Watch FIFA World Cup 2026™ LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Style irra caala: Fashinni Saboota Duraa Australia keessatti hagam guddataa jira- Australia Explained

AUSTRALIA EXPLAINED - INDIGENOUS FASHION

Back in Blak Runway 2025 Source: AFP / WILLIAM WEST

Australia keessa hagamiifuu jiraatte yoo tahe, akkaataan jireenyaa hagama bohaarsaa akka tahe hubattee taha. Bakkuma hundatti uffatni lagoo fi maqaa kampaanota beekamoo qaban, akkasumas kan guyya Guyyaa namni uffatus agartee taha. Garuu faashina Australia gama biraatu jira, kan namootni hedduu ,yeroo jalqabaa dhufan waa’ee isaa hin dhageenye. Akkaataan hojii uffataa fi faayaa adda addaa, kan Aboriginal fi Torres Strait Islander, waggoota kumaatamaaf hojjetanii ittis fayyadamaa turan- haga har’aa hojiin sun lubbuun jira. Dhaadessii faashinaa addunyaa irrattii fi, bakkewwan uffata adda addaa irratti kan agartu dha. Maaltu faashina Saboota Jalqabaa adda taasisa, naannoo waliin hariiroo akkam qaba, yoo illee uffachuu kan barbaaddu tahe dursa waan beekuu qabdutu jira.


Tuqaalee Ijoo
  • AboriginAboriginal fi Torres Strait Islander, waggoota kumaatamaaf hojjetanii ittis fayyadamaa turan. Haala qilleensaan akka wal simatutti, seenaa fi jireenya hawaasaa akka mul'isutti.
  • Dizaayinerootni Saboota Duraa akka addunyaatti haala boonsaan bakka bu'aniiru.
  • Hojiin aartii Saboota Duraa, hojii artistoota Saboota Duraan hojjetame, kan beekamtii fi kaffaltiis itti argatan isaan.
  • Beekumsa aadaa irraa ka’uun dizaayineroonni Saboota Duraa itti fufiinsa irratti dursaa jiru.

Kolonii dura, ummattootni Saboota jalqabaa Australia walii gala keessa jiran, uffata qilleensa naannoo isaaniin wal fudhatuu fi akkaataa jireenya isaanii ibsu uuman. Uccuu ummatni uffatan, eessaa akka tahan, duubbee aadaa isaanii fi Eenyummaa isaanii ibsa.

Dezinerootni Sabootni Jalqabaa hedduun, amma iyyuu faasion akkasitti ilaalu, kan aadaa,seenaa fi eenyummaa isaanii baatee deemu. Akkasumas jireenya guyyuu keessatti biyyicha kan kununsu godhanii ilaalu.

AUSTRALIA EXPLAINED—FIRST NATIONS FASHION
You can see Aboriginal and Torres Strait Islander fashion at national events like Australian Fashion Week. Credit: Rob Hookey/Getty Images

Har'a faashina Saboota Duraa eessaa argatta

Yeroo dheeraadhaaf, Fashionni Aboriginal fi Torres Strait Islander , media gurguddaa biyyaa irratti mul’achaa ture. Akkaataan uffatnaa warra dhihaa karaa waldaa, mana barmootaa fi immaammata mootummaa hojii irra oolaa ture, ummattootni Saboota Jalqabaa garuu uffatnaa aadaa isaanii karaa Hawaasa keessaa fi kabajanaa ayyaana adda addaa turfachuu danda’an.

Waggoota kurnan dabran, kan kun jijjiiramu jalqabe. Amma dizaayineroonni Saboota Duraa haala boonsaan addunyaa guutuutti bakka bu'aniiru.

Amma faashina Aboriginal and Torres Strait Islander qophiilee biyyaaleessaa irratti ni agarta, kanneen akka torban faashina Australia, ayyaan waggaa Saboota Duraa Country to Couture  maxxansa gara garaa irratti, kanneen akka Vogue. maxxansa jedhamuu , kanneen akka Dizaayinaa fi fashina Saboota Duraa First Nations Fashion + Design  akkasumas National Indigenous Fashion Awards  have helped create kun hundi hojiin kun akka mul'atu keessattuu iddoo dhuufaa isaaniitti hojiin harkaan uumaan kan Saboota Duraa bakka itti ifa bahu argate.

Australia Explained - Indigenous Fashion
Caption: Artist and designer Grace Lillian Lee employs traditional Torres Strait Island weaving techniques to create her sculptural pieces, as showcased at Paris Fashion Week 2025. Credit: Foc Kan/WireImage/Getty Images

Dunghuttifi  Anaiwankan uumte, fi marsariitii irratti fuula hawaasaa kanAus Indigenous Fashion, jedhu namn hundeessiti Yatu Widders Hunt, yeroo ijoollummaa ishee Sydney keessatti guddachaa turte bakka bu'ummaan Saboota Duraa daangessamaa tahuu yaadatti.

Nama moodela Whadjuk Noongar  fi  Fashina Mob in hundeessaa kan tahe Nathan McGuire  yeroo modelummaa jalqabe namni Aboriginal isa qofa akka ture dubbata.

Har'a industry dandeettii Saboota Duraa irra caalee arge

“Sun waa’ee ummanni keenya mul’achuu fi bareedinni keenya biyyattii keessatti dinqisiifamuu isaa ti. Akkasumas beektuu, dhugumatti kun tahuu waan qabuuf, " jedha.

Nathan McGuire.jpg
Whadjuk Noongar model and Mob in Fashion founder Nathan McGuire. Credit: Nathan McGuire

 Faashiona Saboota Duraa maaltu adda taasisa?

    Asxaaleen Saboota Duraa hedduun seenaadhaan kan geggeeffaman ykn biyya waliin kan walqabatan ta’uu isaanii ibsu. Asi irratti “Biyyaa’ jechuun dachee , bishaan, samii, hawaasaa fi aadaa agarsiisa.

    Design yeroo baayyee, iddoo adda tahe, afaan fi duudha aadaa waliin walitti hidhata.

    Waanti maxxanfamu, hojii harkaa artistoota Saboota Duraan hojjetame, kan beekamtii fi kaffaltiis itti argatan isaan. Brandotni baayyeenis suuta beekamaa, mul’achaa deemanii itti fufiinsaa fi ayinaa hojichaa kan deggerani dha.

    Dizaayinerri tokko, kan hojii kana hojjettu dirketeera hojii Yolnu kan taate Lindra Gaykamangu ti. Haadha qabeenyaa fi hundeessitu uffatnaa brandii Liandra jedhamuu ti. Faashiona akka aadaa hunda simatutti mijataa dha jedhti.

    Faashiona akka hunda simatutti, ummata hawaasa keenya irraa adda tahan hunda, akka hammatuu fi hirmaachisutti mijeessina. Karaa brandii kanaa, eenyuummaa Australia kan ibsu, ummata aadaa daneessa waliin kabajanna.
    Liandra Gaykamangu

    Hasawni yeroo jalqabus tahe braandotni baayyeen, oddeeffatnoo waa’ee artistii, hawaasichaa fi seenaa design san duuba jiru ibsu.

    Faashinni Saboota Duraa itti fufiinsa qabaa?

    Many First Nations designers see their work as part of a much older relationship with land and resources. Traditional clothing practices were based on using only what was needed, respecting animals and plants and understanding seasons. Modern brands are adapting that thinking to today's fashion system. 

    Dizaayineroonni Uffatni aadaa Saboota Duraa, waan barbaachisu qofaaf waan itti fayyadaman yeroo tahu, bineesotaa fi biqiltootaaf kabaja kan agarsiisu ture. Har’a brandiin Saboota Duraa hedduun isaa, yaadota kana gara fashion ammayyaatti fidu.

    Yatu kan amantu beekumsi Saboota Duraa to'annaa qilleessaa taasisamuuf murteessaa dha kan jedhu dha. Dizaayineroonni Saboota Duraa karaa daldala bu’aa buusu uumuuf tattaafatamu iyyuu waa'ee biyyaa yaaduuttis dura bu'ummaan hojjetu. jechuu , hubatti.

    Maammiltootaaf, brandii Saboota Jalqabaa irraa bitachuun, yeroo tokkotti aadaa fi naannoo deggeruu danda’a.

    Yatu Widders Hunt.jpg
    Yatu Widders Hunt, founder of online community Aus Indigenous Fashion. Credit: Yatu Widders Hunt

    Dandeettii waa uumuu Saboota Duraaf haala mijeessuu

    Lakkoofsi maqaa fi istuudiyoonni kan Aboriginal fi Torres Strait Islander qaban dabalaa dhufe sirna ikoo faashinii guutuu keessatti karaa hojii kaffaltii qabu uumuutti jiru.

    Liandra brandii ishee fayyadamuun hawaasa fagoo fi naannoo carraa sadarkaa industirii waliin walqabsiisti. Karaa pirojektootaa fi walta’iinsaatiin, brandii ishee kanneen waa uuman haaraa muuxannoo akka argatan fi sana booda gara hojii mataa isaaniitti akka ce’an gargaareera:“Moodeelota agency adda addaa Australia ol aanoo irratti mallattaa’an, daandii balalii idil-addunyaa irra deemuu, duula ajaa’ibaa kana bira darbanii galmeessuu fi walabummaa dinagdee mataa isaanii uumuuf deeman qabna.”

    Yatu akka yaaddutti , daldalli Saboota Duraa dinagdee biyyaa isa guddaa waan tahaa jiruuf deggeramuu qaba jedhti.

    “Damee daldalaa Saboota Duraa guddachaa fi dagaagaa jiru qabna, dizaayinarotaa fi artistoota naannoo fagoo dabalatee guutuu biyyattii hunda keessatti hojjetan qabna, kanaaf faashinii Saboota Duraa bitachuudhaan daldala Saboota Duraa deeggaraa jirtus.”

    Brandii Aboriginal hojjetan uffachuu ni danda'aa?

    Akkaataa kabaja qabuun akkaataa itti Saboota Duraan walitti dhuftan ulfaataa tahuu danda'a. Gorsi xiqqoon tokko kunoo ti.

    Dizayineroonni Saboota Duraa hedduun ifatti faayaan sun ‘ally friendly’, jedhanii ibsan taha. Sana jechuun namni kamuu uffachuu danda'a jechuu dha.  

    Meeshaaleen tokko tokko, yeroo baayyee sirna ykn gahee aadaa addaa, namoota Aboriginal fi Torres Strait Islander qofaaf. Isaan kun yeroo baay’ee toora interneetii irratti ykn faayaa san irratti irratti ifatti mallatteeffamu.

    Brandii hedduun odeeffannoo toora interneetii irratti ykn fayaa sani irratti waa'ee artistii, hawaasaa fi seenaa dizaayinicha duuba jiru irratti qooddatu.

    “Kan ani jechuu barbaadu, dizinerootni Saboota Duraa harki caalaan isaanii, uccuu hundaaf tahu hojjetu, ummattoota Aboobootii Dachee qofaaf miti jechuu dha. Akkasumas, seenaa himiinsi Saboota Duraa, dhugumatti eenyummaa Australia keessatti giddu-galeessa waan ta'eef, waan nama gammachiisu natti fakkaata. Dabalees aadaan keenya garmalee arjaa fi ho’aa dha natti fakkaata. Namootnis akkasitti akka itti boonan jaallatna, barbaadnas, kunis eenyummaa nama hundaaf giddu-galeessa akka tahetti ilaalla."

    David Jones Indigenous Fashion Projects
    David Jones Indigenous Fashion Projects show during Australian Fashion Week Source: Getty / Jason McCawley for AFW

    Nathan, faashinni godaantota haaraaf, daandii bashannansiisaa ittiin hawaasota Saboota Duraan wal hidhata qabaatan dha jedhee yaada. dizineroota Saboota Jalqabaa fi modeloota karaa saba himaalee hordofuu ykn ammo agarsiisa Saboota Jalqabaa ilaaluu dandeessu.

    Akka qaama aadaa Australia ibsutti , kun karaa dansa hawaasa waliin hariiroo itti uummatani dha.

    Faashinni Saboota Duraa karaa itti kabaja agarsiisan fi karaa salphaa tahe tokko kan akka uffata isaanii uffachuufii hawaasaan walitti nama hidha.

    Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

    Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


    Share

    Follow SBS Oromo

    Download our apps

    Listen to our podcasts

    Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

    Watch on SBS

    SBS World News

    Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

    Watch now