Tuqaalee Ijoo
- Hammeenya manaa kee ykn qabeenya kee mudatuu malu ilaalchisee, insuraansiin maalfaa akka hammatu fi hin hammanne sirriitti qori.
- Lolaan bifa gara garaan uumamuu danda'a, tarii lolaan kaan imaammata insuraansii ati filattee san jalatti hammatamuu dhiisuu mal.
- Yeroo Insuraansii haaraa seentu ykn kanuma duraa haaromfattu dabrii kanneen gara faraa gatii fi dhiheessii isaanii ilaali
Insuraansii gosa lamatu jiran, isaanis insuraansii ijaarsa manaa fi insuraansii qabeenyaa ti.
"Yoo mana kee of irraa fixxe tahe ykn manichi kan baankii tahe, lameen isaafuu insuraansii galta akkasuma yoo garuu kiraa keessa jirta tahe insuraansii qabeenyaa galta", jedhti Jodi ogeettiin insuraansii Bird Choices irraa.
Qabeenyi manaa kanneen akka elecronics fi meeshaa sportii , warqee, fi meeshaa wal'aansa fayyaa, irraa eegalee haga barcuma taa'umsaa , qodaa mana nyaatas keessaa, fi kennaa maatii irraa namatti dabre dabalata.
Miidhaa geessifame kan insuraansii keessatti hammatame yoo tahe qabeenya miidhame sana bakka sii buusuu ykn sii suphisiisuutu danda'ama.
"Meeshaan herregaa warra insuraansiidhaa, mi'i kee kun hund haga baasuu malaniin akka galtu siif herrega jechuun ibsa obbo Bird."
"Meeshaan herregaa warra insuraansii hagam mi'ootni kee kun haga baasan sii herreguu danda''a," jedhchuun ibsa obbo Bird.

Insuraansii kee maalfaa akka hammatu mirkaneeffadhu
Galmeen Product Disclosure Statement (PDS) kan jedhamu imaammata hammatamuu fi hin hammatamne ni ibsa.
Waan beekamaan namni hin hubatne tokko mana ofii dhiisanii yeroo dheeraaf yeroo deeman waan insuraansiin hammatame itti fakkaata.
"Yoo mana kee dhiistee yeroo dheeraaf kan boqonnaa deemtu tahe, ykn fkf. yeroo manni kee haaromfamaa jiru yoo dhiistee baate, insuraansii keetti himuu qabda. Sababni isaa tarii yoo kan ati deemtee yeroo dheeraa turtuu insuraansii kee jalatti ilaalamuu dhiisuu mala ,"jedha obbo Bird.
Imaammatni insuraansii beekamaan balaa kanneen akka hattuu, ibidda, qilleensa hamaa fi lolaa bishaanii hammata.
Yeroo hunda iyyuu, maaltu akka insuraansii keessatti hin hammatamne adda baafadhu.
Fakkeenyaaf, yoo bishaanitti dhihoo jirta tahe, miidhaa bishaaniin geessifamu ilaalchisee imaammatin insuraansichaa maal jedha, ilaali.
"Kanaaf kanneen akka yeroo bishaanni guutee danbal''u, qilleensi hamaan ka'u, guutuun bishaanii dhahaa qilleensaan abbalu, kanneen akkasii kun yeroo baayyee insuraansii keessatti hin hammataman, " jedha obbo Bird.
Kan biraan yeroo balaan ibiddaa qabeenya miidhu kan insuraansii keessatti hin hammatamne biraanis jira.
" Bobaan ibiddaa hin mul'atu yoo tahe waan gubatee insuraansiin hin kafalu taha. Fakkeenyaaf, yoo ho'iftuu manaa ykn heaterii kee akka tasaa itti buutee lafaan dhooftee, afata lafaa kee gube, ibidda hin kaafne taanaan afati lafaa sun bakka siif hin buufamu. "

Warreen mana bitataniif
Yeroo baayyee liqii manaa fudhachuuf inshuraansii manaa qabaachuu barbaachisa.
Andrew Hall itti gaafatamaa Gumii Insuraansii Australia ti.
Warreen mana bitachuuf yaadaa jiran , filannoo herregaa gara garaa yeroo soqataa jiranitti achumaan insuraansii kamtu isaanii malaa gabaa dhoofsisuu danda'u jedha.
"Australia keessatti, yeroo mana bittu insuraansiin kee yeroo hunda iyyuu maaltu mana keef hamaa tahuu mala kan jedhu hammachuu qaba. Kanaaf kan yoo naannawa bosona jiraattuu, insuraansiin kee balaa ibiddaa hadhaadhiyyuu kan of keessatti qabate tahuu mirkaneeffachuu qabda.

Obbo Hall akka jedhutti lolaan bishaanii akkaan rakkisaa, kan nama mudatu hin oolle fi ittisuuf gatii jabaa kan nama baasisu dha jedha.
Yero kam iyyuu, naanawaan itti galtan sun balaa lolaa bishaanii qabaachuu agency mana namaa kireessan ykn gumii naannoo keessan iyyaafadhaa jechuun gorsa. Gumiin naannoo tokko tokko yoo manneen sun naannawa lolaa bishaaniin beekaman keessa jiru tahe isinitti ni himu- garuu golee Australia hedduu keessatti odeeffannoon kun hin himamu.
Balaa uumamaa naannoo qabeenyaa sanaatti tahuu malu ilaalchisee odeeffatnoo dursitee soquun kee hedduu barbaachisaa dha.Andrew Hall, CEO, Insurance Council of Australia.
Gatiin insuraansii dabalaa deemuu
Australia waliigala keessatti,yoo xiqqaate ijaarsi manaa fi qaabernyi dhibbantaatti harki 11 insuraansii hin qaban. Naannawa kaanitti ammoo kanneen insuraansii hin qabnetti caaala.
University Queensland keessatti profesora bulchiinsa tarsiimoo kan taate Paula Jarzabkowski
insuraansii yeroo balaa fi insuraansii bakka hir'inaa guutuutti ogumaa addunyaa kan qabdu dha.
"Namoitni insuraansii malee jiraachuu ykn qabaachuu filachuu malu garuu kaffaltiin isaa yaaddoo isa guddaa tahuutu mul'ata jedhti.

" Insuraansii gahaatti hin qabdu jechuun tarii waanuma si barbaachisa tokko tokko qofaaf galtee jirta jechuu dha, fakkeenyaaf naannawa lolaa bishaanii jiraattee garuu ammoo insuraansii kan yoo manni hatamee qofaaf galte taha, lolaan keessatti hin hammatamne jechuu dha. " jedhti adde Paula yeroo ibsitu.
"Yoo kan qabeenya kee fi qodaa manaa kee wagga waggaan gatuma saniin kan insuraansiikafaltu tahe, yoodhuma illee gatiin ittiin mi'a bakka buusan dabalu iyyuu ati insuraansii gahaa hin qabdu jechuu dha.
"Insuraansii gahaa hin qabdu jechuun ykn insuraansii gadi aanaa jechuun gabaa gatiin ol dabalaa jiru keessatti ati mi'a kee bakka buufachuuf insuraansii gahaa hin qabdu jechuu dha."

Yoo kan balaa uumamaa mana kee mudatuu maluuf yoo insuransii galtee fi hin galles taheef adde paula gorsa armaan gadii eerti:
- Yoo tarii sababa balaaf mana kee irraa bahuun si irra jiraate maalfaa fudhattee deemuu qabda?
- Galmee si barbaachisa sarara interneetaa irra kaayyatteettaa?
- Irra keessa manaa kee kan xurii fi lolaan keessa lola'u, baalli itti harca'u ni qulleeffattaa? Kun akka roobni kosiin cuqqaalamee of duuba hin deebine gargaara.
- Muka naannoo mana jiran ni kununsitaa? mukeeleen gar malee guddatan ykn raafamaa jiran qilleensaan jiganii mana miidhuu danda'u.
- Yoo kan naannoo bubbee hamaa(cyclone) uumamuu malu jiraatte foddaan mana kee cufaa jabaa qabaa?

Waliigalteen(contracts) insuraasnii yeroo baayyee ni dheerata akkasumas haallan ubachuun nama rakkisu if keessaa qaba, garuu suuta hubachuun kee barbaachisaa dha.
" Akka natti fakkaatutti hundi keenya xiqqoo gaabbiin nutti ni dhagahama, tarii yeroo tokko tokko. waan itti walii gallu sana utuu hin beekin ykn imaammaticha haaromfachuma gatii qabnuuf waanuma hunda eeyyee , ittiin walii gala jedhnee unkaa guutna, " jedhti aadde Paula.
.Kanaaf insuraansiichi maal akka hammatuu fi - hin hammatne beekuun akkaan barbaachisaa dha.
Akka siif hubatamutti akka siif ibsamu gaafachuuf mirga qabda.Professor Paula Jarzabkowski, University of Queensland
"Insuraansiin, maallaqaan waan wal qabate waan taheef namootni irraa sodaatu, garuu haalota fi qabiiyyee isaa dubbifnee itti seenuu qabna, gaaffii gaafachuufis of gad-dhiisoo tahuu qabna. "
Yoo insuraansii kee haaromfachuu barbbaadda tahes, gabaa dhoofsisuun fi "loyality penalty" waan jedhamu hanqisuuf illee warliin marihachuun barbaachisaa dha jedha obbo Bird ogeessi insuraancee Choice.
“Akkan dhugaan beeknutti, yoo daldala tokkoof amanamoo taane, gatii nuu hir'isuu danda'u—— garuu insuraansii waliin kun akkasitti hin hojjetu.
“Waggaa waggaan kaffaltii kaffaltii keetii qofa yoo haaromsite, dhuma irratti unkaa haaromsaa kee irratti maamila haaraa inshuraansii walfakkaatu argachuuf yaalu irraa kaffaltii guddaa si kaffalu.

"Warreen insuraansii siif kennan, gatii wal madaalaa silaa maammila haaraaf kennuu malan sii kennuu isaanii gaafachuu dandeessa - yoo siif hin kennan tahe dabartee kan biraa akka ilaaltu itti himta.
Xumura irratti, qorannoo ofii kee taasisuun nama jabaa gatii irratti wal marihachuu dandeessu si taasisa.
Obbo Bird, humni daldalaa kee kan dabalu yeroo ati kaffaltii gabaa guutuu wal bira qabdee ilaaltee fi inshuraansonni biroo maal akka dhiyeessan beektu yaada jedhu akeeka.
Odeeffatnoo walii galaa dhimma insuraansii manaa fi qabeenyaa ilaalchisee hubachuuf maarsariitii visit Financial Rights Legal Centre ilaalaa.
If you are struggling with debt and need support, you can call the National Debt Helpline on 1800 007 007 to speak with a financial counsellor.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au.









