Key Points
- Miidiyaan seenaa keessatti sagalee Abbootii dachee moggeessuu fi hammachuu dhabuun ilaalcha Abbootii Dacheen alatti hubannoo ummataa dogoggorsaa tureera.
- Miidiyaan Abbootii Dachee sagalee humneessa, aadaa eega, akkasumas ilaalcha dogoggoraa morma.
- Saba-himaaleen akka Tik Tok fi Instagram seenaa Abbootii Dachee ni guddisu
Seenaadhumaan, gaazexooti dur maxxansamaa turan, radio dabruu fi televishinni ilaalamu waa’ee ummataa Abbootii Dachee irratti kan gadi isaan xiqqeessee dhiheessu ykn sirrii hin taanee fi hubannaa ummataa akka malee dabsaa ture.
“Yeroo an ijoollee ture, bakka bu’ummaadhaan hedduun mul’achaa hin turre. Amma danqaan sun cabee, gahumsi Gurraachaa raajeffamaa jira – sagaleen Abbootii Dachee sadarkaa idil-addunyaatti dhagahamuun baay’ee nama gammachiisa," jedhte Leanne Djilandi Dolby. Ishiin kara haadha ishee dubartii sabboontuu fi kabajamtuu Noongar Yamatji Naaguja Nundakan kan taatee fi kara abbaa ishee nama Yawuru, Gija, and Gooniyandi ti.
Adam Manovic namni Kabi Kabi fi Gorreng Gorreng tahe, Gaggeessaa Media Australia Saboota Jalqabaa (FNMA),itt mataa daldala, Brand fi Digital kan Telivisiona Biyyaalessaa Abbootii Dachee akkasumas miseensa gartuu The First Nations Digital Inclusion Advisory Group, jibbiinsa yeroo dheeraa turee fi miidhaa inni fide ibsa.
"Jalqaba bara 1900ta keessa ummati waan tokko akkaataa hubatan irratti media-n dhiibbaachaa ture. Kunis jibbiinsa hin tolle uumuudhaan Australiayanoti Abbootii Dachee hin tahin akka itti Abbootii Dachee Australia hubatan doggorsaa ture,"jechuun ibsa obbo Manovic.
Qarannoon dhiheenya kanaa Abbootii Dachee Australia dhibbantaa sagal qofatu saba-himaaleen waa’ee hawaasa isaanii hubannaa madaalaween dabarsa jedhanii amanuu mul'ise.

Left: Tanja Hirvonen. Centre: Adam Manovic. Right: Leanne Djilandi Dolby ( Credit: SBS)
Dhiibbaan sirnaa maalfaa dha?
Jijjiiramni guddinaa yoo jiraate illee media abbootii Dachee kan akka dhaabata FNMA irratti danqaan sirna keessa dhokatee itti fufee akka jiru of ibsa. Qoqqobbii maallaqaa fi meeshaalee boodatti hafoo tahan murtoofteen socho’uun bakka silaa eegamu dhaqabuu akka hanqataa jiran mul’isa. Media gudguddoon jibbiinsa hin tolle yeroo hedduu irraa of qusataa haa jiran malee aadaa ummataa kanaa akka silaa barbaadamutti gadi fageenyaan dabaluu hanqachuu ykn sagalee Abbootii Dachee dhugummaa qabu dhiheessuu seesuun hir’ina qaban agarsiisa.
Sabooti Jalqabaa dhimmoota kan isaanii furtuu tahan dhuunfachuun danqaalee jiran irra aanuuf akka isaan humneessuu danda’u Obbo Adam Manovic gadi jabeessee dubbata.
Gahee media Abbootii Dachee
Sab-qunnamtiileen Abbootii Dachee kan akka FNMA fi NITV dhugaa jiru bakkatti deebisanii ibsuu fi jibbinsa jiru didhuuf murtessoo tahu. FNMA hojjetoota 500 ol tahan guutummaa Australia keessatti kan tumsaa jiruu fi namoota Saboota Jalqabaa irraa tahan dhaabbata media keessa akka seenaniif leenjii kennaaf.
NITV, bara 2007 kan hundeeffame amma qaama SBS tahee hojjetu, odeessa dhugaa dhimma ummata Aborijinaa fi Torres Strait Islander irratti dhiheessaa jira.
Obbo Manovic bifa seerawaa taheen Seerri Tamsaasa Sagalee Saboota Jalqabaa akka jiraatuu fi dhimma kanaaf maallaqni gahaan akka kennamu falma.
“Kuusaalee Media Saboota Jalqabaa bakkatti eeguun afaan fi aadaa dhaloota dhufuu jabeessuu keessatti murteessaa dha. Waan waraabame kun akka badu hin barbaadnu – nuti eenyu akka taane kan gara fuulduraa waliin wal fudhachiisaa deema," jedhe.
Waltajjiin kun kabjaa aadaa, jibbinsa irra aanuu fi oddeessa dhugaa calaqisuudhaan dhugaa hawaasa Abbootii Dachee ifatti mul’isuu danda’a.

First Nations hub of inner knowledge, traditional culture and lore.
Bakka bu'iinsa media dhabuun Abbootii Dachee Australia akkamiin miidha?
Bakka bu’iinsa media Abbootii Dachee eenuymmaa isaanii tolchuu fi kabjaa isaan qaban ibsuu keessatti gahee guddaa qabaata. Seenaa keessatti wanneen sanyummaa irratti hundaaween bifa miidhaa qabaatuun dabran sirna sanyiidhaan qoodumsaa jabeessuu fi jibbinsa uume.
Oggeettiin Wallaansa Miiraa (clinical psychologist) miseensa bordii Australian Indigenous Psychologist Association kan taate Tanja Hirvonen , dubartii Jaru fi Bunuba ilaalchi hin tolle akkasii miidhaa gadi fagoo inni qabaatu ibsiti.
“ Yeroo mediyaan jibbinsa hin tolle dhiheessuu ykn waan sirrii hin taane dabarsu sanyi-balfinaa fi loogummaa akkaan gar-malee babal’isa. Ummata silumaa rakkina keessa jiru, waan akkasii arguun hedduu qalbii isaan cabsa ykn gaddisiisa.”
Haa thuu malee bakka bu’ummaan dhugaa irratti hundaawe bu’aa tarkaanfachiisu qaba – Qormaatni kan agarsiisu hammatamummaa fi waa’ee ummataa Abbootii Dachee irratti waan kabajaa isaanii ibsuu fi sirrii tahe dhiheessuun aadaa boonsa fi hariiroo hawaasa gidduu jabeessa, jireenya gaarii akka waliin jiraatan taasisa.
Fakkeenyaaf National Agreement on Closing the Gap barbaachisummaa bakka bu''ummaa media qabaachuun Abbootii Dachee hagam barbaachisaa akka tahee, kan sanyi balfattummaa xiqqeessuu tahuu fi dhimma ofiitti murtii kennachuu ilaalchisee odeeffannoo jiru akka argatan illee taasisa.
Bakka bu'ummaa dhugaan gabaasa wal'aalummaan dabru ni sirreessa. Wanneen dhimma Abbootii Dachee Australiyanotaa ilaalchisee media irratti dabru taasisamaa jira garuu hojii dabalaa guddaan hafee jira. Yeroo NITV fi sabaa-himaaleen odeessa jiru dabarsuu keessatti abdii namatti horaa jiran, media gudguddaanis duroomina Australiyaan bifa gara garaan qabdu dhugummaadhaan dhiheessuu irratti hojjechuu qabu.
Leanne Dolby, tolchituun social media creator fi barattuu biomedical syntistii kan taate, media irratti bakka of-bu’iinsi hangam nama humneessuu akka danda’u ibsite.
"Yeroo bakka bu'ummaa nama Abbootii Dachee arguu dhabdu, qoodumsaatu sitti dhagahma. Bakka bu'ummaa jechuun namoota akka kee kaayyoo fi jabina tokko qaban arguu jechuu dha," jechuun ibsiti Djilandi Dolby.
Seenaa isaanii himuu fi Sagalee Abbootii Dachee humneessuudhaan, midiyaan madaa dabre fayyisuu qofa utuu hin taane waliin jireenya Australia waliigalaaf ijoo dha.
Tanja Hirvonen media gudguddaan akkataa aadaaf eeggannoo taasisan irratti hojjechuun- sadrakaa hundatti bifa sagalee Abbootii Dachee hirmaachiseen keessatti qooda fudhachiisuun barbaachisaa tahuu gadi jabeessitee ibsiti.
"Ciminni keenya [Abbootii Dachee] dandeettii aadaa keenyaa keessatti argama. Duudhaa, afaanii fi seenaa keenya karaa media kabajachuudhaan dhiibbaa fi ilaalcha miidhaa geessisu of irraa ittisuu dandeenya, " jedhti Tanja Hirvonen.

Social media has proven to have the power that enables First Nations people to challenge misinformation. Credit: davidf/Getty Images
Saba-himaalee akka meeshaa jijjiiramaatti
Sabaa himaaleen akka TikTok, Instagram, fi Facebook kkf kanneen Abbootiin Dachee Australia odeeffatnoo dabarfachuuf waltajjii jijjiiramaa tahee mul'ateera. Fayyadamtootni saba-himaalee kanaa media oduu kaan bira kutuun seenaa isaanii kallattiin addunyaaf qooduu danda'aniiru. Humni kun Ummattoota Sabootni Jalqabaa akka isaan odeeffatnoo dogoggoraa mormanii fi aadaa isaanii karaa kana wal jijjiiran dandeessiseera.
Hashtags akka #IndigenousX wiirtuu abukaatummaa fi barnootaa ta'aniiru.
“Sabaa-himaaleen ni dhufu, ni dabru, garuu wanni hin dabarre dandeettii nuti odeeffannoo keenya himachuuf qabnuu dha. TikTok, filmii, radio ykn waan maxxnsamu yoo tahes aadaa keenya mul’isuuf akkamiin bu’aa keenyaaf akka hojjannu, sabaa himaalee kanatti akkmiin akka dhimma baanu beekna," jechuun ibsa Adam Manovic.
Fuuldurri maal abdachiisa?
Sirna bakka bu’iinsaa jijjiiruuf media gudguddaa fi kanneen hawaasaan gaggeessaman irratti jijjiiramni tahuu qaba. Kana jechuun sagalee Abbootii Dachee qofaaf bakka uumuu jechuu miti. Garuu yeroo dheeraaf gara fuulduraaf odeeffanni akkamiin akka filamu, himamuu fi wal gidduutti qooddatamu jijjiiruu danda’uu dha.
Adam Manovic sabaa-himaalee kan akka FNMA fi NITV Abbootii Dacheedhaan gaggeessaman Seerri maallaqaa gahaa tahe argamsiisuuf kan Seera Tamsaasa Sagalee Saboota Jalqabaa akka tumamu yaamicha godha.
Tanja Hirvonen media gudguddaan akkataa aadaaf eeggannoo taasisan irratti hojjechuun- sadrakaa hundatti bifa sagalee Abbootii Dachee hirmaachiseen keessatti qooda fudhachiisuun barbaachisaa tahuu gadi jabeessitee ibsiti.
Leanne Dolby media bifa hunda irratti milkaahinsi Abbootii Dachee guddisee akka kabajamu gaafatti:
“Ummati seenaa isaanii akka kaaniif qoodaniif hiree kana caalu barbaadna – kara agarsisia filimii ykn sabaa-himaalees tahan waan uumamu akkasii kan jabeessu deggersi caalu jiraachuun barbaachisaa dha.”
Wanneen dhimma Abbootii Dachee Australiyanotaa ilaalchisee media irratti dabru taasisamaa jira garuu hojii dabalaa guddaan hafee jira. Yeroo NITV fi sabaa-himaaleen odeessa jiru dabarsuu keessatti abdii namatti horaa jiran, media gudguddaanis duroomina Australiyaan bifa gara garaan qabdu dhugummaadhaan dhiheessuu irratti hojjechuu qabu.
Sagalee Saboota Jalqabaa humneessuun bu’ura duroomina aadaa Australia dabalaa deema, hubannaa hawaasa gidduu jirus ni jabeessa. Abbootiin Dachee Australia qooda fudhatiinsi isaan media fi aadaa irratti qaban kan hunda namaan raajeffamuu dha jechuun gad jabeessee dubbata Adam Mnovic.
Empowering First Nations voices enriches Australia’s cultural landscape while strengthening understanding between communities. As Adam Manovic emphasises, the positive contributions of Indigenous Australians to media and culture are “for everyone to embrace”.
READ MORE

Who are the Stolen Generations?
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au.