SBS Ummatoota Aboorijiinaal fi Torres Strait Islander guutuu Australia keessatti akka isaan aadaan Abbootii Biyyaa tahan, fi hidhata isaan walitti-fufiinsaan lafa, Bishan fi hawaasa waliin qabaniif beekamtii kenna.
Australia haqa haa tarkaanfachiifnu faaruun jedhu hundee irraa bara 1878 nama Australia barsiisaa mana barmootaa fi barreessaa faaruu ture Peter Dodds McCormick kan jedhamuun barreeffame. Faaruun kun Ebla 19 bara 1984 faaruu biyyaalessaa Australia tahuun mirkanaawe.
Bara 2021 jechoonni Faaruu sarara lammaffaa irratti argaman ‘dargaggeessaa fi bilisa’ kan jedhu irraa gara hammatamummaa calaqqisiisu ‘tokko fi bilisa’ kan jedhuttii fooyyawe.
Faaruun kun qophiilee sirna qabeessa tahan, dorgommee spoortii fi qophiilee hawaasa adda addaa irratti ni dhageessifama.
Faaruu Biyyaalessaa australia
Australia hundi haa gammadnu,
|
ilmaan tokko, bilisas waan taaneef;
|
Biyyee fi qabeenya warqee qabna;
|
Manni Keenya galaanaan kan marfame;
|
Lafti keenya uumamaan badhaadhaa
|
Bareedinni keenya sooroma hin argamne;
|
Fuula seenaa keessatti Sadarkaa hundatti
|
Australia haqa haa tarkaanfachiifnu.
|
Dhiphina gammachuu keessatti haa faarfatnu
|
Australia haqa haa trakaanfachiifnu.
|
Southern Cross keenya ifa ta’e jalatti
|
Onne fi harkaan ni dadhabna;
|
Commonwealth keenya kana taasisuuf
|
Lafa hundumatti kan beekame;
|
Warra galaana ce’anii dhufaniif
|
Dirree daangaa hin qabne qooddannuuf qabna;
|
Hamileedhaan hundumtuu walitti haa dhufnu
|
Australia haqa haa tarkaanfachiifnu.
|
Dhipina gammachuu keessatti haa faarfatnu,
|
Australia haqa haa tarkaanfachiifnu.
|
- Credit: Don Arnold/Getty Images
Waadaa Lammummaa Australia
Eega bara 1949 lammummaan Australia jalqabame as namoonni miliyoona jahaa ol lammii biyyaa fudhataniiru.
Sirni qophii lammummaa guyyaa lammummaa Australia Adoolessa 17 kabajamu dabalatee, gumii naannootiin kan qophaa’u dha.
Akka qaama sirna qophii kanaatti Faaruun Biyyoolessaa Australia kan faarfatamu yoo ta’u, namoonni itti gaafatamummaa lammummaa Australia fudhachuudhaan waadaa seenu.
Waadaan kun bifa lama kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa tokko maqaa Waaqaan.
Waadaa bifa 1fa
Ammaa qabee maqaa Waaqaan,
Australia fi ummatta isheef amanamuuf waadaa nan gala,
Kan ani amantaa dimokraasii waliin qooddadhu,
Kan ani mirgaa fi bilisummaa isaa kabaju, akkasumas
Kan ani seera isaa kabajuu fi ajejamu.
Waadaa bifa 2fa
Ammaa qabee,
Australia fi ummatta isheef amanamuuf waadaa nan gala,
Kan ani amantaa dimokraasii waliin qooddadhu,
Kan ani mirgaa fi bilisummaa isaa kabaju, akkasumas
Kan ani seera isaa kabajuu fi ajejamu.
Faaruu Biyyaalessaa Australia fi Waadaa lammummaa Australia Afaan keessaniin dubbisaa akkasumas dhaggeeffadhaa.