Key Points
- Dhiiga fedhiidhaan arjoomtu
- Dhiiga arjoomame kan to'atu Lifblood waldaa Fannoo diimaa Australia ti.
- Lifeblood, dhiigni kennamu lammii Australia adda addaa waliin kan wal simate akka tahu ummatni duubbee aadaa hundi akka arjoomu barbaada.
- Yoo dhiiga kennuu fi gahaa taataa fi hin taatu baruu barbaadde Lifeblood hotline on 13 14 95. bilbili.
- Dhiigni arjoomame maaliif fayyada ?
- Eenyu iyyuu dhiiga arjoomuu danda'aa?
- Namni tokko akka dhiiga kennu maaltu jajjabeessa?
- Baallamaaf yeroon deemu maaltu taha?
- Dhiigni gosa adda addaa maaliif barbaachise?
- Gartuun dhiiga arjoomuun ni danda'maa?
- Essatti dhiiga arjoomta?
Awustiraaliyaan addunyaa irratti dhiyeessii dhiigaa nageenya qabu dhiheessuutti tokkoffaa yeroo taatu, yeroo baayyee garuu dhiheessiin gadi buhaa dha.Dhukkubsattoota keenya mana yaalaa jiran dhaqqabuuf torbanitti dhiiga 33,000(kuma soddomii sadii) oltu kennamuu barbaachisa.
Dhiigni maaliif fayyadamama?
Emily Granland dubbi himtuu Lifeblood, qaama mootummaan maallaqaan gargaaru fi kan dhiheessii dhiigaa Fannoo Diimaa Australia gaggeessu ti. Dhiigni qabeenya gatii guddaa qabuu fi namoota dhiiga barbaadaniif jireenya kan jijjiiru dha jedhti.
“Namoota dhibee akka kaansariin qabamaniif dhiigi kennamuun umrii dheessuufii danda’a, akkasumas namoota yeroo hunda iyyuu dhiigi barbaachisuuf ammo jireenya fooyya’’aa kennuufii danda’a. Dhugumatti arjoominni dhiigaa namoota hedduu, kanneen qaamni baqaffame, kanneen balaa hamaa keessatti miidhaman, kannee ittisni qaama isaanii dadhabaa tahe akkasumas haadholii da’anii ka’anii fi daa’imman garaa keessa jiran illee gargaara.”

Lifeblood needs blood donations from all backgrounds to match Australia’s diverse population.
Eeny iyyuu dhiiga kennuu danda'aa?
Yeroo hunda namni hundi dhiiga arjoomuu hin danda'u. Garuu baay’een keenya yoo xiqqaate dhiiga waan fakkaatan tokko tokko arjoomuu dandeenya- waan yaaddanii oli kan arjoomuu dandeessantu jira.
"Yoo umriin kee waggaa 18 hanga 75 gidduu ta’e, ulfaatinni qaamaa kee kiiloo 50 fi isaa ol ta’ee fi fayyummaan sitti dhagahamaa jira tahe, dhiiga arjoomuu danda’uu qabda," aadde Emily.
“Lifeblood kan jedhamu dhiiga qofa fuudha utuu hin taane plasma fi platlet kan jedham dhiiga keessatti argamanis ni fuudhu. Jarreen plasma fi platlet jedhnu waanuma dhiiga keenyaa keessatti argamu dha. Australia keessatti dhiiga torban kudha lamaan kennita, akkasumas plasma torban lamaan arjoomuu dandeessa.”
Haallan tokko tokko dhiiga kennu si dhorkuu danda’a. Fakkeenyaaf yoo daa’ima garaa qabaatte, yoo storke ykn dhibee fayyaa kan biro qabaatte dhiiga kennuu hin dandeessu. Kunis fayyaa kee eeguuf jecha.
Haallan dhibee dhiigaa kan akka yeroo waa si muru dhiigi hin dhaabbanne kantaruu didu(haemophilia jedhamu akkasumas dhibee dhukkuba dhiigaa kana akka hir’’ina dhiigaa, dadhabbii fi kkf namatti fidu thalassaemia jedhamu namni qabu ulaagaa arjoomuu hin guutu.
Yoo caalaatti hubachuu barbaaddan, lifeblood hotline 13 14 95 bibiluun hubachuu dandeessu. Ogeessotni fayyaa daandii isin qabjeelchuuf gammadoo dha.
Akkasumas marsariitii Lifeblood irra deemtanii yaalii qormaataa(Lifeblood eligibility quiz.) isin gaafatu deebisuudhaan gahaa tahuu keessan ilaaluu dandeessu.

Frozen plasma in trolley - If you’re unsure whether you can donate, you can call the Lifeblood hotline on 13 14 95. Credit: /
Namni tokko akka dhiiga arjoomu maaltu jajjabeessa?
Namni Ed jedhamu bara 2009 irraa eegalee waggaatti si’a sadii fi afur dhiiga arjooma.
Namootni baayyeen dhiiga kennuun waan guddaa dha jedhanii hin yaadan ykn tarii dhiigni nuti kenninu kun ni gaha jedhanii yaadu jedha. Garuu namoota tokko tokkoof waa’ee jiraachuu fi du’uu ti jedha.
"Kaka’umsi koo dhugumatti gargaarsaaf ……. Lubbuu oolchuuf. Kanaaf, kun anaaf karaa ani itti waa tokkoon gargaara dha, akkasumas waan na kaffalchiisu hin qabu sa’a xiqqoo fi dhiiguma koo kennuu malee."
Maatii fi hiryootan qaba kan dhibamanii mana yaalaa deemuun dhiigni kennameef, sun waa tokko natti hima, anis deebisee hawaasichaaf kennuu akkan qabu.Ed, regular donor
guyyaa baallama dhiiga kennuu maal taha?
Aadde Granland, dhiiga kennuuf walumaa gala baallamni isaa sa’a tokko, akkasumas plasma kennuuf daqiiqaa 90 fudhata jedhti. Dhiigni irree namaa irraa lilmee fayyadamuun fudhatu.
"Utuu dhiiga kennuu hin dhufin Guyyaa tokko dura dursitee bishaan kubbaayyaa bishaanii 12 akka dhugdu gaafanna, akkasumas qaamni kee akka gaarii akka sooramee dhiigni dafee bahuuf guyyumma sanis bishaan dhuguu itti fufuun gaarii dha, " jedhti aadde Emily.
"Namootni tokko tokko dhiiga kennuu gaafa jedhamu rifaatuu qabaachuu ykn lilmee irraa akka sodaatan ni beekna, garuu hojjettootni baayyee namoota gaarii fi, kanneen si kununsanii dha."
"Yoo illee afaan inglishii afaan kee jalqabaa miti tahe, afaan deebistoota ni qabna. Irree kee dhiiga irraa laattufis uwwisaa ykn akka hin mul’atneef dhihessi barbaachisu ni qabna."
Baallamni kee jalqabaa yeruma dhuftu gaaffilee tokko tokko ati dhiiga laachuuf gahaa tahuu keef si gaafatanu jira. Yeruma san dhiibbaa dhiigaa qabaachuu keef Sadarkaa iron kee ni ilaalla.
"Ega ga’umsi mirkanaaween booda gara Kutaa dhiiga itti kennan deemta, barcuma dansaa fi mijataa irra bashaatee teessa. Takkaa dhiiga kennuuf teessee jedhaan, daqiiqaa 5 haga 10 gidduu qofa fudhata," jedhti Emily.
Achiin booda bashaatee teessee, waan afaaniin qaban jiru nyaachuu fi dhuguu dandeessa.

O-negative blood - Not everyone can donate blood regularly. But most of us can donate at least some parts of our blood.
Dhiiga gara garaa maaliif barbaadne?
Australia keessatti, dhiigni ummata gara garaa irraa arjoomamuun barbaachisaa dha.
Dr Rachel Thorpe qorattuu ol’aantuu Lifeblood kan waldaa Fannoo Diimaa Australia ti. Yeroo ammaa namootni dhiiga arjooman heddumminaan warreen duubbee Awurooppaa irraa akka ta’an ibsite,
Garuu dhiigni aada-danuu Australia hunda irraa arjoomamuun itti fufiinsa akka qabaatu taasisa jechuun dubbatti.
AHaguma biyyattiin aada-daneessa ta’aa deemtu, dhiigni keenyas akkasumas sababni isaa dhiigni waan wal irraa dhaaluuf. Kanaafuu dhiiga wal simsiisuu fi dhukkubsattootni dhiiga barbaadan akka argatanitti ummata aada adda addaa irraa dhiiga fuudhuun dhugumaan barbaachisaa dha.Dr Rachel Thorpe
There are eight main blood types. Most of us will have heard of the ABO and rh blood types. For example, You might already know that your blood type can be a letter (either A, B, AB, or O) combined with an Rh type (positive or negative)
Gosootni dhiigaa gurguddoon saddeettu jiru. Baayyeen keenya gosa dhiigaa ABO fi rh dhageenye taha. Tarii gosti dhiiga keetii isa kam akka tahe(A,B,AB,ykn O) kan gosa Rh (postive ykn negative) waliin makate tahuu durmaan beektu taha.
Australia keessatti gosti dhiigaa baayyinaan mul’atu O positive yeroo tahu itti aansee A positive.
Dhugumatti gara gosoota 300 oltu jiran, isaa keessaa baayyeen hin mul’atan jedhti Dr Rachael.
"Fakkeenyi gosa dhiigaa badaa hin mul’atnee tokko gosa dhiigaa “’JK NULL”jedhamu dha. Duubbee aadaa hedduu keessatti hin mul’atu garuu ummata duubbee Polynesia, New Zealand Maori fi Filipinoo irraa tahan keessatti beekamaa dha. kanaaf dhugumatti jarreen duubbee kana irraa tahan dhufanii akka arjooman jajjabeessina."
Namootni yeroo tokko tokko dhiiga arjoomuu irraa of qusachuuf dhiibbaan aadaa jiraachuu danda’as jedhti Dr Rachael.Biyyoota tokko tokkotti fakeenyaaf, maatii ykn hiriyaan mana yaalaa ciisee dhiigni akka kennamuuf gaafatu jechuu dha. Faallaa isaa asi Australia keessatti dhiiga kennuu fedhii irratti hundaawa.
Gartuun dhiiga arjoomuu dandeessaa?
Eeyyee, warra hojii waliin hojjettu waliin gartuun baallama qabachuu dandeessa.
Ed kan dhaabbataatti dhiiga arjoomu, kaka’musa ofii akkasumas kaan akka dhiiga arjooman jajjabeessuuf hiryoota isaa bakka hojii waliin gartuudhaan baallama qabee waliin deemanii arjooman.
"Walumaan taphataa fi akkuma salphaatti ture. Yeroo gartuun deemtuu fi walii wajjin arjoomuuf gara Kutaa dhiiga kennan seentu, baayyee siif salphata, akkasumas kanneen lilmee sodaa irraa dhiiga kennuu dheessanis , yeros baayyee slapataaf. "

Australian Red Cross Lifeblood Donor Centre.
Bakka kamitti dhiiga arjoomta?
Lifeblood yeroo hunda iyyuu namoota haaraa duubbee kam irraa iyyuu tahn ni simata.
baallama akka qabachuutu gorsamai, garuu ammoo bakkewwan dhiiga fuudhan namoota baallama malee dhaqanis keessummeesuu yaalu.
Australia keessaa yoo xiqqaate giddu gala lafa dhiiga itti Arjooman dhaabbataan kan lifeblood 80tu jiru.
Waggaatti naannawa baadiyyaa 365 warri deemanii dhiiga fuudhan dhaqqabu.
Yoo kan dhiiga arjoomuu yaaluu barbaadde 131495 bilbilii , ykn marsariitii irra lifeblood.com.au ykn ammo app dhiiga arjoomuu ni jira gad buufadhuu karaa sanis mijeeffadhu.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au








