Tuqaalee Ijoo
- Shanan dubartii Oromoo, daafirummaa da'umsa boodaa (Post natal depression) ni ittisa kan jedhanis jiru. kanaaf wal bira dhaabbannaan akkasii itti fufuu qaba jedhu.
- Marqaa waliin qooddachuu
- Aadaa duudhaa ganamaa jabeessuu
- Waliin tahuun miira sammuu, qaamaa fi qalbiif nyyata gaarii tahuu.
Aadde Fayinee utuu isinii dhiheessin dura mee qophichi maal illaallataa isin qabachiisna. Ummatni Oromoo aadaa duudhaan qabu keessaa tokko mirga dubartootni Oromoo aadaa fi sirna Oromoo keessatti qabanii dha. Isaan keessaa tokko guyyaa addaa tahee dubartootni yeroo daa’ima godhatan guyyaa shanaffaatti shaman isaanii kabajatu. Shanan, sirna aadaa walitti dhufeenya dubartootaa jabeessuu fi haadholi reef daa’ima godhatan bohaarsuu keessatti gahee guddaa qaba.
Gaafa shananii marqaatu tolfama, dubartootnis wal gahanii maraqaa kana qooddatu, ega marqaan nyaatamee booda sirna ittiin qodaan itti nyaatame lafaa ka’us ni qaba, akkuma qodaa nyaataa kaaanii fudhanii hin deeman. Haadhti daa’imaa gola hir’ibaa ishee keessaa akka hamaamotaatti dubartootaan marfamtee wedduun guyyaa sana ilaallatu weeddifamaa gor-duubatti gadi baati,
Bakka haadha daa’imaaf qophaawe geessutti weeddifamaa deemama. Bakka addaa teessu qabdi, dubartootni kaanis naannawaa ishee marsanii taahu. Askutiinis aantee ykn dubartoota itti dhihaataniin ni fuudama. Askutii si’a shan fuudhanii haadha daa’imaa afaan kaa’u. Ega namni hunduu nyaatee raawwateen booda, qodaa marqaan itti nyaatame tokkotu fo'atama. Qodicha haadha daa’imaa ittiin eebbisanii lafaa kaasu kaasu. Ijoollee dardarris argamuun qophicha irraa waa barchuuf carraaqu, walii isaaniis carraa itti wal argan keessaa tokko jedhanii yaadu. Saniin booda wallee aadaan bohaaruu, nyaachuu, dhuguu fi waliin taphachuu itti fufu. Aadaan kun qor-qalbii haadha daa’imaa saniif faaydaa kennu qaba jedhu. Miira gammachuu fi edaa ani kophaa koo miti kan jedhus itti dhagahamas jedhama. Egaa egaa aadde Fayine haala kana irratti gabaabsee gaaffii gaafadhe itti dhihaadhaa. Nutis qophiin kun, nagaa fi fayyaa dubartootaa irratti gahee guddaa qabaachuu qoratneen gara fuulduraatti beektotaa fi muuxannoo kanneen qaban aadaa kana irratti qoratnee isinii dhiheessuu yaalla. Gaaffii fi Deebii Aadde Fayyinee waliin taasifne, fedha ishee waan taheef guddifnee galateeffatna.