Yaada hirmaattotaa irraa eegale:
Adam: yeroo gaafannu hirmaattonni waa’ee muuxannoo jireenya isaanii keessatti ulfaataa ykn mixannoo ulfaataa qaban akka barreessan affeeramaniiru. Achiis isaan, al tokko barreessanii, kosii keessa buusuuu qabu, sana gatuu qabu turan. Kana kan agarsiisu immoo muuxannoo gaddisiisaa isaan mudachuu danda’u kana irraa gadhiisuu fi fayyuu hayyamuu ture. Kaardii addaa irrattis waan isaan galateeffatan barreessan kanaaf waan nama gaddisiisu of irraa baasaa turan. Achiis gama biraatiin waan dhuguma galateeffatan barreessaa turan. Akkasumas yaadannoo tokko kan dhuguma nu tuqe, yaada carraan akkanaa osoo baay'ee natti tola jedhufaatu ture. Kanaaf yeroo itti yaaddan ergaan sun qofti taatee kana guutuu gatii akka qabaatu fi taatee sa’aatii afuriifi shanii yeroo hunda daqiiqaa shan qofa haasawa tokko keessatti erga dabarsee booda akkamitti dargaggoota akkasii irratti yaada gadi fagoo akkasii uumuu akka danda’u kan nama hin ajaa’ibu taasiseera. Kanaaf waan ajaa'ibaa ture jedheen yaada. Yeroon akkanaa immoo kaka’umsa akka qabaannu kan nu godhu dha. Kanaafuu walta'iinsa dhaabbilee adda addaa guyyaa sanatti taasifame irraa wanti galmaan ga'uuf yaalaa jirru jiraachuu agarsiisa.
Lensa : Walgahicha irraa maaltu eegama, itti bahi isaa hoo?
Adam: Eeyyee, eeyyee, walgahii qabatamaa irraa Barnoota Nagaa fi haasawa akkasumas tapha wal-geettii fi warren haasawa taasisan dhufan irraa callaqqisutu ture akka barattoonni namoota aango’oota gaaffii gaafachuuf carraa argataniif, kunis, warren haasawa taasisan kana keessaa sadii ykn afur kan dhufan qabna turre. Egaa guyyaa sana irraa wanti dhuguma galmaan gahuu barbaadne, barattoonni dhaggeeffatamuu akka qaban, wantoota adda addaa ajaa’ibaa manneen barnootaa keessatti, hawaasa keessatti argatnu kanaaf hubannoo fi dinqisiifannaa argamsiisuu danda’an uumuuf yaalaa akka jirru, akkasumas nuti cimnee fi humna guddaa akka qabatnu, akkasumas aadaa adda addaa ajaa’iba adda addaa kana hunda yeroo walitti hidhuuf ogummaa guddaa akka qabnu ibsuuf akka ta’e natti fakkaata. Kanaafuu wantoota keessaa tokko barattoonni akkasumas karaa haasawaa, kan qaama Barnoota Nagaa ta'e, akka isaan waa'ee addaa dubbatan illee tahe, sababiin isaas Barnoota Nagaa keessa barsiisni 12 waan jiraniif akkasumas barsiisni mata duree tokkoon tokkoon isaanii keessatti gosoota xiqqaa muraasni waan jiraniif, garuu ja'a qofa kan guyyaa sanatti agarsiisuu fi agarsiisuu fi calaqqisiisuu barbaanne akka beekan gochuu ture jedheen yaada. Karaa sanaas, beekta, wantoota ajaa'ibsiisoo keessaa tokko, maree tokko irratti ture innis gaarii ture. . Kanaafuu wanti nuti namootatti agarsiisuu barbaanne, wanti fedhe iyyuu si mudate, wanti jireenya kee keessatti ta'e, dhuguma eenyummaa kee hin xiqqeessu kan jedhu ture. Fakkeenya keessaa tokko maallaqa doolaara dhibbaa ol kaaseen namuu akka barbaadu gaafadhe, deebii eeyyee jedhu argadhe, qaricha cafaqee harkatti qabadheen yaada isaanii gaafadhe ammas eeyyee dha. Booda bishaan xuraawaa keessa buuseen amma illee gaafficha gaafadhe, kaan ni maman, kaan ammo amma iyyuu akka doolaara tahee fi qulleessanii fayyadamuu akka danda’an waan beekaniif ani ni barbaada jedhan. Egaa sun kan agarsiisuuf tattaafatame, Qabxiin sana ture. Jireenyaan waanuma fedhe keessa dabartus ati isuma duri amma illee eenyummaan kee hin jijjiiramu. Takkuma namaa gaditti of hin yaadin, barattoota keessatti, maatii keessatti, aadaa Melbourne keessattis ati gat-qabeessa kan jedhu dha. Waan akkasii ti isaanis kan barnooticha irraa argatan. Barmoota nagaa kana irraas want ibsuu barbaadne, abdii fi ilaalchi namaa akkan jijjiirama akka deemu. Hojii cimaa dhaa, guyyaa gaariis ture, barattootaaf, hawaasa dhufe kanafaa hubachiisuuf ture.
Lensa: Yaada xumuraa fi walumaa gala HWPL akkuma maqaa isaa ti moo, maqaan fi hojiin isaa akkamiin wal gita ?
Adam: HWPL irraan jalqaba. Maqaan isaas maali jedhtee na gaafatte, kanaaf. Kunis bakka namoonni baay'een nuti dhaabbata miti mootummaa fi, dhaabbata siyaasaa hin taane, amantii hin taane akka hin taane itti yaadani dha. namoonni baay’inaan nu waliin hojjetanii fi waan nu waliin hojjetan, nuti dhuguma gara nagaa fi nagaa qofaatti hojii akka hojjennu ni hubatu. Garuu maqaan kun namootaaf ilaalcha adda ta'e kennuu danda'a. Maqaan isaas HWPL jedhama. Amma, sababni hiikkaan sun, sababni isaas Kooriyaa Kibbaa waan ta'eef, kanaaf afaan adda ta'een waan ta'eef akkuma afaanota hundaan beeknu, yeroo kaa'uuf yaaltu sirrii miti, gara afaan Inglishiitti yeroo hikamu adda. Kanaaf Asia keessatti amala keessaa hiika tokkoo ol qabaachuu danda’u. Kanaafuu wanti qabatamaan hiikni isaa samii dha. Garuu samiin akka gaariitti waan hiikkaa hin laatneef, “heavenly” jechuu filataniiru. Kanaafuu kanaaf kanaafi dha namootni heavenly kan jedhu akka amantiitti dhaa? Garuu Samii jechuu dha, aadaa, gosa , akkaataa jireenyaa hunda ibsa. Dura tahanis akkana jedhee yaamuu kan barbaadeef kanaaf, Melbourne keessa nagaa idil addunyaa jedhnee yaamuu dandeenya turre. Dhuguma maqaan sun akka dhaabbatu, wantoota nuti gara akkamitti nageenyi akka galma gahuu danda’utti dhugaa qabnu hunda jedhnee yaadna. Kanaafuu maqaan qabatamaan sun kanuma.
Garuu nuti dhaabba miti-mootummaa dha. Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanii waliin galmoofnee jirra. Siyaasaa, amantii kami iyyuu keessatti garee hin fudhatnu. Kaayyoon keenya sanii oli. Kaayyoon keenya nagaa uumuu jecha daandii sadii irratti xiyyeffanne, sunis karaa sera nagaa, amanitin kamuu hariiroo qabaachuuf carraa kennuufii, sababni isaa hunduu waan ofiitti ko’ommata kan amantii isaa ykn garee isaa ala tahee waliin wal arguuf yeroo hin qabu waan taheef sana mijeessina,kana yoo hin goodhne nutti dhagaahama, kan biraan karaa mataduree barnootaa 12 jiranii barmoota nagaa kennuu dha.
Dhaamsa xumuraa
Adam: Har'a addunyaa kanarra namoonni biliyoona 8 ol ta'u. Akkasumas ilaalcha keenyaa fi hawaasa adda addaa fi ilaalcha aadaa hedduu, hedduu irraa, nagaan xiqqoo abjuu fakkaata jira, sababiin isaas addunyaa kana irratti jeequmsi hedduu waan jiruuf. Akkasumas nagana waan hin fakkaanne tahee yaadama. Nagaan moo? Akkamitti tahuu danda’a jedhamuun yaadama. kanaafis akkan tilmaamutti karaa keenyaan kan jedhnu utuu namni hundumtuu ergaa nagaa baatee deemee, qalbii tokkoon fi kaayyoo tokkoon jechuun kan nagaa labsu achii caalaa nagaa fi tokkummaan walitti dhihaanna kan dur caalaa.
Kanaafuu dhaadannoon HWPL dura taa'aan qopheesse, innis nuti tokko kan jedhu dha. Eessaa iyyuu yoo dhufte, duubbeen fi aadaan keenya eessa irraa iyyuu tahu , nuti hundi keenya tokko. Nuti hundi waan tokko hawwina, sunis hundi keenya hubatamuu, jaallatamuu, hunda keenyaaf dhiifamuu, fi hundi keenya gati-qabeessa tahuu kabajamoo tahuun hubatamuu , akkasitti hundi keenya waliin hojjetna. Wal-qixxummaan akka jiraatu,
Akka ani yaadutti hundi keenya akkas akka tahu barbaadna. Hojii guddaatu nu dura jira, hariiroo namoota gaggaarii waliin qabnu waliin hojjechuu itti fufna deebii barbaadnu argachuuf, sunis Nagaan Hundumaaf, “ kan jedhu jechuun xumure Adam.





