SKIP TO MAIN CONTENT

Ooyiruu namaa keessaa fuduraa fi kuduraa cirachuu dandeessuu? - Australia Explained

Verge planting.jpg
A verge garden in Freemantle, WA. Credit: City of Fremantle

Naannawa Australia keessa yeroo deemtan tarii biqiltoowwan kanneen akka baala urgooftuu fi loomil irraa haga timaatimatti manneen namaa fuulduratti biqilanii ykn qarqara karaatti biqilanii arguu maltu. Garu cirachuun seeraan ehamamaa dhaa? Qophiin kun yeroo itti oomisha akkasii fayyadamuun ehamamuu fi ehamnis maaliif barbaachisaa akka tahe akkasumas qonnaan hawaasaa karaa biraa isin ittiin fayyadamtanii oomisha barbaaddan itti qotatachuu dandeessan tahuu ibsa.


Published

Updated

By Phil Tucak

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS



Skip to podcast episode content

Naannawa Australia keessa yeroo deemtan tarii biqiltoowwan kanneen akka baala urgooftuu fi loomil irraa haga timaatimatti manneen namaa fuulduratti biqilanii ykn qarqara karaatti biqilanii arguu maltu. Garu cirachuun seeraan ehamamaa dhaa? Qophiin kun yeroo itti oomisha akkasii fayyadamuun ehamamuu fi ehamnis maaliif barbaachisaa akka tahe akkasumas qonnaan hawaasaa karaa biraa isin ittiin fayyadamtanii oomisha barbaaddan itti qotatachuu dandeessan tahuu ibsa.


Tuqaalee Ijoo

  • Ooomisha nama biraa ehama malee cirachuun daangaa dabru ykn hannatti fudhatama.
  • Utuu oomisha mana namaa ykn qarqara karaa jiru sana hin fudhatin dura abbaa qabeenyaa sanii gaafachuun barbaachisaa dha, yoo kan akka namni fudhatuuf ifatti himamee kaa'ame malee
  • Qonnaa oomishtanii fayyadamuuf akkasumas nama waliin qooddachuuf qonnaa hawaasaa naannoo keessaniitti dabalamaa.

Ooomisha qonnaa nama biraa ykn qarqara manaajiru cirachuu nin danda'aa?

Fuduraa bilchaate maasii nama tokkoo keessatti yoo biqilee agartu, si qoruu mala, tokko kutadhuu laata jechuu malta.

Garuu akkuma Jarrad Duggan, kan garee nageenya hawaasaa Magaalaa Fremantle hoogganu, ibsutti, oomisha maasii nama biraa irraa fudhachuun seeraan alaa.

"Dhugumatti hayyama isaanii malee qabeenya nama kami iyyuu keessa seenuun seera-maleessa. Kanaafuu lakki, lafa nama tokkoo qofa irra deemtee qabeenya isaa irraa waan tokko illee fudhachuu hin dandeessu sababiin isaas sun dhugumatti hanna ykn butuutti fudhatama." jedha obbo Duggan.

Kana jechuun yeroo hunda oomisha fudhachuu dura abbaa qabeenyaa gaafadhu. Akka waliigalaatti seera bu’uuraa walfakkaataan kun oomisha mana nama tokkootiin alatti qarqara irratti biqilu irrattis ni hojjeta.

"Qarqara irratti kan biqilu ammas, kun dhugumatti lamaan isaanii irraa homaa fudhachuun seera qabeessa miti. Lafa mana gumii(council) ta'uu isaa nan beeka, garuu dhugumatti waan kami iyyuu qarqara lafaa sani irraa fuudhuuf hayyama si barbaachisa," jedha obbo Duggan.

"Nama manicha keessa jiraatu ykn abbaa qabeenya sanaa irraa hayyama barbaadda. Kun gumii irraa miti. Dhugumatti nama sana irraa ti."

Verge tree.jpg
It may be tempting to pick fruit from a neighbour's tree—but is it legal? Credit: Pexels/Strannik-sk

Yoo oomisha mana namaa biraatti agarte naamsi gaarii gochuu qabdu maal?

Yoo maasii nama biraa irraa ykn qarqara mana jaraa irraa oomisha sana barbaadde, salphaatti abbuma gaafadhu.

" Ega ehama argatteen booda, hagama akka fudhattu akka siif hayyaman gaafachuun yaada dansa.  Itti dabalees, waan barbaaddee jaallatteef fudhatta garuu, biqiltuu akka badutti utuu hin taane amala kununsaan irraa fayyadami," jedha obbo Duggan.

Abbaan qabeenyaa gaafachuu kee dinqisiifachuu malu, yeroo baayyees, oomisha isaanii kana, kaan waliin qooddachuutti ni gammadu. Namootni baayyee horeef ammo akka namni fudhatu karaa irratti ni baasu.

"Fakkeenyi kanaa  tarii yeroo manaa baatee karaa irra deemtu, harguffaa/saanduqa fuduraan keessa jiru daandii irra kaa’anii tolaa fudhaa jedhanii itti barreessanii agarta. tarii loomii saanduqa tokko tahuu danda’a, kun mallattoo isaan tola fuduraa kana namaa qoodaa jiraachuu agasiisu dha. Yoo kana tahe, ehama gaafaachuu hin barbaachisu jechuu dha," jedha obbo Duggan.

Andrea Sciubba.jpg
Andrea Sciubba leaves out her excess lemons for neighbours to take. Credit: Josh Jenkins

Kun waan jiraattuun naannoo, Andrea Sciubba yeroo yerootti naannawaa Nedlands Perth keessatti goodhtu dha.

“Muka loomii turaan qaba maasii koo keessaa , waggaa waggaan loomii hedduu oomishuu isaan carroomtuu na taasiseera."

Hagan danda'e cireen qodaatti naqee karaatti baasuun saanduqa poostaa jala akka namni fudatuuf kaa'a.
Andrea Sciubba

Oooyiruu kootii ala qarqara karaatti waa qotachuu nin danda'aa?

Oomisha uumamaan bakka ooiyroo dhuunfaa irraa alatti bahanii jiran. walumaa galatti bakkichi kan ummataa ti, gumiidhaan bulfama.

Haa tahu malee, seerri mootummaa naannoo addatti, jiraattotni qabeenyichaa, yeroo yerootti naannoo akka kununsan gaafata, kanneen akka marga haamuufaa jechuu dha.

 “Kunis gumii irraa gumiitti adda addummaa qaba. Kaan hayyamuu malu, kaan ammo ciruma isaa dhorkuu malu," jedha obbo Duggan.

Qonnaan hawaasaa maal?

Yoo biqiltuu guddifachuu barbaaddee garuu ooyiruu hin qabdu tahe, ykn bakka murtooftu qofa qabda tahe, qonnaa hawaasaa naannoo kee jirutti makamuu dandeessa.

Hawaasni ooyiruu Hurstville, kan naannawa Sydney jiru bakka ooyiruu hawaasaa waliin qabu, toora lafa qonnaa gara 30 ol qotattoota dhuunfaaf kennanii jiru jechuun ibsiti kan miseensummaa isaanii qabdu Sofia Carvajal.

“Karaa dansa irraa baratamu dha, keessattuu yoo reefuu jalqabda tahe, namoota waggaa dheeraaf hojjetani irraa hedduu baratama. Akkamitti akka fuduraa fi kuduraa dhaaban. Kana duwwaas miti, akkamitti gartuu waliin walii galanii hojjetanis, kun ammoo waan haalaan barbaachisaa dha, " jedhti.

Urban produce.jpg
Produce can often be seen growing in a front garden. Credit: Pexels/Ivy Nguyen

Hirmaattotni ooyiruu hawaasaa keessa jiran, waa’ee biyyee fi lafa xaa’oodhaan sondeessuu, akka itti biqiltuu guddisanii fi akkamitti akka kununsan baratu.

"Ooyiruun hawaasaa hundi akka adda addaatti hojjeta, garuu want wal fakkaataan tokko jalqabuuf yeroo barnootaa ni qabaatta, achiin booda waa dhaabda, gaafa gahu waa fudhattee mana keetti galta,” jedhti Carvajal s

Bu'aan qonnaa hawaasaa maal?

Qonnaan hawaasaa namoota duubbaa aadaa kam irraa iyyuu tahaniif banaa dha, miseensummaa fi dabaree eeggachuun haa jiraatu iyyuu malee. Baayyeen isaaniis meeshaa qonnaa ittiin jqlqabdu ni dhiheessu.

Qonnaan hawaasaa midhaan biyya kee asittigabaa kam iyyuu hin argatne qotattee argachuuf daandii misha dha.
Sofia Carvajal

Dabalataan, carraa waa oomishuu qofa utuu hin taane, ooyiruun hawaasaa hedduun qophii addaa illee namoota umrii hundaaf ni qopheessu.

"Qophii ijoollee, kitaaba ooyiruu keessatti dubbisiisuu, tapha adda addaa, biqiltuun kun guddatee fuduraa inni oomishe ijaan agarsiisanii ijoollee barsiisu. Namoota umrii gara garaaf sagantaalee hedduu qabna. Hawaasa sammuun isaanii kaan irraa adda yaadu(neurodivergent) dhufanii lafa qonnaa fudhatanii akka qotatan sagantaa qabnaaf. Iddoo callisa qabu. Sagantaa xaa’oon lafa sondeessuu qabna. Kanaafuu dhugaadhumatti, ooyiruun hawaasaa barbaachisummaa guddaa qaba.  Hawaasummaa uumuu keessatti gahee guddaa  qaba," jedhti aadde Carvaja.

Egaa kanaafuu, yoo kan oomisha qonnaa qooddachuu barbaadde ykn kan mataa kee qotachuu barbaadde, qonnaan hawaasaa filatnoo qabatamaa ati itti hirmaachuu dandeessu dha. Yoo fuduraa fi kuduraa oyiruu nama keessatti ykn qarqara daandii mana isaaniitti agarte utuu hin fudhatin dura, ehama gaafaachuu akka qabdu yaadadhu.

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now