Tuqaalee Ijoo
- Dargaggootaaf, saayinsii n akka isaan dhugaatii irraa boodatti harkifatan ni deggera, kunis yeroo nama guddaa tahaa deemaan dhugaatii amaleeffatan dhuguduu hamaa akka hin taane daangessuuf.
- Seerri dhugaatii alkoolii seera umurii fayyadamaa fi bittaa, seera dhiyeessii sadarkaa lammaffaa fi daangeffama dhugaatii alkoolii bakka uummanni itti baay’atu tokko tokkotti kan hammate dha.
- Lammiileen Australia yeroo sagantaa yaamicha manaa keessaa irratti hirmaattan dhugaatii 'Kee Fudhuu Kottu' (‘Bring your own’ (BYO) akka ta’u isin irraa eegu, garuu iddoowwan waci jiru keessatti aadaan dhugaatii iyyuu baramaa dha.
Dhugaatii Ilaalchisee Awustraaliyaan dhibee fayyaa dhugaatii alkooliin dhufu hir'isuuf qajeelfama sirnaawaa ragaa National Medical and Research Council irraa qophaawe ni qabdi.
Akka qajiilfama kanatti, namni guddaan fayyaalessi tokko torbanitti dhugaatii Sadarkaa (standard) 10 ol, akkasumas Guyyaa tokkotti Sadarkaa (standard) afurii oli dhuguu hin qabu.
Australia keessatti, dhugaatiin sadarkaan(standard drink) gaafa jedhamu alkoolii qulqulluun tokko grama 10 jechuu dha. kun tilmaamaan biiraa jabaa miilii 285, wine miilii 100ykn shot of sprits milii 30 jechuu dha. Waant yaadachuun isin barbaachisu alkoolii baayyeen isaanii sadarkaa ykn standar tokkoo ol qabu.

Every person has a different relationship to alcohol. Some choose to abstain altogether or drink less than their peers opting for non-alcoholic alternatives and drinks like mocktails. Credit: Thomas Barwick/Getty Images
"Garuu bala sani irraa guutummaatti bilisa miti," jechuun ibsiti Kristie Cocotis, Dirkteerri Sagantaa Fayyaa kan FARE [the Foundation for Alcohol Research and Education], jedhamuu.
Dhugaatii alkoolii xiqqeessuun ykn tasuma dhiisuun murtoo fayyaa is a dansa ati taasisuu dandeessu dha.Kristie Cocotis
Garuu aadde Kristie akka jedhtutti filannoo biyyaalessaa gaggeeffame FARE, aafi-gaaffii taasiseen lammiileen Australiaa dhibbantaatti harki 44 dhugaatii xiqqeessuu ykn guutummaatti dhiisuu akka barbaadan dubbatan.
Miidhaan alkoolii qormaata fayyaa yeroo dheeraa biyyattii keessatti mudate keessaa isa tokko yoo ta’u, ragaan amma Institutiona Fayyaa fi Wal gargaarsaa Australia irraa bahe, Alkooliin qoricha sammuu nama hadoochuuf sababa adda duree tahee akka jiru mirkaneessa.
“Waggaatti namoonni gara 6,000tti dhihaatan lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta’u, namoonni 144,000 ol ammoo fayyadama alkooliitiin mana yaalaa seenu,” jechuun Aadde Kristie bara 2023–24f kan mul'ate ibsite.
" Fayyadamni alkoolii, dhibee gosa kaanserii torba adda addaa fi dhibee fi haallan miidhama gara garaa 200 ol tahaniin akka wal qabatu ni beekna. "

Alcohol is a teratogen, which means it can interrupt the normal development of an unborn baby. There's no safe amount of alcohol or safe time to drink during pregnancy. Credit: Barry Austin/Getty Images
Lammiileen Australia yoom fi akkamtti dhugaatii dhugu?
Statstiksiin ABS dhiheenya bahe akka ibsutti namootni gurguddaan Australia harka afur keessaa tokko qajeelfama sirnaa dhugaatiif ehamamu ol fayyadamu.
Amy Pennay Qoratuu Ol’aantuu fi Itti aantuu Daarektarri Giddu-gala Qorannoo Imaammata Alkoolii University La Trobe ti.
Awustraliyaan, gaggeeffama qorannoo alkoolii fi qorichaa keessatti "aadaa gogaa" jedhamuun yaamamti.
“Aadaa jiidha qabu,” bakka alkooliin salphaatti argamuu fi yeroo baayyee hamma isaa xiqqeessanii yeroo yerootti dhugu, aadaan goggogaan ammoo yeroo yerootti hin dhugan - garuu gaafa dhugan baa'isanii dhugu.

It’s typical for alcohol to be present at home barbeques, unless the host has specified it is an alcohol-free event. Source: Moment RF / Attila Csaszar/Getty Images
"Egaa, ayyaana boqonnaa adda tahe ni qabna kan dhugaatii iddoo guddaa itti qabu. Kanneen akka ayyaanota amantii tahuu danda’a, yeroo kanatti boqonnaa fudhachuutu jira, keessatti yeroo bonaa fi wagga haaraa. Akkasumas Guyyaa Australia, Guyyaa Goototaa, kun hundi Guyyaa dhugaatiin guddaa itti dhugamu dha," jedhti Dr Amy.
Kan biraan dhugaatiin baayyee itti dhugamu yeroo spoortii ti, jedhti itti dabaltee.
“Yeroo seera kubbaa miilaa Australia ilaalluu, akkasumas criketii fi rugbii ilaallu dhugaatiin baayyee dhugama, manumatti ilaalla illee yoo tahe.”
Naamusa dhugaatii alkoolii
Yoo Australia keessa reefuu qubatta tahe, gorsa naamusa dhugaatii ati mataatti qabachuu qabdutu jiran.
Tokko KFK (BYO) jedhama, kunis Alkoolii Kee Fudhuu Kottu jechuu dha(“Bring Your Own” alcohol)— bakka nama waliin ala bahan, manatti yoo yaamaman kanneen kanatti waan beekamaa dha. Aadaan Aussie biraan ammoo dhugaatii tokkoof bituu dha, bakka mana dhugaatii ykn pub jedhamuutti, kun egaa waliin "wacuu"(shouting) jedhama.
Yoo isaan adda baasanii alkooliin ni dhihaata jedhan malee, yoo mana nama tokkoo BBQ, waliin yeroo dabarsuu si afeeran alkoolii kee fudhattee deemta.Dr Amy Pennay
"Gama biraatiin, aadaa baay’ee cimaa ta’ee bakka mana dhugaatii ehama qaban yeroo teenyu ni wacna . Jaalallee koo waliin mana nyaataa ykn mana dhugaatii yoo dhaqne, dabareedhaan gartuu saniif ni kaffalla. "

If you’re invited to someone’s home for an event, you are expected to bring your alcoholic beverage of choice if you’re planning to drink. Credit: Jupiterimages/Getty Images
Seera Umrii dhugaatii fi daangeffama jiru
Australia keessatti, manneen dhugaatii ehama qaban seenanii dhugaatii dhuguuf ykn bituuf ganna 18 ol tahuu qabda.
Alkooliin bakkuma gabaa kaan irra hin jiru, machina qarshii keessa buusan waa biraa bitan keessas hin jiru. Bakka ehama daldala alkoolii qaban qofa irraa argatama, kanneen afaaniin 'bottle -o' ykn daldala mana dhugaatii jedhaman keessatti argama.
Kate Richardson abukaatoo ol’aantuu Youth Law Australia keessa kan hojjettu, wiirtuu seeraa hawaasaa keessatti dargaggoota umuriin isaanii waggaa 25 gadi ta’eef gorsa seeraa bilisaa fi iccitii ta’e kennitu dha.
Yeroo dhugaatii bitan, waraqaa Eenyummaa(ID) agarsiisuutu irraa eegama jedhti.
"Waraqaa Eenyummaa gaafachuun umriin isaanii 18 ol tahuu mirkaneeffachuu qabu. Akkasumas warreen dhugaatii gurguran kun yoo ati kan wagga 25 gadi fakkaatu tahe, waraqaa Eenyummaa si gaafachuu danda’’u. ”
Dhugaatii ilaalchisee daangeffamni umurii gutummaa Australia keessatti tokkuma.
Garuu seerri biroon- kanneen akka oolmaa ummataa keessatti dhugaatii fayyadamuu- akkaataa Kutaa biyyaa fi naannoo jirtuutti gargaa garummaa qaba.

You might get asked for ID when purchasing alcohol at a bar or a liquor store. Credit: O2O Creative/Getty Images
"Kanaafuu, dhugaadhumaati naannoo jiraattuutti seerichi maal jedhaa adda baafachuun barbaachisaa dha jedhti aadde Kate.
Seera Diheessii harka Sadarkaa lammaff – Namoota dardara ganna 18 hin guutnetti dhugaatii gurguran- ilaalchisee Australia guutummaatti seerri adda adda.
Kutaa biyyaa fi naannoo tokko tokko keessatti, warra ijoollee ykn guddisee qofatu seeraan warra xixiqqaatti dhugaatii kenna taha. Iddoo kaanitti namootni biraanis gochuu dandaú, garuu yoo warra ijoollee irraa ykn guddisee isaanii irraa ehama argatan qofa. Yoo tahe iyyuu, itti gaafatamummaan dhugaatii namatti kennuu ilaalchisee seera gad jabaatu jra.
Kan armaa gadii dabalata:
- Umri dardar sanii
- Namni alkoolii dardaratti kenne ofiif machaawee/farshaawee jiraa
- Yoo namni dardarri kun yerositti nyaata nyaachaa jiraate
- Hagamii fi humna alkoolii dardara saniif kenname
"Warri ijoollee ykn guddiseen isaanii, yeroo ijoolleen Guyyaa dhalootaa kabajuuf mana hiriyootaa deeman, tarii tokko dhugaatii itti kennaa jedhanii baayyee dhiphatu.
Kanaaf kan seerri, namootni gurguddaan itti gaafatamummaa qaban eenyu jedhee kan gaafatuuf. Hiriyaa kee kan 18 olii na waliin jira itti gaafatama kan jedhu miti. Warra ijoollee ykn guddisee ykn ammo nama gaafatamummaan warrummaa itti dhagahamutu jiraachuu qaba," jechuun ibsiti aadde Kate.

It’s not legal to supply a minor with alcohol if you are just their friend of adult age. Credit: Anchiy/Getty Images
Kanaafuu, dardarootni dhugaatii dhuguuf yeroo sirrii kam?
Dr Amy akka qoratnoo argame wabeeffattee dubbattuutti ijoolleen yoo xiqqaate haga 18 dabranitti dhugaatii tuquu dhiisuu dha jedhti.
Kun seera Australia umurii dhugaatiin itti ehamamuu fi qajeelfama seeraa Gumii Yaala Fayyaa Biyyaalessaa fi Gumii Qorannoo (National Medical and Research Council.) irraa argameen wal simatas.
"Egaa qorannoon ifaa fi ifatti kan jedhu ijoollee kee dhugaatii akka dafanii hin jalqabne yoo ittiste umrii keessa akka nama dhugaatii humna oliitti hin saaxilamne gargaara."
If you or someone you know needs support in relation to their alcohol use, you can call the National 24/7 Alcohol and Other Drugs Hotline on 1800 250 015, a confidential, non-judgemental telephone counselling, information and referral service, free of charge.
For crisis support please call Lifeline on 13 11 14.
Visit Department of Health's website to find out more about alcohol laws in Australia and your state or territory.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au.