Watch FIFA World Cup 2026™

LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Gorsa muddama baasii to'achuu | Xiyyaafatnoo boba'aa irratti - Australia Explained

Couple having financial stress with credit card debt

Young couple managing household bills and credit card payments at home, feeling stressed Source: iStockphoto / DejanMilic/Getty Images

Gatiin boba'aa fi gaazii Australia dhiibbaa jala jira. Murteen RBA’n ji’a kana keessa gatii maallaqaa dabaluun isaa rakkoo maallaqaa maatii hedduu mudate irratti dabalata tahee jira. Tajaajila deeggarsa bilisaa fi of danda’e tokko tokko kanneen namoonni dhiphina maallaqaa akka to’atan gargaaran ni ilaalla.


Published

By Sahil Makkar

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS



Share this with family and friends


Gatiin boba'aa fi gaazii Australia dhiibbaa jala jira. Murteen RBA’n ji’a kana keessa gatii maallaqaa dabaluun isaa rakkoo maallaqaa maatii hedduu mudate irratti dabalata tahee jira. Tajaajila deeggarsa bilisaa fi of danda’e tokko tokko kanneen namoonni dhiphina maallaqaa akka to’atan gargaaran ni ilaalla.


Gatiin boba’aa fi gaazaa daldalaa Australia dhiibbaa jala jira, yeroo ammaa waraanni Ameerikaa fi Iraan sadaffaa qabatee jiru kanatti.

Maatii Australia hedduudhaaf murtee RBA’n ji’a kana keessa gatii maallaqaa dabaluu hordofee dhiibbaan dachaa lama ta’eera.

Namoonni kaffaltii dabalataa kaffalaa kan jiran yoo ta'u, kaffaltiin bittaa fi gurgurtaa, kiraa manaa, liqaan bittaa manaa fi wantoota barbaachisoo biroo dabalaa jiranin wal’aansoo qabaa jiru.

Qophii Australia ibsuu jedhu kana keessatti: Xiyyeffatnoo boba’aa kan jedhuun, tajaajiloota bilisaa fi walaba ta’an kanneen namoota dhiphina maallaqaa akka to’atan gargaaran ilaalla.

Jiraataan magaalaa Melbourne Imtiaz Ahmed Tekinology Odeeffatnoo ykn IT irratti dhaabbataatti hojjeta, garuu dhuma torbee fi galgala taaksii fi konkolaataa namoota deddeebisan oofuun maatii isaa jiraachisa.

“Jiraachuuf hojiin tokko nama hin gahu. Konkolaataan koo diesel fudhata, akkasumas gaaza kana guuttachuuf qarshii gara $103 ykn $105nin baasa ture, amma gara $160tti ol ka’e. kan jechuun ani homa na fayyadaa hin jiru. Kanaafuu jireenya baayyee cime. “

Obbo Ahmed gatiin gaazaa ol ka’uun rakkinoota hedduu keessaa waan tokkitti qofa jedha.

Lakkoofsi imaltootaa gadi bu’a, komisionni ol ka’aa, akkasumas baasii jireenya guyya guyyaa konkolaachiftootni jireenya isaanii jiraachuuf akka rakkatan taasisaa jiras jedha.

“Gaaft tokko gara dirree xayyaaraa nama fuudhuun deeme. Gara sa’a afuriifin achi taa’e, garuu waan tokko hin hojii hin argatne. Sa’a 2:30 ykn 2:00 barii harka koo duwwaan manatti deebi’e. Maatii koo waliin yeroo qabaachuu nan danda’a ture, garuu jireenya mo’achuufan kana godhe. “

obbo Ahmed amma Sarara Gargaarsa Liqaa Biyyaalessaatti dhiyaachuuf yaadaa jira. Tajaajila bilisaa, of danda’ee, iccitii eegu fi guutuu Australia keessatti argamu dha.

Maarsariitiin xurree gargaarsaa kun namoota dhiphina maallaqaa qaban gorsitoota maallaqaan wal agarsiisa, jarreen kunis mirga isaanii fi filannowwan isaan qaban gorsu.

Vicki Staff waajjira Gargaarsa Liqaa Biyyaalessaa irraa , namootni baayyeen maallaqa isaanii wanneen caalaatti barbaachisoo tahan kan akka boba’aa konkolaataa fi nyaata guyyuu irra oolchuun, baasii barbaachisoo kaaniis qarshii xiqqoo ramadu jedhti.

 “Yeroo ammaa kana, namoota baayyee irraa liqaa bittaa manaa kaffaluuf dadhabuun dhiphina keessa akka jiran dhagahaa jirra. Bilbila nuti tokkoffaa irratti argatnu waa’ee kanaa ti. Namoota credit fi liqaa kaaniin wal’aansoo qabaa jiran irraas dhagaa jirra. Waajjirri gibiraa qarshii irraa qaba, konkolaataataan liqaa jala jira akkasumsa baasiin ifaa manaa liqaa keessa jira, iyyatnaa kana guyyuu dhageenya. “

Aadd Vicki akka jedhutti namootni baayyeen kaffaltii maallaqaaf dhiibbaa irra jiru irraa jalaan kaffaluun mijeeffamuufii akka danda’u gaafachuuf mirga akka qaban hin hubatan, baankii ykn warren credit kennan waliin dubbachuun akkaataa itti kaffalan mijeeffachuu akka danda’an hin beekan.

 “Dhiibbaa kaffaltii maallaqaa salphisuun , kanneen akka yeroof kaffalticha dhaabuu nama gargaaruu danda’u. Karaa biraa ammo kaffaltii xixiqqaadhaan yeroo dheeraaf kafalanii of irraa akka itti fixan mijeessuunis jira. Filannowwan hedduu adda addaatu jiru, kan gorsitootni maallaqaa isinitti himuu danda’an. “

Gorsitootni, nama sana haala galii maallaqaa isaa hubachuu qabu, odeeffatnoo fi filatnowwan qabatamaa tahan kennuufiif jedhti aadde vickiin.

“Galiin isaanii ilaalchisee namoota waliin ni dubbatna, baasiin isaanii maalfaa dha, qabeenyi isaan qabanii fi dirqamni isaanii maal kana hunda haasofna. Kana hunda waliin dubbachuudhaan yaada argatneen karaa itti dhiibbaa maallaqaa kana irra aanaan filatnoowaan isaan gargaaran falla. “

Karaa sadiin Gargaarsa Liqaa Biyyaalessaa qunnamuu dandeessan.

Lakkoofsa bilbilaa 1800 007 007, fayyadamuu, marsariitii ndh.org.au, jedhu irra ilaaluu ykn mala waliin dubbatnaa marsariiticha irra jiruun waliin haasa’uu.

Namoota Afaan ofiin barbaadaniif, Gargaarsi Liqaa Biyyaalessaa yeruma isin bilbiltanitti afaan hiiktota isinii dhiheessuu danda’u.

Aadde Vicki akka jedhtutti namootni gargaarsaaf gaafatan lakkoofsi guddaa dha, kanaafuu namootni yeroo bilbilan xiqqoo obsaan eeggachuu gaafata.

Garuu, namootni bilbilanii yerosuma argachuu dhaban irra deebiin booda irra yaaluu ynk karaa biraa kan waliin dubbatnaa ykn chat fayyadamuun yaaluu dha.

Jiraattonni, deeggarsa bilisaa kan biroo karaa dhaabbilee hawaasaa argachuu danda’anis akka ilaalan jajjabeeffamu, kunis tajaajila Salvation Army’s, Moneycare, kan Anglicare tajaajila gorsa maallaqaa tokko tokko nama gargaaruu danda’an, wiirtuuwwan seeraa hawaasaa(community legal centres), Gargaarsa Liqaa Cimaa Mob(Mob Strong Debt Help) akkasumas fi Giddugala Seeraa Mirgoota Faayinaansii dabalatee gargaarsa jiran ilaaluun dansa.


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Watch now