Infuleenzaan infekshinii vaayirasii baay’ee daddarbaa ta’ee dha. Yeroon influenza Australia keessatti yeroo jalqabu, ofii kee, maatii kee fi hawaasa keenya keessatti namoota baay’ee saaxilamoo ta’aniif eeggannoo taasisuuf wantoota beekuu qabdan kunoo ti.
Key Points
- Infuleenzaan dhukkuba salphaa hanga cimaa fi lubbuu namaa balaa irra buusu illee fiduu danda’a.
- Namoota umuriin isaanii ji’a 6 fi isaa ol ta’e hundaaf talaalliin infuleenzaa waggaa waggaan fudhachuun ni gorfama.
- Daa’imman Australia talaallii lilme-maleeyyii , funyaaniiitti cirriinsifamu argachuu danda'u.
- Talaalliin infuleenzaa nageenyaa fi bu’a qabeessa waan ta’eef gaaffii ykn yaaddoo yoo qabaattan ogeessa fayyaa keessan waliin haasa’aa.
- Dufkaakni hagam hamaa dha?
- Eenyutu caalaatti Influeza irraa miidhama?
- Dufkaaka ykn utaalloo irraa akkamiin of eeggadha?
- Taliillii utaalloo fudhachuun qabaa akkasumas na kaflachiisaa?
- Taliilliin lilme- maleeyyiin Australia keessa ni jiraa?
- Taliillii dufkaakaa ykn utaalloo yeroo akkamin fudhachuu qaba?
- Waa'een fafa taliilliin yaaddessaa dhaa?
Influenza, ykn dufkaakni waggaa waggaan naannawanii kan dhufan dha, kanaaf waggaa keessatti yeroo fedhetti si qabuu danda'u.
Australia keessatti , yeroo bonaa fi ganna gidduu jiru heddummatu, akkasumas ji'a Waxabajjii fi Birraa gidduutti hammaatu.
Dufkaakni hagam hamaa dha?
Mallattoon influenza qorra barame caalaa cimaa fi yeroo dheeraa kan turu dha.
Kanneen akka ho'a qaamaa dabaluu, caccabsaa fi buusaa keessa nama dhukkubuu, mataa bowwuu fi laagaa keessa nama dhukkubuufaa dabalata.

Namoonni dhukkuba infuleenzaatiin qabaman irra caalaan isaanii guyyoota muraasa keessatti ni fayyu. Garuu dhukkubsattoonni tokko tokko dhukkuba cimaa fi rakkoolee mudachuuf carraa guddaa qabu.
Australia keessatti bara 2025 bara infuleenzaa lubbuu namoota 1,700 ol du’uun galmaa’e keessaa isa baay’ee lubbuu namaa galaafate ture.
"Baay’een keenya akka qorra qofa nutti fakkaata, garuu waggaa waggaan lammiilee Australia dhibbaan lakkaa’aman ajjeesa,” jedha Dr Micheal Wright, Ogeessi Waliigalaa Sydney fi Pirezidaantii Kolleejjii Ogeessota Waliigalaa Australia. .
“Lammiileen Australia kumaatamaan lakkaa’aman dhukkuba sirna hargansuu hamaa waan ta’eef dhukkuba infuleenzaatiin hospitaala seenu.”
Eenyutu caalaatti Infulenza irraa miidhama?
Namoonni fayyaa ta’an illee dhukkuba infuleenzaatiin baay’ee dhukkubsachuu danda’u.
Gareen balaa guddaa dhukkuba cimaa fi kunuunsa hospitaalaa barbaadaniif daa’imman umuriin isaanii waggaa shan gadi, 65 ol, namoota dhuunfaa Aboorijiinaal fi/ykn Torres Islander, namoota haala yeroo dheeraa qabaniifi dubartoota ulfaa of keessatti qabata.
''Namoonni kun carraan infekshinii sombaa, tubboo hafuuraa argachuu fi hospitaala deemuun isaan barbaachisa,'' jedha Dr Wright.
Dufkaaka ykn utaalloo irraa akkamiin of eeggadha?
Influenza nama irraa namatti kan dabru karaa dhangalawaa afaanii i funyaan nama qabamee keessaa bahuu it.

Qulqullina gaarii shaakaluun, kan akka yeroo hunda harka dhiqachuu fi yeroo qufaan ykn haxxifattan afaanii fi funyaan ofii haguuggachuu, carraa dhukkuba infuleenzaa qabamuu fi babal’isuu gadi buusuuf gargaaruu danda’a.
Garuu infuleenzaa fi rakkoolee ciccimoo isa irraa ittisuuf karaan bu'a qabeessa ta'e, talaallii infuleenzaa waggaa waggaadhaan (annual flu vaccine.) kennamu qabaachuudha.
“Faayidaan talaallii fudhachuu carraa dhukkubsachuu kee hir’isuudha, dhugumatti carraan infekshinii hamaa qabamuu kee baay’ee xiqqaa ta’uu isaa mirkaneessita,” jechuun Dr Wright ibsa.
Namoonni talaallii fudhatanis carraan namoota biroo faaluu xiqqaa dha.
Taliillii fudhachuun: waan ati ofii kee maatii kee fi hawaasa kee tiksuuf taasistu dha.Dr Michael Wright
Taliillii utaalloo fudhachuun qabaa akkasumas na kafalchiisaa?
Talaalliin infuleenzaa nama hundaaf garuu keessumaa namoota hawaasa keessatti saaxilamoo ta’aniif baay’ee barbaachisaa dha.
''Namni umuriin isaa ji'a jahaa ol ta'e hundi waggaa waggaan talaallii infuleenzaa akka fudhatu gorsina,'' jedhu Dr Stephanie Williams.
Dr Stephanie Giddugala To’annoo Dhukkuboota Australia Damee Dhukkuboota Daddarboo keessatti Gargaartuu Daarektarri Olaanaa ti.
“Gartuu namootaa taliilliin tola kennamuuf Sagantaa Taliillii Biyyaalessaa Australia keessatti tuqamee jira National Immunisation Program:
- Ijoollee ji'a jahaa haga waggaa shanii
- Nama guddaa waggaa 65 fi sanii ol jiran
- Kanneen daa'ima garaa qaban
- ummata Aboriginal fi/ykn Torres Strait Islander umrii ji'a jahaa fi sanii oliiff
- Namoota haalli fayyaa isaanii adda tahe.”

Yoo talaallii infuleenzaa bilisaa argachuuf ulaagaa hin guunne, talaallii kana dhiyeessitoota talaallii kee irraa bitachuu dandeessa.
“Ogeessa fayyaa naannoo keessanii, kilinika talaallii gumii naannoo keessanii, giddugala fayyaa hawaasaa, tajaajila fayyaa Aboorijiinaal fi manneen qorichaa tokko tokko guutuu Australia keessatti dabalatee, bakka kunuunsa fayyaa hedduu keessatti qoricha infuleenzaa fudhachuu dandeessu,” jedhti Dr Stephanie.
Mootummaan kutaa biyyaa ykn naannoo keessanii ykn hojjechiisaan keessan sagantaa talaallii infuleenzaa bilisaa gaggeessuus ni danda’a.
Taliilliin lilme-maleeyyiin Australia keessa ni jiraa?
Talaalliin infuleenzaa lilme- maleeyyiin kan funyaanitti cirriinsifamu ta’e bara 2026tti Australia keessatti akka dhiyaatu taasifameera.
Daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa hanga 17 ta’e irratti nageenyaafi bu’a qabeessa ta’een akka itti fayyadamaniif Bulchiinsa Meeshaalee Wal’aansaatiin kan mirkanaa’e dha.

Guutummaa Australia keessatti kan argamu yoo ta’u, kutaaleen biyyaa tokko tokko daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa hanga shanii gidduu jiraniif bilisaan kan bulchan.
“Ijoolleen umuriin isaanii akkasii baay’ee qoricha lilmoo fudhachuu akka hin jaallanne akkasumas warri isaanii carraan isaan fiduu xiqqaa akka ta’e ni beekna,” jedha Pirezidaantiin RACGP Dr Wright.
Bakka jiraattan sagantaa talaallii infuleenzaa lilme-maleeyyii kan mootummaan maallaqaan gargaaramu yoo jiraate ogeessa fayyaa maatii keessanii gaafadhaa.
Taliillii dufkaakaa ykn utaalloo yeroo akkamin fudhachuu qaba?
Ebla irraa eegalee talaallii fudhachuun yeroo infuleenzaa Australia baay’inaan itti mul’atutti, akka waliigalaatti ji’a Waxabajjii hanga Birraa, eegumsa guddaa argachuuf gargaara. Sadarkaan eegumsi olaanaan talaallii erga fudhatamee booda ji’oota sadii hanga afur jalqabaa keessatti kan uumamu yoo ta’u, deebii ittisa qaamaa sadarkaa olaanaa irra ga’uuf gara torban lamaa hanga sadii fudhata.
University Sydney keessatti Piroofeesara Dhibee Daddarboo fi Fayyaa Addunyaa Dr Meru Sheel akkasi jechuun ibsiti.
''Kanaafi dha namoonni talaallii infuleenzaa akka fudhataniif ji'oota qorraa akka jalqaban birraa kan gorsinu.
“Yeroo naannoo Ebla, Caamsaa fi yeroo mijataa ta’etti ykn karaa bakka hojiitti argaman yeroon sun yeroon talaallii itti fudhatan hunda irra gaarii dha, ” Dr Meru Sheel.

Fafni taliillii yaaddessaa dhaa?
Talaallii booda namoonni tokko tokko mallattoolee salphaa hanga guyyoota lama lamatti turu keessa darbu.
“Talaalliin hundi miidhaa beekamaa tokko tokko kan akka dhukkubbii fi bakki lilmee dhiita’uu, diimaachuu ykn ho’a qaamaa salphaa qabaachuu danda'u,” jedhti Dr Sheel.
“Talaalliin infuleenzaa kun nageenya kan qabuu fi bu’a qabeessa ta’ee fi miidhaa badaa irra caalaan isaa ofumaan kan furamu dha.”
Balaan alarjii baayyee gadi aanaadha.
Yeroo taliiillii fudhattu ogeessi fayyaa ykn hojjettootni pharmacy daqiiqaa 15 akka achi turtan isin gaafatu, sababni isaa yeroo sana keessatti fafni mul'achuu waan maluuf to'achuuf.Dr Meru Sheel
Ogeessi fayyaa keessan talaallii infuleenzaa umurii fi haala fayyaa keessaniif mijatu akka argattan isin gargaara, gaaffii qabdan kam iyyuu akka deebisu dubbachuun Dr Wright haasawa isaa xumure.
“Yoo yaaddoo ykn gaaffii qabaatte maaliif talaallii kun si barbaachisisaa Ogeessa fayyaa ykn GP kee sirriitti sii ibsuu danda'u.”
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au






