Tuqaalee Ijoo
- Yeroo barreeffama, suuraa, viidiyoo fi muuziqaa saba himaalee irratti maxxansitu battala mirga abbummaa jala jira.
- Mirgi abbummaa hojii nama tokkoo akkamitti akka qoodnu daangeessa.
- Qabiyyeen waliigaltee haqa qabeessa ykn hayyama Creative Commons licences jalatti qoodamuu danda’a.
- Mirga abbummaa cabsuun accounting kee cufamuu fi adabbii maallaqaa fiduu danda’a.
Mirgi abbummaa hojii namootaa kan akka barreeffamaa, fakkoo, muuziqaa fi video seeraan tika godhchuufii jechuu dha. Kara sabaa himaalee warreen kaaniif qoodu nama kana uumeef mirga ni kenna.
Kaasumas hayyama isaanii malee akka nuti hojii namoota kaaniitti dhimma hin bane nu dhorka.
Mirga abbummaa Australia keessatti galmeessuu hin barbaachisu – tolaa fi yerooma sana kan seerri beekamtii kennuufii dha jedhti Abbaan Seeraa Saba Himaalee Tegan Boorman.
“Yeroo isaan wanneen akka barreeffamaa, daraamaa, muuziqaa fi hojii aartii sabaa himaalee irratti maxxansan mirgi abbummaa isaas ni beekama, " jedhti aadde Booman.
"Kanaaf, fakkoon ykn photograph hojii aartii tahee fudhatamuu danda’a, walumaa galattis mirgi abbummaa hojichaa kan nama hojjete sanaa ti."
Saba himaalee irratti maal irratti walii galtee jirta?
Sabaa himaaleen hundi sirnaa fi haala ofii isaanii kan namni yeroo itti miseensomu itti waliif galu ni qaban.
Kunis yeroo hedduu, waan qoodamu akka seerichaatti tahuu itti waliif galuu ilala. Namni waa tolche abbummaa itti qabaata, garuu namootni kara sabaa himaalee kaaniif qooduu akka danda’an jalqabuma irraa itti waliif galu.
Facebook fi Instagram kan ijaarsa Meta jedhamuu waan tahaniif akka ati kaaniif qooddu siif hayyamu. Yoo ati hojii nama kan biroo of harkaa qabda tahe isaaniif herregama.
Haa tahu malee, hojii nama kan biroo kan kee fakkeessitee sabaa himaalee irra namootaaf qooduun sirrii miti.
Haalawwan waltajjii kanaa yeroo hedduu kana gochuuf mirga barbaachisaa ta’e qabaachuu si gaafatu-jechuunis, nama hojii sana uume tahuu qabda, ykn hojii isaanii fayyadamuuf hayyama abbaa uume irraa argachuu qabda.

Content can be shared under fair dealing or Creative Commons licences. Source: iStockphoto / anyaberkut/Getty Images/iStockphoto
Yeroo hunda galateeffadhu
Mirgi abbummaa abbicha hojii sana uume eeguuf kan jiru waan ta’eef, qunnamtiin salphaan fi maqaa nama sanii galateeffachuun sarbama mirga abbummaa caalaatti ittisa.
Paul Murray, atistii fi mana barmootaa sadarkaa ol aanaatti barsiisaa do’ii aartii ti.
Seera mirga abbummaa inni qabu cabsuudhaan hojiin aartii inni tolche hayyama isaa malee Facebook irratti maxxansame.
"Namnii kun agarsiisa kiyya tokko dhuee ilaalee hojii kiyyaa fakkoo isaa bifa sadarkaa isaa hin eegneen kaafate,"jedha obbo Murray.
Mata duree sirrii hin tahini tti kennuudhaan Facebook ofii irratti maxxansan. Maqaa kiyya sirriitti hin barreessine, sana caalaa waan badaan dalgame ammoo waan hojiin kiyya ibsuu barbaade irraa maqsanii kan guutummaan agarsiisa kiyyaa hin ibsin maxxansan.Paul Murray, artist and visual arts teacher
Obbo Murray warra facebook bulchanitti himee gadi buusise.
Yoo hojii nama tokkoo kaaniif qooduu barbaadde, namni sun akkamiin ibsamuu akka qabu adda baafatanii beekuun gaarii dha. Kara itti isaan argachuun danda’amu ibsame irraan isaan argachuutu danda’ama. Ykn fakkeenyaaf akka itti isaan argachuun danda’amu tarii akka addaatti waan ibsame yoo jira tahes sana irratti argachuun ni danda’ama.
Yeroo hedduu namni hojii sana tolche bakka maqaa isaa ibsate irra akka tuqxuu fi sun ammoo lakofsa dhuunfaa isaanii waliin akka wal simuufii danda’u irratti waan si akeekan ni qaban taha.
Qabiiyyee hayyama malee ayyadamuu dandeessaa?
Utuu seera mirga abbummaa hin cabsin Seera Labsii Mirga Abbummaa Australia jalatti tarii kan ati dhimma itti bahuu dandeessu ni jira.
Seerri kun kan inni dhiifama godhuuf seera ‘qajeelummaatiin dhimma itti bahuu’ (fair dealing) jedhu jalatti. Kun utuu hayyama nama sanii hin gaafatin qabiiyyichatti fayyadamuu si dandeessisa, sun gurgurtaaf kan itti hin fayyadamne garuu hawaasa fayyaduuf kan dhimma itti baatu taha. Kanneen kun:
- Oduu
- Qorannoo
- Barmoota
- Baacoo fi qoosaa
Seera Hayyama Tolchina Waloo (Creative Commons licence) jalatti hojii nama kan biroon tolche nama kan birootiif qooduun ni danda’ama. Seerri tika mirga abbummaa kun toora interneetaa irraan argachuutu danda’ama.
Hojiin kun hayyama malee dhimma itti bahuun kan danda’amu yoo tahe illee Seera Hayyama Tolchina Waloo (Creative Commons licence) jalatti namni hojii sana tolche mirga abbummaa ni qaba, nama sanaaf beekamtii kennuufii qabdas.
Hayyama gosa gara garaatu jiran, hayyamni inni kam akka hojii kee waliin wal simu beekuu qabda.
Alex Solo nama tajaajila seeraa Sprintlaw jedhu hundeessuu keessatti gargaaree dha. Seerri kun kan inni dhiifama godhuuf seera ‘qajeelummaatiin dhimma itti bahuu’ (fair dealing) jedhu jalatti jedha. Fakkoo kiyya toora interneetaa irraan maxxansee akka namooti dhimma itti bahan godhchuun nan danda’a. Garuu kun hayyama adda tahe kan dhimma dhuunfaatiif itti gargaaramuu ti malee dhimma daldalaaf oolfachuuf miti. Yoo daldalaaf namni barbaade itti kafaluu qaba.
"Dhugumaan, kan nuti namoota waa tolchan jajjabeessinu fi itti himnu waan hojjetan dhimma itti bahuuf hayyama ni barbaachisu yoo tahe Seera Hayyama Tolchina Waloo (Creative Commons) jalatti seerri inni kam akka isaan ilaalu beekuun gaarii dha. Kunis yeroo hunda akka isaan hayyama hin gaafanne isaan gargaara. "
Seera Tolchina Waloo gargaaramuuf Google keessa barbaadii, ‘Tools’ bakka jedhu xuqii ‘Hayyama Tolchina Waloo’ (Creative Commons Licences’) jedhu filadhuu ilaali.
Video irratti muuziqaa dabaluu
Hanga yeroo dhihootti, muuziqaa nama tokkoo dhimma itti bahuun dhorkaa dha, kunis hayyama artistii sanaa gaafachuu barbaada – kunis yeroo hedduu hin mijjatu.
Kana kanneen akka Instagram fi Tik Tok kuusaa muuziqaa kan Hayyamaa fi waliigaltee artistootaa waliin tahame hedduu of keessaa ni qaban.
Yoo kuusaa muuziqaa sana keessaan dhimma itti bahaa hin jirtu tahee itti gargaaramuuf nama muuziqaa sana tolche irraa hayyama argachuu si barbaachisu.

Take progress shots of your work. Credit: LeoPatrizi/Getty Images
Namootni hojii kee akka hin garagalchanne mali
Hojiin kun kan ati tolchite tahuu namoota hubachiisuuf mallattoo qubee C geengoo keessatti bareessuu dandeessa – ykn ‘hayyama malee gargaaramuun hin danda’amu’ kan jedhu barreessuu dandeessa.
Hojiin aartii tarsimoo hedduudhaan tiksamuu mala adda addaa fayyadama Paul Murray.
Jalqaba dubbii, hojii kee tolchite akka mulachuu ykn saaxilamuu danda’utti hin maxxansin," jedha obbo Murray.
"Lammaffaa, hojii uumte sana bifi isaa akka hin mul’aneef waa irra dibuu fi fakkeessuu dandeessa. Sadaffaa, hojii kee sana hanga tokko qofa irraa ibsi malee guutummaa isaa hin ibsin.
Akkasumas, sabaa himaalee hedduun guyyaa waa maxxansame kan ibsan yoo tahan illee hojichi hin xumuramin akka jiru akeekuu fi hojicha ati tolchaa akka jirutti ibsuu dandeessa.’
Obbo Solo akka jedhutti namootni hojii ofiif uuman tikfachuu qabu.
Google reverse image kan jedhu irra barbaaduun bakka suuraan keessan itti fayyadame hunda ilaaluu fi namoota sana qunnamuu qofa dandeessu; barreeffamoota blog keessan irraa kutaalee barbaaddanii namni tokko gargalchii hojii keessanii ka'achuu isaa ilaaluu dandeessu.Alex Solo, Sprintlaw

Copyright concept Credit: JLGutierrez/Getty Images
Yoo namni tokko mirga abbummaa kee cabse maaltu taha?
Yoo amma fedhe illee tikfatte, mirga abbummaa cabsuun yeroo mara ni dhalata.
Namni mirga abbummaa hojii keetii cabsuu isaa yoo beekte gorsa seeraa gaaffachuutu siif mala.
Toorri hedduun seerri eegamuu qabu cabuu isaa haala ittiin gabaasan ni qaban. Seerri cabuu isaa yoo gabaaste, toorri sun waan ati gabaaste keessa deemanii qilleensa irraa buusu. Haala tokko tokko keessattis lakofsa nama seera cabse jedhamee ni laamshessu.
Osoo hin beekinis tahe osoo beekanii seera mirga abbummaa cabsuun adabbii hedduu qaqbaachuu danda’a. Seera abbummaa cabsuun seeraan itti nama gaafachiisa, adabbii maallaqaas qabaachuu danda’a. Keessattuu hojii namni kan biroon tolche irraa bu’aan kan irraa argatame yoo tahe addabbii maallaqaas ni qaba.
You can find out more from the Australian Copyright Council.
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.