Australia keessatti akkamitti maqaa kee seerawaa jijjiirratta?

Two young women using laptop together while reviewing code

How can you change your name in Australia? Source: iStockphoto / SeventyFour/Getty Images

Maqaa kee seeraan jijjiiruu filachuun murtoo jireenyaa guddaa haala dhuunfaa kee calaqqisiisu dha. Lammiileen Australia kuma kudhaniin lakkaa’aman waggaa waggaan karaa Galmee Dhalootaa, Du’aa fi Gaa’elaatiin maqaa jijjiirratu. Yoo kan maqaa kan kee ykn akaakayyoo kee jijjiirrachuu barbaaddee qophiin kun daandii si qajeelcha.


Tuqaalee Ijoo
  • Adeemsi jijjiirraa maqaa seeraa kan hoogganamu Galmee Dhalootaa, Du’aa fi Gaa’ela kutaa biyyaa ykn naannoo keessan keessatti argamuun.
  • Bakka ati jiraattu irratti hundaawee adeemsi isaa garaa garummaa qaba.
  • Haallan tokko tokko keessatti, fakkeenyaaf yoo sababa gaa'elaan tahe waajjira Galmee dhalootaa, du'aa fi gaa'elaa beeksisuu hin qabdu.
  • Takkaa maqaa jijjiirrattee jedhaan dhaabbilee kanneen akka Dhimma Biyya keessaa beeksisuun gaafatamummaa kee ti.
Maqaan kee seerawaan waraqaa eenymmaa kee kanneen akka ragaa dhalootaa, pasport fi visa irratti mul'ata.

Yoo Lamii ykn jireenya dhaabbataa Australia taate, maqaa seeraan qabdu kana karaa waajjira galmee dhalootaa, du’aa fi gaa’ela jijjiirrachuuf filannoo qabda.
AUSTRALIAN BIRTH CERTIFICATE STOCK
A close up view of an Australian Birth Certificate in Sydney, (AAP Image/Paul Braven) Source: AAP / PAUL BRAVEN/AAPIMAGE

Maaliif maqaa kee jijjiirratta?

Namootni sababoota dhimma dhuunfaa hedduuf maqaa seeraan jijjiirratu.

"Sababoonni maqaa jijjiiruu maqaa mana keessaa ykn maqaa barame , cidha biyya alaa hordofuun maqaa maatii jijjiiruu, maqaa eenyummaa saalaa nama tokkoo wajjin caalaatti mijatu filachuu dabalatee ta’uu danda’a. Namoonni baay’een maqaa isaanii jijjiiruun eenyummaa saalaa isaanii akka gaariitti akka calaqqisuuf jijjiirratu,“ jedhti Derise Cubin waajjira Canberra irraa.

Kaanis ega Australia dhufaniin booda kan maqaa jijjiirratan jiru, kan akka artist Elliotti fox faa.

Yeroo ijoollummaa isaatti Czechoslovakia duraanii irraa maatii isaa waliin as godaane.

“Yeroo dhufnee maqaan keenya immigireeshinii Australia yeroo galmeesse,  qubee afaan inglishii  keessatti akkaataan itti yaaman waan hin jirreef salphaadhumatti maqicha irraa haqame. Kana jechuun maqaan keenya akka silaa itti yaamamuu qabu dhiisee, akka addaatti yaamama. Australia keessatti guddachaa yeroon dhufu, maqaa koo tahuu adda baasuun natti ulfaate, ofitti amanamummaas na dhorkate.”

Woggoota booda, nama guddaa tahee Elliott maqaa isaa gara isa jaallatuutti jijjiiruuf iyyate, kan ofitti amanamummaa isaa guddisee fi Eenyummaa isaa artistiiummaa isaa waliin caalatti wal simsiise.
Close up of a birth certificate.
Close up of a birth certificate. Source: iStockphoto / Yau Ming Low/Getty Images
Namootni tokko tokko sirna bulchiinsaaf jecha jijjiirrachuu qkka qaban itti dhagahama.

Giddugala Qabeenya Godaantotaa Tasmania keessatti Hoggantuu Dhimma Qubsumaa ti. Adeemsa kana keessatti maamiltoota hedduu gargaaruu gargaarteetti.

“Wanti beekamaan namoota Myanmar irraa tahan yeroo Australia qubatan mudatu-  maqaa moggaasa Burmese hiikaa addaa kennuufii dha. Dogoggorri yeroo hedduu dhalatu dhuma maqaa nama tokkoo irra kan jiru kan akaakayyuu ti jedhanii tilmaamutu ture. Haa tahu malee sabni Myanmar maqaa akaakayyuu ykn surname kan jedhamu hin fayyadaman tasuma. “

Intala Myanmar irraa dhufte tokko maqaan ishee iddo lamatti hiramee jira malee maqaa akaakayyuu hin qabdu.

Manni barmootaa ishii, bank fir Waajjirri Gibira Australia huni isaanii iyyuu maqaa ishee akka adda addaatti hiikkatan, kun haala burjaajii uume.

“Yeroo lakkoofsa galmee gibiraaf fi galmee baankii banachuuf iyyattu waajjirootni kun maqaa ishee akka addaatti hiikan. Kaan maqaa ishee gara jalqabaa kan akaakayyuu godhanii yeroo fudatan, kaan ammo maqaa isa lammaffaa akaakayyuutti barreessan, kan biraan ammo maqaa lameenuu walitti qabanii maqaa akaakayyuutti fudhatan.  Dhuma irratti sirni hundi akka hubatuu fi burjaajii balleessuuf jecha, waajjira galmee dhaloota, du’aa fi gaa’elaa deemuun maqaa ishee jijjiirratte."

Yeroo maqaa jijjiirrattu daangeffamni wa'ii ni jiraa?

Adeemsi jijjiirrannaa maqaa bakka ati jiraattu irratti hundaawee garaa garummaa qaba. Tarkaanfiin jalqabaa maarsariitii kan waajjira dhaloota,du’aa fi gaa’elaa biyyaa ykn naannoo kee ilalaaluu dha.

Yoo Australia keessatti dhalatte tahe, aanga’oota sanii alaattis iyyachuun danda’amu iyyuu garuu, waajjiricha naannawaa ati itti dhalatte jirutti iyyatuu dandeessa.

Bakka jiraattu irratti hundaawee ulaagaaleen akka umurii keessaniitti garaagarummaa qabu. Canberra keessatti fakkeenyaaf, yoo umurii ganna 18 gadi tahe ehama maatii barbaada jedhti, Derise Cubin.

"Haa tahu malee, sababoota tokko tokkoof ijoollonni  xixiqqaan maatiin utuu hin hirmaachisin maqaa jijjiirrachuu danda’u."

Akka nama ga’eessaatti maqaa kee yoo baayyate si’a sadii qofa jijjiirrachuu dandeessa, garuu kun gaa’ela, hiikkaa fi kan yoo sababa gaja’umsa maatiin tahee hin ilaallatu.

Murtii jabaa dha, kanaaf maqaa kee haaraa sirriitti itti yaadii murteessi, maqaa akkam akka filattus daangaan jira. Fakkeenyaaf maqaa dabalaa kanneen akka Mr, Mrs, ykn kkf Dr jedhtee ofii laachuuf maqaa nama aarsuu mala jedhamee yaadamu baafachuu hin dandeessu.
Pregnant woman
If you’re an Australian citizen or permanent resident, you have the option to change your legal name through the Registry of Births, Deaths & Marriages (BDM). Credit: Zero Creatives/Getty Images/Image Source

Iyyatichi adeemsa akkam qaba?

Uunkaa kan waajjira dhaloota, du’aa fi gaa’ela guutuun, Eenyummaa kee kan ibsu kanneen akka waraqaa ragaa dhalootaa ykn ehama konkolaachisumma dhiheessuun iyyatu dandeessa. Iyyata kanas maarsariitiiirraan naqatuu dandeessa.

Tarii sababa maqaa jijjiirrattuuf dhiheessuu qabda, yoo dhiheenya maqaa kee jijjiirte tahe fi galmee yakkaa qabaachuu kee dhiheessita.
Elliot Fox, karaa Galmee Canberra iyyatee kan ture gorsa itti aanu eera:

“Wanti tokko, yeroon iyyata galchachuuf jedhu ani ilaalcha keessa hin galchintu ture, mallattoo haaraa akka na barbaachisu hin barre. Kanaafuu ariifadheen yeruma hojjetootni mootummaa gaggaariin na obsanii  na eegan, mallattoo haarawa shaakaluu jalqabe ."

Maqaa nama gaa'ela waliin dhaabbataniitti yaamamuu ilaalchisee

Australia keessatti yeroo gaa’ela dhaabbatan maqaa maatii keessanii jijjiirrachuu namni isin irraa hin eegu ykn dirqama hin qabdan, yoo namoonni tokko tokko maqaa maatii nama gaa’ela waliin dhaabbatan sana fudhachuu filatanis. Warreen gaa’ela dhaabbatan tokko tokko qubee gamaa fi gamanaa fuudhanii maqaa “surname “ kan jedhan uummatu.

“Australia keessatti , ega gaa’ela dhaabbatteen booda maqaa nama gaa’ela waliin dhaabbattee santti yaamamuu yoo barbaadde, akkuma beekamu jijjiirraa maqaaf galmaa’uu hin qabdu," jedhti Derise Cubin.

"Waraqaa gaa’ela kee kan waajjira Galmee dhaloota,du’aa fi gaa’ela Australia irraa bahe dhiheeffachuu dandeessa. Kunis wanneen akka galmee Eenyummaa, furtuu tahan kan akka ehama konkolaachisummaa fi passportiifaa akka deggeruuf."

Akkuma kana ega yeroo adda bahiinsaa fi wal hiikkaa ykn fedhii dhuunfaatiin maqaa duraanii jijjiirrachuu barbaachise adeemsi isaa tokkuma.

Yoo kan Biyya biraatti gaa’ela dhaabbatte ykn Biyya biraatti dhalattee Australia keessatti gaa’ela dhaabbatte tahe garaa gara. Sababni isaa, galmeen ati fudhattee dhuftu Australia keessatti hin fudhatamu, tarii karaa waajjira Galmee dhaloota, du’aa fi gaa’elaa iyyachuu qabda taha.

Ega iyyatteen booda maaltu taha?

Bakka itti iyyate irratti hundaawee, yeroo dheeraa fudhatuu waan maluuf torbanoota haga tokko kenniif, kaffaltiis $200- $300 kaffalu malta.

Takkaa iyyatni kee fudhatamnaan waraqaa ragaa maqaa itti jijjiirratte fudhatta.

Dhaabbilee hedduu quba qabaachisuu akka qabdu shakkiin hin jiru, Elliot Fox waraqaa ehama konkolaachisummaa fi passportii irraa jalqabe.

Achii booda irrumaa jalaan dhaabbilee adda addaa qunnamuun bakka hundaatii maqaa koo jijjiire, baayyeen isaa salphaa ture.  Waajjirrootni baankii tokko tokko baayyee rakkisoo fi cimoo dha, garuu galmee maqaa koo isa moofaa of irraa cufeen maqaa haaraan galmee haaraa banadhe.”
NAMES.jpg
Are there restrictions when changing your name? Credit: Unspalsh - Chuttersnap
Dhaabbileen akka Medicare, Waajjira Gibiraa Australia, Centrelink, Komision Filannoo Australia, warra insuraansii fi dhaabbilee soramaa, kana hunda maqaa kee seerawaa beeksisuu qabda.

Emailii kee haaromfachuu hin dagatin.

Akkasumas paaspoortii haaraa iyyachuu si barbaachisa, yoo viizaa qabaatte ykn iyyachaa jirta ta’e, jijjiirraa maqaa kee Kutaa Dhimma Biyya Keessaa(Department of Home Affairs) beeksisuu hin dagatin.

Haalli kee maal iyyuu haa tahuu, waajjirri dhalootaa, du'aa fi gaa'elaa naannoo kee jiru adeemsa kana keessatti dandii si qajeelcha.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service