Watch FIFA World Cup 2026™

LIVE, FREE and EXCLUSIVE starting June 12 2026

Alaabaa Aboriginal: Seenaa, hiikkaa fi beekamtii- Australia Explained

Australia Explained – Aboriginal Flag

Children wave the Aboriginal Flag. Source: AFP / STEVEN SAPHORE/AFP

Mana barmootaa, bakka hojii, waajjira gumii naannoo ykn bakka sportiitti alaabaan diimaa, gurraachaa fi keelloo alaabaa Australia cinatti balali'uu argitanii taha. Kun alaabaa Aboriginal ti. Uummata Aboriginal Australia fi walitti dhufeenya isaan lafa, hawaasaa fi seenaa waliin qaban bakka bu’a.


Published

By Nikyah Hutchings

Source: SBS




Share this with family and friends


Mana barmootaa, bakka hojii, waajjira gumii naannoo ykn bakka sportiitti alaabaan diimaa, gurraachaa fi keelloo alaabaa Australia cinatti balali'uu argitanii taha. Kun alaabaa Aboriginal ti. Uummata Aboriginal Australia fi walitti dhufeenya isaan lafa, hawaasaa fi seenaa waliin qaban bakka bu’a.


Tuqaalee Ijoo

  • Alaabaan Aboriginal alaabaa beekamaa biyyoolessaa Australia sadan keessaa isa tokko dha.i
  • Alaabaan Aboriginal bara 1971 akka alaabaa mormii mirga lafaatti kan dizaayiniin isaa hojjetame yoo ta’u, bara 1995tti ‘Alaabaa Australia beekamaa keessaa tokko tahe.
  • Dizaayiniin isaa gurraacha, diimaa fi keelloo ummata Aboriginal Biyyaa fi ifa/aduu kan agarsiisu dha.
  • Alaabaan kun mallattoo mormii irraa gara mallattoo guyyuu nama boonsu, nama simatuu fi of thaummaa mulísu, akkasumas duula “Alaabaa Bilisa Taasisa” jedhuun booda namuu kan tola itti fayyadami tahuu dandaé dha.

Australia keessa, alaabaan beekamaan sadiitu jiru:

  • Alaabaa Biyyoolessaa Australia
  • Alaabaa Aboriginal 
  • Alaabaa Torres Strait Islander  

Ummata Aboriginal baay'eedhaaf alaabaa caalaa. Mallattoo fi yaadannoo ciminaa, dandamachuu fi eenyummaa ti.

Australia Explained – Aboriginal flag
The Aboriginal flag Credit: Richard I'Anson/Getty Images

Alaabaan Aboriginal eessaa dhufe?

Yeroo hunda iyyuu alaabaan Aboriginal hin turre. Alaabaan kun bara 1971tti artistii warraaqaa Luritja fi Wombai, Uncle Harold Thomasiin bocame. Inni ummata Aboriginal keessaa , nama mana barmootaa aartii Dhiha Australia irraa eebbifamuun warreen jalqabaa keessaa tokko.

 Alaabaan Aboriginal jalqaba mormii mirga lafaa bakka Victoria Square jedhamu Adelaide keessatti balal''e, , guyyaa sun yeroo sanatti Guyyaa Biyyoolessaa Abroiginal jedhamuun beekame, barri Adoolessa 12, 1971ture. Yeroo muraasa booda, bara 1972tti Embaasii Dunkaanaa Aboriginal Canberra keessatti argamuun fudhatame, akka mallattoo cimaa mirga lafaa fi hiree murteeffannaatti.

Bara 1995 Mootummaan Australiaa alaabaa Aboriginal akka ‘Alaabaa Australia beekamaa" taasisuun bara 1953 jalatti labsee, alaabaa biyyoolessaa Australia cina dhaabama.

Hiikkaan alaabaa Aboriginal maal?

Alaabaan Aborigina iddo wal qixa lamatti hirama, gubbaan gurraacha, gadiin diimaa fi keelloon walakkaa irratti geengoo tahee muláta.

  • Gurraachi ummata Aboriginal bakka bu'a.
  • Keelloon ifa/aduu bakka buá
  • Diimaan lafaa fi hariiroo uummanni Aboriginal Biyya (lafa) waliin qabu kan agarsiisu

Dubartiin Gomeroi fi aartii kan eegalte artist Fiijii ,Jade Brennan waan alaaban eenyummaa bakka bu'a jedhti

Yeroon alaabicha argu biyya koon arga, ummata koo fi ificha, uumama kan tahe kanan arga. Ifi/aduun maal akka tahe beekna, ummata keenyaa fi dachee keenya walitti fida.
Jade Brennan

"Sun waan nuti baadhannee deemnu dha, dacheen keenya nuuf waan waajiba tokko.... alaabaa qabaachuun hundee irraa eenyu akka taane nu ibsa.

Jade Brennan.jpeg
Jade Brennan Credit: Jade Brennan

Akkamitti jijjiiramootni akka yeroo keessa uumaman, dubartii Wonnaruma Aunty Susan Kendall irraa dhageenya. Isheen naannoo New South Wales magaalaa Condobolinitti guddatte.

Yaadannoon ishee jalqabaa alaabaa Aaboriginal mana barumsaa ykn waajjira gumii gandaatti agarte miti. Yeroo hiriira mormii Television irratti argama ture.

“Dhugaa dubbachuuf alaabicha television irrattan yeroo mormii agarsiisan irratti arge. , Television hundi, saba himaaleen hundi duratti oduu faallaa dabarsu turan.Waa’ee ummata mormiif bahanii kana. Alaabaa German natti fakkaata ture, garuu dhugaatti alaabaa Germany hin turre.  Kun muuxannoo koo jalqabaa Alaabaa Aboriginaal arguu koo ti.”

Yeroo isheen booda keessa barsiiftuu taatu, barmootni Aboriginal fi waaéen alaabaa baayyee hin dubbatamu ture.

“Muuxannoo koo barsiisa jalqabaa jalqabutti, waa’ee gosa barmootaa hin turre barsiisi koo. Waa’ee--- kan nama dhibu halluu dibuutu ture, sunis alaabaa Aboriginaal. Namni halluu kana ykn hiikkaa isaa beektan jirtuuu? Akkasitti ture bara sana waa’ee Aboriginal barsiisuu ilaalchisee kan ture. “

Adde Brennan, alaabaa Aboriginal iddoo hundatti argiti.

“Alaabicha uccuu irratti ykn tumaa qaama irratti alaabaan hojjetatan mana barmootaatti arguun, mana bobbaafaa keessatti wal irraa bitatna turre.  Nama si waliin jiru beekuun, keessattuu hundi keenya bifa garga garaa waan qabnuuf nama si waliin jiru beekuun hagam gammachiisaa dha. “

Yeroo aunty Susan bara alaabichi itti bocame yaadattu, dargaggoonni ummata Aboriginal ammoo argaa guddatan. Adde Brennan alaabich ni ture jedhti:

“Hin yaadadhu yeroo isaa garuu, yeroo hunda nan argan ture. Akkan yaadutti bakkan itti guddadhe Maatraville  gara Kajaga keessatti argaan ture. Bakka oolmaa da’immanii kanaan deemaa ture, gidaara irratti wanneen tolchamanii Alaabaa Aboriginal irraa hojjetamn argaan ture. Baayyee guddatee kaafamee jira ture, miira ulfaataa ture sammuu ijoollummaa kootti.”

Australian and Aboriginal flags
Aboriginal and Australian flags are often flown together. Credit: Jenny Evans/Getty Images

Alaabichi eessaa irraa bakkaiyyuutti mul'achuu eegale?

Yeroo Alaabaan Aboriginal bara 1995 keessa sirnaawaa tahe, Aunty Susan jijjiirama xiqqoo agarte.

“Gaafa sirnaawee fi alaabichi balali’uu eegalu, waa tokko hubatta. Gumiin naannoo alaabicha dhaabbatanii agarta, Si tokko agartee, tole kun dansa jedhtee yaadda. “

Amma , alaabaa Aboriginal arguun fardii tahee agarta jedhti, Aunty Susan.

Asxaa xixiqqoo alaabaa Abriginal irraa hojjetamte konkolaataa irratti nan arga. Sana baayyeen jaalladhe.
Aunty Susan Kendall

Sana arguu dhugummatti baayyeen jaalladhe. Fudhatanis dhiisanis, ykn it boonanis rakkin hin jiru. Sirnaawaa dha. Nmni hundi bareera.Alaabaa Aboriginal ti. Ummata keenya bakka bu'a.

Adde Brennan akka jedhtutti alaabichi bakka tajaajila ummataa jiraachuu fi bakki simataa tahuu dargaggoota Saboota Duraaf barbaachisaa dha.

"Yeroon bakka tokko deemu, simatamaa tahuun natti dhagahamuun fedha, alaabichi achi jiraachuu isaa beekuun .... keessattuu balbala irraa si simachuun."

Aunty Susan fi Jade lameeniifuu, alaabichi bakka tajaajila ummataa, mana barmootaa, riqicha irra, hiriira irra, uccuu irra fi qaama irra jiraachuun madda sabboonummaa fi hariiroo ti.

Australia Explained – Aboriginal Flag
The Commonwealth Government acquired copyright and the flag can now legally be applied to clothing. Source: LightRocket / Ye Myo Khant/SOPA Images/Getty Images

Abbummaan alaabaa Aboriginal eenyuuf?

Wagoota baayyeedhaaf, falmiin seeraa fi aadaa waa’ee alaabaa kana eenyutu fayyadamuu danda’a jedhu illee tureera.

Uncle Harold Thomas, akka nama halluu kana bocee tokkootti mirga itti qaba. Dhimma bahinsa isaa galmeessisee jira, warshaalee dhuunfaa alaabicha uccuu irrattis tahe meeshaalee irratti maxxansuuf to’annoo itti qaban dabalatee. Kana jechuun dhaabbileen fi hawaasni Aboriginal tokko tokko xalayaan seerawaan isaan dhaqqabeera, akkasumas alaabicha uccuu irrattis tahe meeshaa biraa irratti ehamaa fi kafflatii malee akka dhimma itti hin baane itti himamee jira.

Deebii kanaatiif ammoo Faashinni uccuu Aboriginal Clothing The Gaps jedhuu fi michoonni isaanii duula “ alaabaa bilisa taasisa” jedhu gaggeessaa jiran. Alaabaan kun akkuma alaabaa biyyaalessaa kaaniitti ilaalamuu qaba malee akka asxaa dhuunfaatti ilaalamuu hin qabu jechuun mootummaan tarkaanfii akka fudhatu dhiibaa turan. Kaayyoon kanaa namuu bilisa dhimma itti bahuu akka dandaúuf.

Woggoota dheeraaf dhiibbaa uummataa fi duula taasifame irraa kan ka’e mootummaan mirga gargalchii Alaabaa Aboriginal , uncle Harold Thomas irraa argachuu isaa bara 2022 keessa beeksise.

Kana jechuun:

  • Ammaan tana alaabaa Aboriginal ummatni bilisa tahee itti fayyadama, akkauma alaabaa biyyoolessaa Australia.
  • Namootni alaabicha uccuu irra, ykn daldala tahe aartiif bilisa fayyadamuu danda'u.
  • Ummatni Aboriginal alaabaa isaanii sodaa seeraa tokko malee dhimma bahuu danda''u.
Australia Explained – Aboriginal Flag
The Aboriginal flag is projected onto the Sydney Opera House on January 26, 2026. Source: Anadolu / Claudio Galdames Alarcon/Getty Images

Aunty Susan, of booda deebitee yeroo ilaaltu, alaabichi wal hubatnoo waée uumeera, garuu hojiin i hojjetamuu qabu jira jedhti.

“Alaabaa Aboriginal jechuun waa slphaa miti. Namuu maal akka inni tahe ni beek, eenyuun akka inni bakka bu’u. Aadaa baradhaa itti bohaaraas, keessattuu aadaa Aboriginal, sababni isaas keessa jiraachaa jiru.  Hubannoo gaarii irraa horadhaa, aadaa keessan godhachuu hin qabdan garuu hubadhaa ittiin boonaa- Asi jiraachuu keessanitti boonaa akkasumas Alaabaa ofii keessaniin boonaa.”

Godaantota haaraaf, alaabaan Aboriginal lafti irra jiraattan kun dachee Aboriginal tahuu akka hubattan isin afeera.

Lafa jiraattanitti maqaa saba naannoo ykn sabootaa akka barattan, ummata Aboriginal

Bakka jiraattanitti maqaa Saba ykn Saboota naannoo keessanii akka barattan, akkasumas ummata Aboriginal seenaa Australia keessatti: kan dabre, kan jiruu fi egereef giddugaleessa akka ta’anitti akka ilaaltan isin afeera.

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now