Barmoota Abbootii Dachee ilaalchisee qaawwaa jiruu fi maaltu tahuu akka qabu

Australia Explained - Indigenous Education

First Nations-led education sees stronger engagement, outcomes and pathways for young people. Credit: courtneyk/Getty Images

Barmootni daandii carraatti nama ceesisu, garuu ammo yeroo dheeraadhaaf, barattootni Abbootii Dachee Australia milkaa’uuf danqaaleen isaan mudataniiru. Utuma rakkooleen jiranii jijjiiramnis tahaa jira. Qophii kana keessatti , ogeessa barmootaa Abbootii Dachee fi barattoota irraa, maaltu tahaa jiraa fi maaliif barmootni aadaa barbaachisu akkasumas beekumsi Abbootii Dachee fi warra dhihiaa yoo walii wajjin hojjete barattoota hunda akkamiin fayyada kan jedhu irraa dhageenya.


Tuqaalee Ijoo
  • Hir'inni itti baha barmootaa kan barattoota Abbootii Dachee fi Abbootii Dachee hin tahinii gidduu jiru waggoota dabran keessatti dhiphaa ture, garuu amma illee sanuma.
  • Ogeeyyiin tokko tokko barmootni Saboota Jalqabaa fi aadaan durfamu bu'aa barmootaa daa'imman hundaaf ni fooyyessa jedhanii amanu.
  • Eebbifamtuun kutaa 12fa deeggarsa barsiisaa fi aadaa waliin karaa mana barumsaatiin walitti dhufeenya qabaachuu isheetiin milkaa’ina barnootaa isheef galata galchiti.
Koloneeffattummaa warra Aurooppaa dura, aadaan warra Saboota Kalqabaa sirna barmootaa badhaadhaa qaba ture- gad-fageenyaan dachee fi beekumsa akkasumas Hawaasa waliin kan wal hidhate. Duudhaan kun har’as hubatnoo gatii guddaa qabu kennuu itti fufaniiru.

Ta’us, qoodumsaa bu’aa barmootaa amma illee ni jira. Barattootni Abbootii Dachee barnoota irraa qooda fudhatan xiqqaa dha, dubbisuu fi barreessuun , barmootni herregaa akkasumas bakka bu’ummaan university keessaa gad bu’aa dha. Kuns sababoota itti fufanii jiran kan akka loogii, hanqina barmoota aadaa hunda hamate jiraachuu fi kaan jireenya gadi bu’aa jiraachuu irraa kan ka’e dha.

Yeroo waa’een hir’ina ture guutuu dubbatamu, seenaa loogii Ijoolleen Abbootii Dachee mudateef beekamtii kennuun barbaachisa kan jedhu Sharon Davis, nama Bardi fi Kija, akkasumas hoji gaggeessituu dhaabbata barnoota biyyoolessaa Aboriginal fi Torres Strait Islander ti.

“Seerotni fi imaammattoonni ifatti ijoollee Aboriginal mana barumsaa akka hin seenne jalqabauma irraa kaasee irratti hojjetaniiru."

(Gabaasaa dhiheehnyaa) Tumsa Biyyaalessaa Barmoota Dargaggoota Abbootii Dachee(NIYEC, the National Indigenous Youth Education Coalition,) irraa bahe ilaalun dansaan yaada Shron.

Akkasumas imaammatootni kanneen akka Immaammataan gaafatachuu danda’uu kan jalqaba bara 20ta keessa bahuu calaqqisiiseera , imaammata maatiin Abbootii Dachee hin tahin, ijoolleen Aboriginal akka daree barmootaa keessaa baafaman gaafachuu dandeessisu barreeffamee qabu. “
Sharon Davis.jpeg
Sharon Davis, CEO of NATSIEC Source: Supplied / Sharon Davis
Bara 2008tti mootummaan Australia haala hamaa isaan mudataa tureef , keessattuu ijoollee maatii, hawaasaa fi Biyya isaanii irraa humnaan fuudhuu isaaniitiif , Abbootii Dachee Australia dhiifama sirnaa gaafate ture.

Akka qaama dhiifama gaafachuu kanatti, barmoota dabalatee jireenyaa hundaa keessatti hir’ina Australiyaanota Abbootii Dachee fi Abbootii Dachee hin tahin gidduu jiru cufuuf waadaan galame.

Galii ijoon amma waliigaltee Biyyaalessaa, waa’ee Hir’ina Cufuu (National Agreement on Closing the Gap), akkaataa mootummoonni ummattoota Saboota Duraa waliin hojjetan haaromsuudhaan qoodumsaa ummattoota Aboriginal fi Toores Strait Islander irra gahaa ture irra aanuu dha.

“Dhaabbileen Hawaasa Abbootii Dacheen to’ataman ykn gaggeeffaman, fedhii hawaasaa guutuuf cichanii kan hojjetan tahuu ni beekna, " Sharon.

Akkasumas barmootni namoota keenyaan gaggeeffaman hirmaatnaa fooyyawatu mul’ata, bu’aa gaarii argamsiisu, dabrees daandeei cimaa dargattota keenyaaf tahee argina."

 Bamootni aadaa hammate karaa dansa tahuu malaa?

Dr Anthony McKnight nama Awabakal, Gameroi fi Yuin yoo ta’u, University Wollongong Woolyungah waajjira giddu-gala Abbootii Dachee keessa hojjeta.

Waggoota dheeraaf akkaataa peedaagoojii carricullum Aboriginal, Imaammataa fi hojii keessatti hammachuu danda’an barsiisuu fi qorachuu irratti dabarseera.

Dr Anthony hiikni hir’ina jiru cufuu, barmoota Abbootii Dachee keessatti hamatamuu qaba jedhee amana.

"Anaaf, wanneen adda addaa yoo jiraatan, garanaan barmoota Abbootii Dachee gar tokkoon ammoo barmoota warra dhihaa, barattoota Abbootii Dachee ammoo gidduutti qabaatta jechuu dha."

Inni akka jedhutti, jalqabbii qaawwa jiru cufuudhaan akkaataa idileetti barataan gara dhuma barnoota warra dhihaatti dhiheessuuf kan kaayyeffate dha.

“Garuu qaawwa guddaa sirna barnootaa mataa isaaniitti deebisee dhiisa.”

"Anaaf, waa’ee daa’ima Aboriginal gidduutti tahuu qaba, sana booda beekumsi lameen sana giddu-galeessa godhatu. Barattootni keenya sirna beekumsa kana lamaan qabaachuun jiraachuu danda’uuf ogummaa qabaachuu qabu.”
UOW INDIGENOUS LITERACY DAY
Dr McKnight has spent years teaching and researching how to embed Aboriginal pedagogy in curriculum, policy, and practice. Source: Supplied / MichaelDavidGray

Dr Anthony ijoolleen waa’ee lafa irra jiraatanii fi akkaataa itti kunuunsan akka barataniif akkasumas barmoota warra dhihaa fi sirna beekumsa Abbootii Dachee walitti fiduuf shaakala barmootaa ifatti beeksisuun barbaachisaa dha jedha.

“Iddoo kana kunuunsuu keessatti daa’imman Aboriginal qofa osoo hin taane, daa’imman Aboriginal hin taane kunuunsuuf yaaluun... Qaama waan nu barbaachisu hunda nuuf dhiyeessuu fi hundi keenya lafa tokko irra deemna, bishaan tokko dhugna, qilleensa tokko hafuura baafna.”

Bu’aa barnootaa wal qixxummaa qabu— daandiin jalqabeera

Akka ragaa dhiheenya Waligaltee Biyyaalessaa Hir'ina Cufuu(latest data available from the National Agreement on Closing the Gap, ) irraa argameetti hir'inni/qaawwaan bu'aa barmootaa Abbootii Dachee fi kan Abbootii Dachee hin tahin gidduu jiru yeroo dheeraaf dhiphaa ture, ammas sanuma.  

“Fakkeenyaaf, mana barmootaa Sadarkaa lammaffaa keessa barmoota irra kan jiran barttootni Abbootii dachee gara dhibbataatti harka 59 yeroo tahan , wal bira qabamee yeroo ilaalamu barattootni kanneen Abbootii Dachee hin tahin harka 85tu barnoota hordofa, "kan jedhu Sharon irraa dhagahame.

"Madaalliin kun kan nutti himu sirnicha bormootaa keessa rakkinni akka jiru nutti hima. Sirni barmootaa amma qabnu kan ummattoota Saboota jalqabaaf qophaawe miti. Kanaaf , qawwaa itti baha barmootaa jiru gaafa ilaalu sun caalaatti sirni barmooticha barattoota fi dargaggoota Aboriginal fi Torres Strait Islander tajaajiluu akka dadhabe agarra, utuu silaa tajaajiluu danda’uu. “
Retori Lane.png
Retori Lane (L) with her mother, Jenadel Lane. Source: Supplied / Retori Lane
Bara darbe shamarreen Gamilaroi kan Retori Lane jedhamtu barmoota Sadarkaa lammaffaa Dubbo Senior college bakka jedhamuu fixxee waraqaa ragaa fudhatte.

Isheen qaama garee barattoota Abbootii Dachee kanneen wagga 12fa NSW keessatti xumuratan cimoo keessaa tokko.

Aadde Retori, naannoo deggersa qabutti barachuun garaagarummaa akka fide dubbatti.

Kanneen deggersa isheef tahan, hojjettoota mana barumsaa dabalatee, barsiistata Abbootii Dachee, hojjettoota Korporasiona Sportii Biyyaalessaa Abbootii Dachee Australia(National Aboriginal Sports Corporation Australia (NASCA),) dhaabbata barattoota Abbootii Dachee akka isaan aadaa isaaniin hariroo cimsataniif barumsatti milkawan gargaaruuf kan NSW fi Naannaa Kibba Australia keessaa jiru, sagantaa kana gaggeessu hammata ture.

“Dhugumatti hojjettoota hunda irraa addatti deggersa nan qaban ture," jedhti.
" Akkasumas hojjettootn NASCA, ni dhufu, bakka barumsaatti na geessu, adeemsa hunda keessatti na gargaaraniiru. Barsiisotnis, waan fedheenuu na gargaaru turan. “

 Harmeen Retori, Jenade itti-aantuun mummee barmootaa kan Dubo Senior college bakka intalli ishee itti eebbifamte dha.

Gargaarsi barttotaaf tahuu malu fi deggersi aadaan wal simate jiraachuun barattoota hundea humneessa, barmoota isaanittis cimoo akka taha taasisa jedhtee amanti.

"Ijoolleen Aboriginal kutaa 12 akka fixan hawwii koo guddaa dha, sababn isaas kun waan xiqqoo ani gosa koof gumaachuu danda'uu dha, kanaafanis barsiisaa tahe.

"Akka kanatti jireenya barmoota booda jiru isaaniif bana."

Retori, muummee barmoota Abbootii Dachee irratti xiyyeeffattee Degree jalqabaa Bachelor of Arts ni baratti.

“Ijoollee Abbootii Dachee kaan , kanneen of dhaban, dhuguma kan waa’ee isaa illee hin beekne, sababoota dhalootn badeef maal akka tahe barsiisuuf of kenninsa mataa koo fudheen yaalaa jira. Kanaafuu, adeemsa aadaa bade deebisanii jiraachisuu gargaaruun abdii dha jedheen amana.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au.

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service