Tuqaalee Ijoo
- Abbummaan biyyaa jechuun ummattootni Aboriginal fi Torres Strait Islander seera aadaa fi duudhaa isaanii irratti hundaawanii dachee fi bishaan isaanii waliin hariiroo walitti fufa qabu qabaachuu isaaniif beekamtii sirnaa kennuu dha.
- Abbummaan biyyaa hawaasni Sabooti Duraa aadaa isaanii akka tikfatan hayyamaaf.
- Namootni baayyeen, keessattuu warri magaalaa keessa jiran fi warri manneen dhuunfaa isaanii qaban abbummaan biyyaa Kanaan hin miidhaman, garuu hubachuun dhimma kana ilaalchisee haasawaa taasisamu keessatti hirmaachuuf gargaara.
Akeekkachiisa: Seenaan kun suuraa fi maqaa namoota du'anii qabaachuu danda'a.
- Abbummaan dachee akkamiin dhufe?
- Abbummaa dachee jechuun maal?
- Abbummaan dachee maaliif waan wal xaxaa tahe?
- ?Naanawa Australia hagamtu abbummaa hammatee jira?
- Australia hundaaf abbummaan dachee maaliif barbaachise?
Abbaa Dachee , mirga Dachee fi walii gateen sadan kun aadaa kana jabeessuu fi Aboriginal fi Torres Strait Islanders hariiroo Dachee waliin qaban tiksuu keessatti kan gargaare dha. Waa’ee mirga Dachee ilaalchisee qophii dabre dhimma walii-galtee irratti dhiheessine keessaa argachuu dandeessu.
Qophiin kun waa’ee abbummaa dachee (native title) ti. Maal jechuu akka tahe, seenaa isaa fi akkamiin mirga dachee irraa adda akka tahee fi hiikkaa isaa ibsina.
Abbummaan dachee akkamiin dhufe?
Waggoota 200 oliif, Austraaliyaan terra nullius jedhamuun labsamte. Hiikni isaa “lafa duwwaa/abbaa hin qabne” jechuu dha, ummattoota Abortinal fi Torres Strait Islander utuu warri adii hin dhufin dura irra jiraataa turan beekamtii kennuu dhabuudhaan akkasitti labsamte.
Sun dhimma seeraa seena qabeessa tokkoon jijjiirame – innis Dhimma Mabo ti.
Bara 1982tti gareen ummata Meriam kan Eddie Mabo'n durfamu dhimma seeraa abbummaa aadaa isaanii kan Murray Islands, Torres Strait keessatti beekamtii argachuu barbaadaniin jalqabame — gareen kun garee islands xiqqaa qarqara Queensland irraa Australia gara olii ti.
Dhimmich dheeraa, kan wagga kudhan fixe dha. Achii booda, bara 1992, Manni Murtii ol’aanaa Australia ummatni Meriam dachee isaanii irratti abbummaa dachee akka qaban beekee murtoo adda ta’e kenne. Murtiin kun seena qabeessa ture; terra nullus kan jedhamu asoosama seeraa yeroo dheeraa fudhate kuffiseera.
Murtii sana hordofuun labsiin abbummaa dachee bara 1993 Paarlamaa Federaalaatiin ragga’e.
Sadaasa 15 bara 1993, yeroo sana muummichi ministeeraa Paul Keating sabaaf haasawa taasiseen, deebii mootummaan Australia, murtii Mana Murtii Ol’aanaa Mabof deebise ibseera.
“Murtiin mana murticha haqa qabeessa tahuun isaa shakkii hin qabu. Soba didee dhugaaf beekamtii kenne. Sobichi terra nullius waan jedhu ture - sun asoosama Austraaliyaan lafa nama tokkoo hin turre jedhu. Dhugaan jiru garuu lafa abbaa dachee ti- dhugumatti laftich yeroo tokko kan Australiyaanota Aboriginal fi Torres Strait Islander tahuu isaa fi bakka tokko tokkotti mirgi seeraa isaa qubsuma Awurooppaa waggoota 200 irraa dandamatuu isaa ti.
Abbummaa dachee jechuun maal jechuu dha?
Abbummaan dhalootaa ummatoonni Saboota Duraa tokko tokko amma illee seeraa fi aadaa isaanii irratti hundaa’uun lafaa fi bishaan isaanii irratti mirga akka qaban beekamtii kennuu dha. Mirgoonni kun mootummootaan kan kennaman ykn mariin kan raawwataman miti — manneen murtii Austiraaliyaatiin beekamtii argatu.
Abbummaan dachee yeroo baayyee “bundle of rights” jedhamee ibsama sababni isaa mirgoota adda addaa of keessatti hammata, waa tokko qofa miti. Mirgootni kuns dachee, bishaan, adamoo, qurxummii qabuu, kabajatanaa ayyaana adda addaa, bakkoota aadaa barbaachisoo tahaniif kununsa gochuu kana hunda dabalata.
Abbummaa dhuunfaa ykn daldalaa osoo hin taane, mirgoota waloo ykn garee duudhaa aadaa fi afuuraa yeroo dheeraaf qabaataman irraa dhufaniif, beekamtii kenna.
Haa tahu malee, abbummaan biyyaa dhimma bahiinsa dachee kaan bakka hin bu’u, fakkeenyaaf kanneen akka qonnaa, albuuda ykn sochiilee mootummaa naannoo bakka hin bu’u jechuu dha. Bakkoota baayyeetti, fayyadamni kunneen abbummaa biyyaa waliin wal qabatanii hojjetu. Kana jechuun ummattootni Saboota Duraa yeroo baayyee mirga dachee kaan waliin qooddatu, kanneen akka qote bultoota, albuuda baaftootaa fi gumiin naannoo waliin jechuu dha.
Hawaastoota Aboriginal fi Torres Strait Islanderiif , abbummaan dachee waa’ee dachee irra tara- dhimma eenyummaa, aadaa fi keessatti hammatamuu ti(belonging).
Hogganaa fi barsiisaan Yawuru , Professor Peter Yu akkas jechuun ibsa:
“Abbummaan dachee maalummaa seera bu’uura ittiin hawaasni kee gaggeeffamu fi hariiroo waliin qabdu irra deebitee akka boccu kan carraa siif kennu dha. Kanaafuu, Hawaasa kiyya ilaalchisee akkasi. Akkasumas bu’uura beekumsaa, afaanii, aadaa shubbisaa, faaruu fi beekumsa aadaa ture deebisee jabaatee akka itti fufu kan hawaasaa fi qomoo keenya keessatti taasisu dha."

Australian Prime Minister Paul Keating (1993).
Abbummaan dachee maaliif wal xaxaa tahe?
Beekamtii argachuun salphaa miti.
Abbummaa dachee hundeessuuf hawaasni dachee waliin walitti dhufeenya itti fufiinsa qabu agarsiisuu qaba — yeroo baay’ee seenaa afaaniin dubbatamu, seenaa fi galmee dhaloota irraa dhalootatti dabraniin taha.
Adeemsi seeraa wal xaxaa dha, sirni aadaa fi duudhaan yeroo hunda bu’uura seera warra dhihaa waliin sirriitti wali hinfudhatu.
Ogeettiin seeraa Gwynette Govardhan, kan seera abbummaa dachee fi heritatage law, kana irratti qormaata jiru ibsiti.
“Aadaa duudhaa, sirna waliin wal fudhachiisuuf carraaqna, itti guutnee akka hojjetu gochuuf qofa yaalaa jirra, halli wal xaxaan rakkoo uuman utuu jiranii, sababni isaa sirnich nuti wal fudhachiisuuf carraaqnu mataan isaa iyyuu uumamee lafa irra hin jiru, , bu’uurri sirnicha saniif hin qophoofne. “
Naannawa Australia hagamtu abbummaa hammatee jira?
Tahu iyyuu, abbummaan dachee jijjiirama dhugaa fi waaraa fideera.
Hawaasni afaan isaanii deebisanii akka jiraachisan gargaareera, aadaan dachee fi bishaan kunuunsuu akka deebi’u taasiseera, akkasumas murtii dhimma dachee fi bishaanii isaanii irratti gaafatama cimaa akka fudhatan gargaareera.
Erga Seerrii abbummaa dachee hojii irra ooleen booda, amma abbummaa dachee naannoo dhibbeentaa 40 Australia uwwisa, irra caalaa naannoo fagoo fi naannoo baadiyyaa, walitti dhufeenyi aadaa Biyya waliinii bakkatti eegamaa dha.
Waanti beekamuu qabu kun abbummaa biyaa irraa adda.
Akkuma koolu-galtoota kamii iyyuu kan yoo magaalaa ykn baadiyaa jiraattan tahe, abbummaan dachee jireenya keessan guyyuu irratti jijjiirama fiduu dhiisuu danda’a garuu kana hubachuun tarkaanfii Kabajaa fi araaraa ti.
Gwynette Govardhan kana akkasitti ibsiti"
“Akkan yaadutti , walumaa galatti dubbachuuf wanti akka mirgi abbummaa dachee fi fedhiin jiru akkasii dugumatti Sadarkaa jireenya nami-tokkootti waanta miidhu hin qabu,,,"

Yinhawangka Country in the Pilbara region taken by Gwynette Govardhan during an on Country field trip.
Australia hundaaf abbummaan dachee maaliif barbaachisaa tahe?
Paul Keating yeroo murtii Mabo sani ibsu, abbummaa dachee gara sirna bulchiinsa dachee Australiyaatti yerooo fidnu, waa’ee haqa ummatoota Saboota Duraaf argamsiisu jedhu qofa miti garuu Lammiilee Australia hundaaf tarkaanfii gara fuulduraa ti jedha.
"Maabo akka carraa guddaa ta’etti ilaaluu dandeenya. Dogoggora seena qabeessa ta’e tokko sirreessuuf carraa dha. Carraa seenaa qabeenya dhabuu irra darbuu, Carraa walitti dhufeenya bara dheeraa lafa Aborignial fi aadaa gidduu jiru deebisuuf. Carraa madda hadhaa’ummaa fayyisuuf. Aadaa Aboriginal akka calaqqee qaama saba keenyaa ibsituutti beekamtii kennuu fi Australiyaan ammayyooftuu, bilisaa fi obsa-qabeettii tahuu – Austraaliyaanota jalqabaa dabalatee hundumaaf bakka nageenya qabdu fi heddummeettii tahu ishee kana hundaaf carraa dha. “
Mareen waa'ee abbaa Dachee , mirga Dachee fi walii gateen Australia walii gala keessatti itti fufee jira. sadan kun adeemsa seeraa fi Siyaasaa adda addaa qaba, garu hariiroo ummattootni jalqabaa biyya isaanii waliin qabanii fi hiree murteeffannaa isaaniif beekamti kenna.
“Dachee keenya, aadaa keenya, afaan keenyaa fi Hawaasa keenya qabaachuu qabna. Guddina hin morminu, garuu kanneen kana bu’uuraan qabaachuu qabna," jedha professor Peter.
Abbummaan dachee qaama seenaa itti fufee jiruuf beekamtii kennan keessaa tokko- akkasumas aadaa addnyaa irratti waggaa hedduu jiraate kan hariiroo dachee fi bishaan waliin qabaachuu bakkatti eeguu ti.
Audio of Prime Minister Paul Keating’s 1993 address courtesy of the National Archives of Australia (NAA).
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au










