Tuqaalee Ijoo
- Manneen kitaaba ummataa Australia, namootni akka wal argan akkasumas deggersa nama umurii kamiifuu argamsiisuuf sagantaalee fi tajiijiloota tola ani kenna.
- Godaantotni haaraan akka rakkoo malee qubataniif manneen kitaabaa(library) gahee guddaa taphata, barnoota Afaan inglishii, aad fi hojiilee hawaasummaa gabbisan dabalee ni kenna.
- Manneen kitaabaa tokko tokko yeroo amma hojjettoota hawaasummaa(social workers) ni qacaran, hawaasa gargaaruu keessatti gahee qaban akka mul’’isaniif.
Across Australia, public libraries hold over 40 million books in English and other languages. But their role extends far beyond lending books.
Manneen kitaabaa iddoo walitti dhufeenyaa ti
Sagantaan isaanii qophiilee kanneen akka yeroo-seenaa(story-time) kutaalee digital kan haasaawa barreessitootaa, qophii aadaa fi workshoppi waa suphuu of keessaa qaba.
Mana kitaabaa Doncaster(Doncaster Library,) melbourne keessatti argamuuf hojjettuu(Librarian ) kan taate Runti You (Ron-ti You), magaalaa xiqqoo china irraa gara Australia yammuu godaantu, haala kenniinsa tajaajila manneen kitaabotaa biyya kanaa ilaalchisee mudannoo ishee jalqabaa raajefannaan yaadatti.
"Manneen kitaabaa Australia , dhiheessii kitaabaa irra dabree tajaajila inni ummataaf kennu argee, ani baayyeen rifadhe, " jedhti.

Australian public libraries provide free programs and services that connect and support people of all ages. Credit: The Wagga Wagga City Library
Godaantotaaf haga albuuda warqee ti
Manneen kitaabaa hedduun, keessumaa naannoo aadaa hedduu qaban, namoota haaraa dhufaniif sagantaa ni geggeessu, kunis Afaan Inglishii akka baratan, hawaasa isaanii waliin akka wal-qunnaman, akkasumas jireenya Australia akka hubatan gargaaru.
New South Wales tti kan argamu manni kitaabaa magaalaa Wagga Wagga(Wagga Wagga City Library) “popular Language Cafe for migrants” jedhuun sagantaa beekamu gaggeessuun baqattootaa ittiin fayyadaa jira. Qindeessituun sagantaa (Program officer) kanaa Leila Davandeh akkas jechuun saganticha ibsiti.
Akkasumas agarsiisa miseensota mana kitaabaa fi imala isaanii gara Australia agarsiisu Library Connections jedhu ni qopheessiti. Shamarreen Yazidii irraa taate kun yeroo ammaa kana mul'attee jirti.
Doncaster keessatti Runti You gurmuu dubbistootaa( reading groups) jedhamu hundeessuun jiraattonni yeroo dheeraa turanii fi kanneen reeefuu dhufan walitti fiduun dandeetti afaan inglishii akka guddifatan taasisaa jirti.
Akkuma gurmuun kuni guddina agarsiisaa dhufeen, jaalallii fi michummaan miseensota gartuu kanaa gidduuttis dabalaa deeme. Garee kana keessatti bu’aan argamaa dhufe, afaan inglishii akka fooyyessan gargaaruu qofa osoo hintaane, namoota aadaa fi duubee adda addaa keessaa dhufan waliin wal baruu fi hariiroo uummachuuf carra banee jira," jedhti.
Manneen kitaabaa kan nama hundaa ti
Sagantaaleen daa’imman,gaammee fi maatiif qopheeffamanis hawwannaa guddaa ta’aa jira.
"Ani Haadha daa’imaa xiqqaan ture, hojii hin hojjedhu, ammo bakkan ooluu fi itti boqqodhu na barbaachisa ture. Kanaaf manneen kitaabaa bakkan oolmaa koo naaf tahe. kana yammuun mana kitaabaa keessa hojjechuu eegalun hubbadhe. Haadholiin daa’imman isaanii waliin, ijoollee xixiqqaan, naannoo manneen kitaabaa oolan hawaasummaa qofaa osoo hin taane, beekumsa afaanii fi dandeettii ogu-barruu isaanii gabbifatu," jedhti Leila Davandeh.
Pamela mana kitaabaa Melbourne jiru tokkotti kan fayyadamtu, tajaajiloota manneen kitaabaa kana hedduu raajeffatti.
" Yeroo koo haala adda ta’eenin dabarsaa jira, mucaa kiyya wliin tapha daa’iammanii taphachuu, kanneen naannoo kee jiran hunduu waan wal fakkaataa fi bashannansiisaa taphatu. Kuni ammo barsiifataa fi shaakallii addaati nuuf".
Manneen kitaabotaa baay’een afaan Inglishiitiin alatti afaanota kan biroon yeroo seenaa( Story time) gaggeeffataa jiru.
Manni kitaabaa magaalaa Wagga Wagga Sagantaa language café cinatti ‘youth multicultural program’ jedhu illee ni qabu.
Nuti wantoota hedduu dalagna. Akka fakkeenyaatti diraamaa ni hojjenna, muuziqaa ni taphanna, barnoota meeshaa guitar ni qabna, akkasumas Dibbee/drum ni shaakalla, suraa illee ni kaafna. Yeroo odeessa wal jijjirrus ni qabna. Namoota hojiilee adda addaa irratti bobbaa’an afferuun haala hojii isaanii fi muuxannoo isaanii akka qoodan taasifna. Kanneen reefu Australia dhufanis akkamiiin akka milkaa’an irrattis gorsa ni kennu," jedhti aadde You.

Libraries play a crucial role in helping new migrants settle in, offering English classes, cultural programs, and community-building activities. Credit: Wagga YMG Karate Session/ The Wagga Wagga City Library.
Bakkooti kuni ga’eessotaa fi kanneen muuxannoo qabaniifis akka ta’utti workshoppii Teknoloojii, kilabii kitaabaa(book club) fi yeroo deeggersa ogummaa gabbisuu( Career support) ni qindeessu.
Akkasumas Ce’umsa hojii digital tolchuu ( digital transformation) keessatti sochii bal’aatu gaggeeffamaa jira. Fakkeenyaaf, hojii manaa barmootaa(home work) gargaaruu, haasaa barreessitootaa (Authors talk) dabalatee toora intarneetaatti fe’amuun hunduu argatee akka itti fayyadamu taasifamaa jira.
Bronwyn Arnold, qindeessituun damee Pines fi "White horse Manningham (” Whitehorse Manningham Libraries’ )jalatti dura teessuun hammatamuu hawaasummaa ( Social inclusion lead) sagantaalee waliigalaa kennaman irratti warreen library keessa hojjetan nama gargaaruuf qophii dha jedhti.
" Kan nuti jedhnu hojjettoonni mana kitaabaa waan hunda hin beeknu. Garuu gaaffii gaafatame irratti hundoofnee deeggersa kamuu taasisuu dandeenya. Fakkeenyaaf yoo ‘waan kana hojjechuun natti ulfaate’ ykn ammoo’ waan kanaaf deebiin dhabe’ yoo jedhte, furmaata kennuuf si waliin teenye si qajeelchina, hanga waan feedhte sana argattuutti tumsina.”))

Some libraries now employ social workers, reinforcing their role as inclusive and evolving community spaces. Credit: The Wagga Wagga City Library
Hojjettootni hawaasummaa(social worker) manneen kitaabaa hojjetan gargaarsa dabalaa kennaa jiran.
Manneen kitaabaa kitaabaa hawaasichaaf bakka giddu gala tahaa waan dhufaniif, tokko tokko hojjettoota hawaasummaa(social worker) qacaru.
Yeroo Jalqabaaf Kibba Austraaliyaatti hojjedhtuu mana kitaabaa hawaasummaa (Library social worker) taatee hojjetaa kan jirtu Lizzie Flaherty mana kitaabaa uummataa Salisbury (Salisbury community Hub Library) keessatti hojjetaa jirti.
"Manneen kitaabaa guddachaa jiru, kanaaf barbaachisummaan hojjettoota hawaasaas dabaleera. Amma hojiileen hawaasummaa( Social work) rakkoolee fi gaaffilee uummatatti mul’atan furuu akka danda’u hubatamaa dhufeera,"jedhti.
Manneen kitaabaa giddu galeessummaan hawaasa hunda kan keessumsiisu akka ta’ettis amanti.
"Manneen kitaabaa eenyummaa ofii beeknee fi of-taaanee akka jiraatnu taasisuu keessatti, bakka ola’aanaa qabata. Itti dabalees, bakka kanatti argamtee tajaajila argachuuf waanta adda ta’e qabaachuu ykn gummaachuun sirraa hin eegamu, namni hundumtuu walqixa, walqixa keessumeessama. tola, hundumtis itti tajaajilamuu danda’a, bakka nageenyi jirudhas."
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au.