Watch FIFA World Cup 2026™

LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Austria 3 fi 1 Jordan mo'atte Soccaruun yeroo dhiootti

Argentina v Algeria - FIFA World Cup 2026

Lionel Messi of Argentina celebrates after scoring the team's second goal during a FIFA Men’s World Cup 2026 Group Stage football match between Argentina and Algeria at Kansas City Stadium, in Kansas City on June 16th 2026 (Photo by Alexandra Fechete/SPP) (Photo by Alexandra Fechete/SPP/Sipa USA) Source: SIPA USA / Alexandra Fechete/SPP/Alexandra Fechete/SPP/Sipa USA

Tapha kubbaa addunyaa: har’a guyyaa 6fa dha. Messi, Mbappe fi Haaland urjii tapha har’aa turan.


Published

Updated

Source: SBS



Share this with family and friends


Tapha kubbaa addunyaa: har’a guyyaa 6fa dha. Messi, Mbappe fi Haaland urjii tapha har’aa turan.


Rikardii cabsuun guyyaa 6ffaa waancaa addunyaa FIFA irratti urjiileen gurguddoon dhiyaataniiru. Lionel Meesiin taphattoota jalqabaa waancaa addunyaa ja'a irratti hirmaatan ta'uun ayyaaneffate, KylianMbappe fi Erling Haaland lamaan isaanii iyyuu injifannoo dinqisiisaa galmeessisuun dachaa lama galchaniiru. Baga gara Waancaa Addunyaa Guyyaa Guyyaan dhuftan. Ani Leensaa Dinqaa ti. Har’i guyyaa 6ffaa waancaa addunyaa FIFA 2026, cuunfaa isaa isinii dhiheessine.

Faransaay duula garee tokkoffaa ishee Senegaal, Niiw Yoorkitti 3 fi 1n injifachuun bante.

Walakkaa jalqabaa irratti goolii malee erga taphateen booda, Kylian Mbappé [KILL-ee-ahn mm-BAH-pay]daqiiqaa 66ffaa irratti daandii cufame cabsee, Bradley Barcola utuu hin dabalin dura dacha lama taasise.

Senegaal yeroo dhaabbii irratti tokko duubatti harkifte, garuu Mbappen yeroo muraasa booda ammas rukutee goolii galchee , Faransaay yeroo hunda dursaa ta’e.

Gama biraatiin Masaa- chusets keessatti leenjisaan Australia Giraaham Arnold Iraaq walgahii biyyoota lamaa yeroo dheeraaf waancaa addunyaatti deebi'an waliin Noorweey waliin taphate.

Taphataan sarara fuulduraa Erling Haaland tapha jabaa taphatee, boqonnaa dura goolii lama galchuun Noorweey injifannoo amansiisaa 4-1n injifatte.

Bu'aan kun ta'us Arnold carraa Iraaq garee kana irraa tarkaanfachuuf qabdu irratti abdii guddaa qaba ture.

“Wanti irratti xiyyeeffachuu qabnu?, akkan yaadutti waa sadii kan itti aanutti si ceesisu.  Game lama nu hafe qabna. Ijoolleen kun akka dansaa taphatan walkkeessa tapha jalqabaa, dogoggrri lameen akka malee nu miidhte," jedha Graham Arnold

Magaalaa kansaas keessatti, Lione Messi goolii sadii galche, shampiyoona ittisaa Argentina 3 fi 0n injifate.

Namtichi umriin wagga 39 Miroslav Klose [MEE-roh-slahf KLOH-zuh] goolii 16 galchuu isaatiin yeroo ammaa kana Geeba Kubbaa Addunyaa FIFA keessatti sadarkaa ol aanu qabatee jira.

Kun akkasiin tahee utuu jiru California keessatti Geebax aba Kubbaa Addnyaa irratti Austria biyya Jordan 3 fi 1n mo’attee jirti.

Namni Romano Schmid jedhamu Austriaf goolii jalqabaa yeroo galchuuf, itti aansee Ali Olwan walakkeessa yeroo xabicxhaa keessatti gama jaraatti goolii galche. Garuu sana booda gartuun Austria walitti aanasanii dhiiticha kubbaa gara mannee gooliitti dhiitameen goolii lama argatan.

Amma dorgommoo Soccerroon itti aansee Geeba Addunyaa FIFA irratti gartuu United States waliin magaalaa Seattle keessatti, gaafa Waxabajjii 20, akka sa’aa AEST (Austalia) ganama barii sa’aa 5 irratti, kallattiidhaan SBS irratti dabru arguuf guyyoota sadii nu hafee jira. Sana booda Austrtalia Waxabajjii 26 Oaraguay waliin kan xabatan kara SBS kallattiidhaan dabra.

Xaba Geeba Addunyaa kan borii irratti Gartuun A marsaa lammafaa dorgomuuf dabran South Korea gartuu Mexico waliin dorgommii wal mo’ichaaf hiriiru.

Gartuu B keessa, biyyi xabicha keessummeessitu Canada gartuu Qatar waliin wal dorgomti, akkasumas Switzerland Bosnia fi Herzegovina waliin wal dorgomu.

Kan dhaggeeffachaa jirtan Odeessa Guyyuu Xaba Geeba Kubbaa Adduynaa wal dorgommii Guyyaa 6 ti.

[Lensa Dinqaa ti] SBS Afaan Oromoo.

 

 

 

 


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now