Tuqaalee IJOO
- Ayyaanni Easter yeroo baayyee yeroo bonaa fi ganni seenuuf jedhu gidduu fi yeroo boqonnaa mana barumsaa irra oola.
- Ayyaanni Easter amantummaa isaa irra dabree yeroo maatiin waliin yeroo qabaatan, yeroo imalaa, wal-argee fi sochiwwan hawaasaa adda addaa itti taasifamani dha.
- The Easter bilby addatti duudhaa Australia it, Easter bunny kan jedhu kan bakka bu’e fi chokolaataa killeetti kan fakkeeffamu.
Amantaa Kirstaanaatti, du'aa ka'uu Yesuus Kirstoos kabaju, kuns Dilbata irra kan ooluuf akka lakkooftuu guyyaa kirstaanaatti kabajatnaa addaa torban qulqulluu jedhamee kabajama.
Lammiileen Australia Ayyaana Easterii yeroo jedhan, guyyaa boqonnaa dheeraa sanbattan lamman dabalatee, guyyaa Jimaataa fi Wiixataa Guyyaa boqonnaa ummataa tahuu isaa ti. Itti dabalees, naannoo fi Kutaa biyyaa biraa keessatti, Tasmania fi Dhiha Australia irraa kan hafe S.Duraan akka Guyyaa boqonnaa ummataatti fudhatma.
Danielle Corrie jiraattuun Sydney, dhalootaan Libanon kan tate, ayyaana Easterii kan warra catholic fi Orthodox maatii kabajan keessatti guddatte.
Namootni baayyeen sababa godhatanii hojii irraa boqochuun imalu, akkasumas maatii waliin yeroo dabarsu, qophiilee adda addaa irraa hirmaatu jedhti.
" Egaa bakkoota baayyeetti imalu. Tarii boqonnaaf Kutaa biyyaa deemuu tahuu danda’a ykn sa’a tokkoof mana irraa oofanii deemuus tahuu mala. Bakka agarsiis ayyaana Kanaan wal qabate jirus deemuun, qophicha hirmaachuus ta’uu danda’a. Qilleensis homaa hin jedhu waan taheef, manuma biratti barbecue ykn dirreetti bahanii bashannanuu danda’u.”

Duudhaa aadaa Easter ijoolleedhaaf
Lisa Baker University Melbourne keessatti qorattuu barnoota jalqabaa daa'immanii ti. Daa'imman xixiqqoodhaaf, taphaa fi sochii alaa wajjin kan walqabatu tahuu dubbatti.
"Yoo Waa’ee ijoollee xixiqqaa mana barumsaa hin seenin jiranii yoo dubbanne, waa’ee killee fi nyaata gaafas argatanii ti. Easter bunny ijoolleen killeen akka taphatan fi gammadan kan taasisu.
"Gaafa kana killee Easterii kana barbaaduu waan jedhu irraa, ijoolleen Australia baayyee gammadu.”
Maatii fi hawaasaan qophii bakka oolmaa ummataa ykn park keessatti, killee Easterii barbaaduu jedhu qophaa’u, Guyyaa Dilbataa irra tapha gaggeeffamu dha. Ijoolleen achitti argaman chocolate killee fakkaatee hojjetame, karameellaa ykn waan killee fakkeeffamanii hojjetaman Kanneeniin taphachuutti gammadu.
Akka oduu durii ijoolleetti himamuutti, Killeen Easterii kun, ijoolleedhaaf Easter bunny kan jedhamuun dhokfamee kaa’aamaaf jedhanii itti himu.
Garuu lakkoofsi lammiilee Australia akkuma dabalaa dhufeen, duudhaa kana akka tahuufitti jijjiirrachaa dhufanii, waan bunny jedhu kana ,bineensa uumamaaan bakka buusaa jiran.
"Illeettiin Austraaliyaadhaaf waan guddaa hin turre. Isaan gosa iddoo biraa irraa dhufan tahuun ifaa dha, biqiltoota keenyaa fi bineensota biyyaa irrattis miidhaa xiqqoo ni geessisu," jechuun ibsiti aadde Baker.
"Amma Easter bilbies fakkeeffamanii chocolate hojjetaman akkuma chocolate Easter bunnies sanitti bitachuu dandeessu. ”
Akka Biyya aada-daneessaatti Australiyaan, ayyaana Easterii dabalatee, aada-danummaadhaan kabajachuutti boonti.
Kun manneen barnootaa keessatti mul’ata, keessumaa barnoota daa’immanii keessatti, bu’uuraaleen kaarikulamii biyyoolessaa hammatamuu fi deebii aadaa kan jabeessan ta’uu isaanii Aadde Baker hubachiisti. .
Barsiisonnii fi manneen barnootaa duudhaa hedduu ijoolleen daree isaanii keessatti fidan of ogummaan qabuu fi duudhaa kana woloon akka kabajatan irratti yaalu.Lisa Baker
"Kanaaf, tarii killee chocolate kana waliin halluu dibuu, miidhagsuu, killeedhuma dhugaatti halluu dibuu, fi miidhegsanii as baasuu, tarii maatiin hagi tokko ammo killee san baatanii agarsiisa tolchuu dha."

Easterii lama, traditionsduudhaa aadaaf filannoo hedduutu jira
Danielle Corrie jiraattuun Sydney, dhalootaan Libanon kan tate, ayyaana Easterii kan warra catholic fi Orthodox maatii kabajan keessatti guddatte.
Amantiileen Kiristaanaa gurguddaan lameen kun, Guyyaa adda addaatti easterii kabaju, sababa lakkooftuu baraa adda addaa fayyadamaniif.
“Ayyaanni Easterii catholic lakkoofsa Gregorian hordofa, Ayyaanni kan Ortodoksii immoo lakkoofsa Julius hordofa, kanaaf yeroo adda addaa ti. Yeroo tokko tokko waliin ta’anii, yeroo biraa immoo hanga torban shanii addaan ba’uu danda’u," jedhti aadde Corrie.
Duudhaan kun Yaadannoo walitti dhufeenya maatii uumuu qofa utuu hin taane. Easteriin wali hidhata aadaa fi kabajatnaa onnee irraa tahe of keessaa qaba. Hara’a illee taanaan nyaata manatti Easteriif hojjetatnu qabna, Dilbata irra namuu walitti dhufee waliin nyaatee dhuga.
Easterii warra Orthodox wanti beekamaan tokko, killee wanneen uumama irraa tahan akka baala shunkurtaafaatiin miidhegsu, achii akka aadaatti killee sani irratti wal dorgomuun maatii gidduutti itti fufa.
Aadde Corrie yeroo manatti dorgommii killee taphatan maal akka fakkaatu dubbatti.
“Killee gadi gargalchinee gar-tokkee isaa harkaan rukutna.Kan yoo Killeen ati baattee jirtu sun gar- lamaan cabee, taphicha keessaa baata, dhuma irratti kan mo’u jira, sunis nama Killeen sun harkatti hin cabin ykn gar tokko qofaan cabetu mo’a jechuu dha."

‘Shrove Tuesday’ ykn Pancake Day’ kan jedhamu ykn akka biraatti Easter yeroo dhihaatu aadaa nyaataatu jira.
"Kan yeroo mana keessaa waan qabduun waan nyaata gara garaa hojjettu, utuu guyyichi hin gahin, " jechuun ibsiti aadde Baker.
Ijoolleen pan cake jaallatti.
"Yerichi yeroo itti walitti dhufan, namoota yaamanii waliin nyaata qooddatan, waanuma dansa."
Yeroo walitti dhufeenyaa
Yeroo Easterii kana namootni waan isaan barbaachisu qabaatanii, boqonnaaf fagaatanii deemu.
Akkuma namoota baayyee Sydney keessa jiranii, aadde Corrie maatiin ishee agarsiisa Easterii maqaa Sydney Royal Easter Show jedhu hordofuutti aadannoo qabdi, agarsiisichi waa’ee Guyyaa kabajannaa qote-bultootaa ture.
"Muuxannoo nama hawwatu ture. Agarsiisa baadiyyaa fi agarsiisa daraaraa fi hojii harkaa fi agarsiisa muka muruu illee argine, pirojektoota mana barumsaa keenyaaf naamunaa mukaa walitti qabuuf carraa arganne. Akkasumas beekamaa dha, arguffaa agarsiisa Easter kan wantoota gaarii fi karameellaa fi waaddii dinnichaa gammachiisaa ta'aniin guutame qabaachuu ni arganna."

Maqaan haa jiraatu iyyuu malee, sagantichi ayyaana amantii waliin waan wal ilaallatu hin qabu, waa'ee waliin wal arganii gammaduu ti.
Bara 1890ta keessa murtaawe, sababni isaa Sanbattan lameen dabalatee, yeroo boqonnaa dheeraa waan taheef. Namootni hojii hojjetan, ayyaanaaf hojiin waan cufamuuf, carraa qophicha irratti argamuu argatu, qonnaa irraas akkasumas Guyyaa lama qofa boqotu utuu hin taane, Guyyaa sadiif boqotu. Akkasumas waggichi yeroo nuti itti agarsiisa Easterii kana kabajnu tahe, jedha Itti Gaafatamaan Waliigalaa Qonnaa fi Sydney Royal Easter Show, Murray Wilson.
Akkuma agarsiisa xixiqqaa Easterii Australia keessaa, taphi adda addaa , akkasumas beeyladdan bakka qonnaa dorgomsiisuu kun kun ni deema.
Obbo Wilton akka jedhutti Sydney Royal Easter Show aada danuu baayyee hirmaachisa, kanaafuu gaggeessitootni guyyaa Lammummaa Australia waggicha keessatti hammachiisan jedha.
" Akkasumas qote-bultoota dhaloota 4faa fi 5fa tahan, beelladdan isaanii qabatan argaman waliin haasa’u. Guyyoota 12n agarsiisa kanaa irratti, hawaasa dubbee gara garaa irraa tahan arguun akkam dansa. Sababni isaa kun Eenyummaa Australia ibsuu fi jaalala qonnaa jajjabeessuuf qaban agarsiisa..
Biyya kam irraa taatu, ykn amantaa kam irraas taatu, agarsiisa Sydney Royal Easter Show seentee ilaaluuf karri hudaaf banaa dha.Murray Wilton
Carraa namoota biro wal qunnamsiisuu, karaa miira hawaasummaa fi fayyaa keenya guddisuu itti kabajuu dha, jedhti aadde Lisa University Melbourne irraa.
"Gareen hawaasaa naannoo ykn gareen mana barmootaa, gumii naannoo, tarii ammo gabaa ykn qophiileen adda adda ni jiran. Guyyaa afurii qaba, kanaaf Hawaasa kee waliin bahuu dabalatee tarii yeroo itti namoota kaan waliinis wal baruuf carraa qabdu dha.“
“Ayyanni Easter fi Christmas akkasumas ayyaaneffannaan keenya kamuu, waa’ee amantii, ykn waliin kabajannaa ykn aadaas tahu, kun hundi dhimma namoota walitti fiduu ti, waa’ee walitti dhufeenya keenyaa fi maatii keenya kabajuu ti. "










