “Kanaaf fakkeenyaaf gara US yoo deemtan, okteeniin sadarkaa gadi aanaa, giddu galeessaa fi olaanaa, akka aadaa isaaniitti 87, 89 fi 91 jedhamuun kan waamaman ni argitu. Asitti 91, 95, 98. Tokkoon tokkoon haalaa keessatti, salphaatti mootummaan akkamitti shallaguuf filachaa akka jiru dha. Garuu dhugaan dubbii kanaa, dhuma irratti kunniin sadarkaa idil-addunyaatti kan walsimsiifaman ta’uu isaanii ti.”

Sadarkaan okteenii, boba’aan tokko yeroo malee gubachuu danda’u isaa lakka’a jechuun James Williams ibsa. Royal Automobile Club of Victoria, ykn RACV keessatti itti gaafatamaa imaammataa ti.

“Lakkoofsi okteenii fuula bakka boba’aa guuttatanii irratti mul’atu humna inni mootora dammaksuu irratti qabu agarsiisa, kana humnaan akka mootora rukuteetti yaamu. Lakkoofsi isaa hamma olka’u qulqullinni boba’aa ol’aanaa ta’a jechuu dha.”

Sadarkaan okteenii ol’aanaa ta’e jechuun gatiin isaas ol ka’e jechuutti hiikma.

Garuu ga’umsa motoraa ykn dinagdee boba’aa fooyya’aa fiduun dirqama miti.

RACV irra obbo James akka jedhutti yoo konkolaataa ga’umsa ol’aanaa qabu ykn ispoortii oofaa jirta ta’e malee, unleaded 91akka waliigalaatti baay’ina kiiloo meetira kamuu yoo deemte filannoo baasii xiqqaa qabu dha.

 “Yoo konkolaataa barame, SUV xiqqaa hanga giddu galeessaa ykn hatchback jedhamu oofta yoo tahe, boba’aa qusachuuf 91 yoo guuttes 98 waliin wal qixa. Akkuma beekamu lin 91 rakasha, garuu kana jechuun in 98 tii konkolaataa keef badaa dha jechuu miti. Salphaadhumatti konkolaataan ciccimaan boba’a isaaf tahu barbaachisa jechuuf.”

Gama biraatiin konkolaataan keessan boba’aa okteenii ol’aanaa qabuun akka hojjetu yoo hojjetame 91 fayyadamuun dansa hin tahu.

Maxxansi keessa konkolaata keessanii bakka boba’aa ittiin guuttan ykn barreeffamni konkolaataa yeroo bittan isinii kenname madaallii octanii oomishtootni gorsan of irraa qaba.

“Garuu yoo gosa boba’aa sirrii hin taane fayyadamtan, kun gahumsa boba’aa keessanii fi hammam konkolaataan sun isin deemsisuu danda’uu isaa qofa utuu hin taane, garuu yeroo keessa gatii cimaa isin baasisa; akkasumas miidhaa gara garaa mootora irraan gahuu danda’a.”

Akkasumas konkolaataa petrola fayyadamutti diesel itti naquu ykn faallaa kanaa gonkumaa hin yaalinaa.

Yoo konkolaataa desel fudhatu oofaa jirtan ta’e, konkolaataan kee gosa boba’aa inni fudhatu waraqaa oomisha konkolaataa irraa hubatte jechuu dha, haaromfamuu ykn fooyya’ee gosa boba’aa biraan wal simachuu isaa ni beektu jechuu dha.

Yoo hin taane garuu, boba’aa dhaabbataatti luucca’uu qabda.

Australia keessatti makaan etaanoolii fi -petroolii baay’inaan kan beekamu E10 dha. Etaanoolii dhibbeentaa 10 kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis boba’aa biqiltootaa irraa argamu yoo ta’u, dhibbeentaa 90 boba’a unleaded jedhamu waliin kan makame dha.

Oktanii ol’aanaa qaba garuu lakkooftuu irratti rakasha. Kana jechuun qarshii sii qusata jechuu miti jechuun ibsa professor Aman.

“Etaanoolii xiqqoo dabaluun sadarkaa okteenii ol ni dabala. Kanaafuu baa’ina bobaa wal fakkaataadhaan konkolaataan kee humna haga tokko ni qabaata. Wanti badaan E10 konkolaataatti naquun fidu boba’aan konkolaataa keessaa baayyee dafee dhuma. Egaa, hamma kiiloo meetira 100 deemtu irratti boba’aan fayyadamtu gara dhibbeentaa sadii dabaluu hubachuuf jirta. Garuu gatii isaa salphaa dha, kanaaf lamaan kun walmadaalu.”

Konkolaataan keessan E10 waliin kan walsimu ta’uu isaa yoo mirkaneeffachuu baattan, barreeffama oomishtootaa konkolaataa keessanii ykn marsariitii isaanii irra ilaalaa jedha professor Aman.

 “Seerri gaariin tokko, warreen waggoota 20 darban fi sanaa ol hojjetaman kam iyyuu E10 waliin kan walsimu ta’uu isaanii ti. Seerri biraa, konkolaataan sun “carburettor” yoo qabaate, tarii E10 waliin walsimuu dhiisuun isaa hin oolu.”

Dhumarrattis, Australia keessatti qulqullinni boba’aa buufataalee tajaajilaa hunda keessatti kan sadarkaa isaa eeggate ta’uu yaadadhu.

RACV konkolaachiftoonni gatii boba’aa isa gaarii ta’een akka bitatan gorsa, sababiin isaas daldaltoota boba’aa hunda gidduutti , garaagarummaan qulqullinaa jiraachuu hin qabu.

Konkolaachiftoota baajata irratti xiyyeeffataniif, boba’aa gatii salphaa ta’ee fi qajeelfama oomishtootaa hordofu ykn guutu argachuun yeroo baay’ee filannoo qusii dinagdee guddaa qaba.


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now