Key Points
- Waliigalteen, waliigaltee sirnaa mootummootaa fi ummatoota Aboriginal fi Torres Strait Islander gidduutti taasifamuu dha.
- Ummatni Saboota Jalqabaa hedduun waliigaltee akka tarkaanfii haqaa, kabajaa fi hariiroo foyyawaa gara fuula duraa akka tahetti ilaalu.
- Waliigaltee biyyoolessaa tokko, guutuu Australia keessatti mirga Aboriginal fi Torres Strait Islander beekamtii kennuuf waliigaltee tokko, guutuu biyyattii uuma.
- Garaagatummaan mirga Dachee Abbootii Dachee, abbaa qabeenyummaa fi waliigaltee jiru maal?
- Australia keessatti waliigaltee jechuun maal jechuu dha??
- Waliigalteen maaliif barbaachise?
- Walii galteen maalfaa dabalata?
- Waliigaltee Australia keessaaf itti aanee maaltu tahe?
Waliigaltichi waliigaltee seeraatti hidhame fi gareewwan ykn qaamolee adda addaa gidduutti, kan waliin marihatamu, fakkeenyaaf ummata Aboriginal fi Torres Strait Islander fi Mootummaa Australia gidduutti jechuu dha.Waliigalteen akkamiin akka itti waliin hojjetan, mirga Saboota Jalqabaaf beekamtii kennan, seenaa fi karoora fuula duraa akka baasuu danda'utti hojjeta.
Waliigaltee hubachuun seenaa Austiraaliyaa waliin walqabsiisuuf karaa cimaa dha. Seeraa fi siyaasa qofa osoo hin taane, kabaja, dhugaa, fi hawaasa haqa qabeessa ta’e nama biyya kana qe’ee jedhee waamu hundaaf ijaaruu dha.
Garaagartummaan mirga Dachee Abbootii Dachee, abbaa qabeenyummaa fi walii galtee gidduu jiru maal?
Yeroo baayyee walumatti ilaalama garuu hiikaan isaa garaa gara:
- Mirga Dachee Seerota mootummoota naannoo tokko tokko lafa Crown ummatoota Aboorijiinaal fi Torres Strait Islander tti deebisan uumaman, yeroo baayyee gumii naannoo lafaatiin kan bulfaman.
- Mata duree dhalootaa:Namoonni Saboota Duraa tokko tokko amma illee seeraa fi aadaa isaaniitiin mirga lafaa fi bishaan isaanii akka qaban beekamtii seeraa kennuu.
- Waliigaltee: Waliigaltee sirnaa mootummootaa fi ummatoota First Nations gidduutti taasifamu.
Walumaagalatti, maloonni kun ummatoota Saboota Duraatif haqaa, beekamtii fi hiree murteeffannaa kennuu kan kaayyeffate dha.

Protesters march from Parliament House to Flinders Street Station during the Treaty Before Voice Invasion Day Protest on January 26, 2023, in Melbourne, Australia. (Photo by Alexi J. Rosenfeld/Getty Images) Credit: Alexi J. Rosenfeld/Getty Images
Australia keessatti walii galtee jechuun maal jechuu dha?
Waliigalteen waliigaltee seeraan dirqisiisu garee lama gidduutti taasifamuu dha. Biyyoota akka New Zealand, mootummoonni fi Maoriin Waliigaltee Waitangi mallatteessaniiru. Canada keessatti ummatoota Saboota Jalqabaa waliin waliigalteewwan hedduutu jiru.
Biyyoota biroo irraa adda ta’ee, Austiraaliyaan yeroo koloneeffannaa Ingilizii ummatoota ishee Saboota Jalqabaa waliin waliigaltee biyyoolessaa hin taasifne. Ingilizoonnis jalqaba lafa Aboorijiinaal irra yeroo qubatan ‘terra nullus’ jechuun labsan, jechuunis lafa abbaa hin qabne jechuu dha. Kanaaf, saboota Aboorijiinaal waliin mari’achuun barbaachisaa ta’uun itti hin mul'atne. Waliigalteen tokko illee waan hin jirreef, waa'ee dachee , qabeenya, ykn aangoo murtee kennuu qooddachuu irratti waliigaltee bal'aan ta'ee hin beeku - qaawwa namoonni baay'een akka hojii hin xumuramneetti ilaalan dha
Ummata Saboota Jalqabaa hedduuf kun “daldla hin xumuramne” dha, kanaaf har'a walii galteen mata duree guddaa irratti dubbatamu kan taheef.
Mariin waliigaltee asitti taasifamu seenaa sana beekuu, mirga kabachiisuu, fi hawaasni Saboota Jalqabaa keessatti sagalee dhugaa akka qabaatan mirkaneessuu dha. Ogeessi seeraa Dr Haarii Hoobs akkas jedha:
"Akka yaadaatti, gama tokkoon, waliigalteewwan hawaasa Aboorijiinaal fi Torres Strait Islander fi mootummoota naannoo fi federaalaa gidduutti ni mari’atama, Sababni isaa heerri mootummaa Australia paarlaamaa federaalaa fi paarlaamaa naannoo gidduutti aangoo waan qooduuf.”
Ummatoonni Aboriginal fi Torres Strait Islander egeree waliinii mirkaneessuu, milkaa’ina nama hundaaf cimsuu fi aadaa Saboota Jalqabaa Australia har’aa beekamtii kennuu fi kabajuu barbaadu. Dhuma irratti waliigaltee Australia keessatti waa’ee waan darbe amanamummaadhaan dubbachuu, fi gara fuulduraatti kallattii haaraa kaa’uu jechuu dha.

(from left to right) Former Queensland Truth-Telling and Healing Inquiry chairperson Joshua Creamer, NSW Treaty Commissioner Naomi Moran and co-chair of the First Peoples' Assembly of Victoria Ngarra Murray. Credit: NITV / The Point
Walii galteen maaliif dhimma tahe?
Ummatni Aboriginal fi Torres Strait Islander hedduun, waliitalteen tarkaanfii gara haqaa fi kabajaatti geessuu dha jedhanii amanu.
Namni Gunditjmara fi Gaggeessaa waliigaltee Reuben Berg akkas “Akka ani yaadutti waliigalteen furtuu dha, kun waa’ee hariiroo Saboota Jalqabaa fi mootummaa gidduu gad dhaabuu ti, Sadarkaa waliigala-naannoottis haa tahuu Sadarkaa walootti tahuu mala," jedha.
Walii galteen sababni dhimma taheef:
- Ummatoota Aboorijiinaal fi Torres Strait Islander akka Ummatoota Jalqabaa Austiraaliyaatti beekamtii kennuu.
Waa’ee seenaa Australiaa dhugaa himuu dandeessisuu. - Dhimmoota akka dachee, fayyaa, barnoota, misooma dinagdee fi aadaa irratti tumsa dhugaa ijaaruu.
Dhalataan Wirdi, namni tahe namni seeraa Tony McAvoy akka jedhutti “Yeroo jireenya keenya to’achuu dandeenyu, murtoo ofii keenyaaf murteessuu fi tajaajila ofii keenyaaf kennuu dandeenyu, nama fayyaa qabeessa fi cimaa, keessattuu aadaanis tahe hafuura keenyaan nagaa qabaanna. Yoo kun bu’aa waliigaltee keessaa tokko tahuu fudhatte, sun biyyattii waliigalaaf akka malee dansa. “
Walii galteen maalfaa dabalata?
Walii galteen wanneen baayyee ilaallata kanneen armaa gadii dabalee:
- Abbaa biyyummaa fi mirga ummatoonni Saboota Duraa waa’ee hawaasa isaanii murtoo murteessuuf qaban beekamtii kennuu.
- Waliigalteewwan waa’ee itti fayyadama, bulchiinsa, fi eegumsa dachee, bishaanii fi qabeenya.
- Afaanota, iddoowwan aadaa fi duudhaa haaromsuu fi eeguuf waadaa seenuu.
- Sagantaawwan fayyaa, barnootaa, mana jireenyaa fi kanneen biroof maallaqaa fi deeggarsa taasisuu.
Dubartiin Gunnai, Gunditjmara fi Djab Wurring fi Senetera Victoria, Lidia Thorpe, hawaasni naannoo adeemsa kana keessatti gaggeessummaa fudhachuu qabu jedhtee amanati.
"Sadarkaa mootummaa naannootti gosaa fi saboonni bakka bu’aa qabaachuu qabna jedheen yaada. Hawaasa naannoo kanaani, kan jijjiirama dhugaa fiduu dandeenyu jedheen yaada.Senator Lidia Thorpe

Independent Senator Lidia Thorpe during Question Time in the Senate chamber at Parliament House in Canberra. Source: AAP / MICK TSIKAS/AAPIMAGE
Walii galtee Australia keessaaf itti aanee maaltu taha?
Bakka biraattis, Queensland, New South Wales, Dhiha Australia fi naannawa kibba Australia guddinni Sadarkaa adda addaatti jalqabaniiru. Kaan kanneen akka New South Wales, yeroo ammaa walii galteen isaaniif maal akka fakkaachuu qabu maree jalqabaniiru. Adeemsi hunduu akka akka fedhii naannootti waan tahuuf guutummaa biyyaa keessatti garaa gara fakkaachuu mala.
Yeroo ammaa kana Victoria saba kana dursaa jirti. Adoolessa bara 2025, Mootummaan Victoria fi Yaa’iin Ummataa Jalqabaa Victoria waliigaltee guutuu bulchiinsa guutuu Australia isa jalqabaa irratti waliigaltee seera bu’uuraa irra ga’an, kunis bu’aa marii fi marii hawaasaa waggoota dheeraa irraa argame. Adeemsi waliigaltee Victoria Australia illee akka fakkeenya adda duree ta’uun bal’inaan beekamtii argateera.
Walii galteen biyyaalessaa fi kan biyyaa adda adda tahuu hubachuun barbaachisaa dha.
Waliigaltee biyyoolessaa tokko, guutuu Australia a keessatti mirga Aboorijiinaalotaa fi Torres Strait Islander beekamtii kennuuf waliigaltee tokko, guutuu biyyattii uuma. Waliigalteewwan naannoo fi naannoo naannoo tokkoon tokkoon isaaniif kan qophaa’an yoo ta’u, dursa kennuu fi fedhii naannoo irratti xiyyeeffata. Leelliftoonni hedduun waliigalteewwan biyyaalessaa fi mootummaa irratti hundaa’an lamaanuu barbaachisa jedhanii amanu, jijjiirama dhugaa fiduuf waliin hojjechuu dha.
Saboota Jalqabaaf walii galteen qofti dhimma isaanii mit, garuu waa'ee beekamtii argachuu ti, kabajaa fi qabaa haqaa nama hundumaaf kan jedhu dha. Walii galtee qabaachuun sagalee fi muuxannoon namoota hundaa gati-qabeessa akka tahu abdii hora.
Boqonnaawwan waliigaltee itti aanan hawaasa naannoo, mootummoota, fi namoota egeree Australia keessatti qooda fudhachuu barbaadan hundaan barreeffamuu itti fufa. Adeemsa waliigaltee hubachuun karaa namni hundi seenaa biyya kanaa waliin gadi fageenyaan walitti hidhuu fi egeree haqa qabeessa ta’e waliin bocuuf gargaaru dha.
Kutaan qophii kanaa sagantaa TV: Living Black – The Case for a Treaty kan jedhu jalqaba Adoolessaa, 2025 qilleensa irra oole irraa Sagalee fudhatame of keessaa qaba.Kutaa guutuu SBS On Demand irratti ilaaluu dandeessu.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au









