Watch FIFA World Cup 2026™ LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Australia keessatti Mannee ummataa fi manneen hawaasaa akkamitti hojjeta -Australia Explained

Residential houses

There is a diversity of residents in social housing just as in other forms of housing. Source: Getty / Yanzisland

Australia keessatti, manneen kiraa mootummaan deeggaramu maatii ulaagaa guutaniif ni argama. Madaalliin ulaagaalee naannoo ykn naannoo keessan irratti hundaa’uun garaagarummaa qaban jalatti fedhii irratti hundaa’a. Gargaarsa mana jireenyaa gosa adda addaa yeroo iyyattan maaltu eeggachuu akka qabdan, rakkoolee beekamoo naannoo mana jireenyaa hawaasummaa tokko tokkoo fi eessatti gargaarsa argachuu akka dandeessan kunoo ti.


Tuqaalee Ijoo
  • Australia mara keessatti gaaffiin mana jireenyaa dhiheessii irra tara.
  • Kutaan biyyaa fi naannoon hundi galmeessii fi sirna iyyannoo kan ofii qabu.
  • Namni kamuu yaaddoon mana kiraa isa mudachuu akka danda'u beektotni dubbatu.
  • Mana jireenyaa gatii madaalawaa jechuun sagantaalee kiraa deeggarsa argatan kan sirna mana jireenyaa hawaasummaa fi gabaa dhuunfaa gidduu taa’an jechuu dha.

Jechi mana gatii gadi bu'aaf itti fayyadaman yeroo baayyee wal nama jalaa rukuta.

Fakkeenyaaf, mana ummataa( public housing ) fimanneen hawaasaa (community housing waan adda addaa garuu sirna tokko jala jiru dha.

Dr Michael Fotheringham Dirikteera olaanaa Dhaabbata Qorannoo mana jireenyaa fi magaalaa ti. Yaada kana tokko tokkoon ibsa.

Manneen waliin jireenyaa (social housing), Manneen ummataa (public housing) fi manneen hawaasaa maal?

Manni jireenyaa hawaasummaa(social housing) jecha akka dibaabeetti irra keessa jiruu fi lameenuu hammatu," jechuun ibsa Dr Fortheringham.

Manneen mootummaa kanneen qbaaeenyummaa fi gaggeessummaan isaa kan mootummoota naannoo ti.

Aakkasumas tarii qabeenyummaan isaa kan dhaabbata hawaasaa bu’a maleeyyii(nonprofit community) tahanii dhiheessii manaa irratti mootummaa waliin hojjetan tahuu danda’a.

Public Housing
Rent in social housing accommodation is set based on household income and capped at around 30 per cent of household income. Source: Getty / Matt Grehan

Eenytu gargaarsa mana jireenyaa argachuu danda'a?

Mana waliin jireenyaa,ummataa fi hawaasaa kan yeroo dheeraa argachuun seera mootmmaa biyyaa jalatti ilaalama.

"Kanaafuu tokkoon tokkoon naannoo fi kutaa biyyaa  ulaagaa mataa isaa qaba, wal fakkaatu garuu tokko miti jedha ,” Dr Fotheringham.

Tajaajiltootni baayyeen warreen galii galii gadi bu'aa qaban ni gargaaru.

“Tkanneen hubama adda addaa qaban, namootni gaja’umsa maatii baqatanii bahan, namootni qama-miidhama adda addaa qaban hundaaf ulaagaaletu jiran."

Kanneen gara Australia godaanaan gargaarsa mana jireenyaaf gahoo dhaa?

Godaantummaan ulaagaa mana argachuu keessaa tokko miti.

Namotni sababa godaantota tahaniif mana argachuuf gahoo dha jechuu miti.
Dr Michael Fotheringham

" Akkasumas sababuma maatii godantota irraa taateefis waa tokkoof gahaa tahuu si hin ittisu, ” jedhe Dr Fotheringham.

Gargaarsa manaaf akkmitti iyyadha?

Mana jireenyaa hawaasummaa argachuuf galmeeffamuu, dabaree eeggachuu akkasumas aango’oota dhimma manaa naannoo keetti iyyachuu si gaafata.

Unka guutuun, gahummaa kee qoratanii ilaaluun hundi qama adeemsa galmee kanaa ti.

Odeeffatnoo irra caalaa kutaa biyyaa fi naannoo dhimma mana iyyachuu ilaaluu dandeessu;

NSW

Victoria

Western Australia 

Queensland 

Northern Territory

South Australia

Tasmania

ACT

Australia keessa mana waliin jireenyaa meeqatu jiran?

Akka Waxabajjii 2024, gabaasametti 452,000 manneen waliin jireenyaa mul'ate kun kan ibsu tilmaamaan kun guutummaa manaa irraa dhibbantaa 4 jechuu dha biyya kana keessatti.

“" Kun guddaa miti jechuu dha,” jedha Dr Fotheringham.

“Kana jechuun dhiheessii qabnu caalaa gaaffii mana jireenyaatu caal jechuu dha. Kana jechuun gahumsa itti qabaachuu fi maneen jiran nama saniif tahuu kana hunda adda baafachuunuu yeroo fudhata jechuu dha..”

Suburban Scene
Low to moderate income households who are not eligible for social housing may qualify for affordable housing. Credit: tap10/Getty Images

Australia keessatti mana ummataa argachuuf hagam eegda?

Odeeffati Galmee Australian Institute of Health and Welfare jedhu irraa argame bara 2023-4 tti mana ummataa argachuuf giddu galeessatti gara ji'a 18titti kan dhihaatu kan eegsisu tahuutu mul'ate.

Haalaa fi naannoo ati keessa jirtu irratti hundaawee gargaagarummaa qaba.

Garuu gaaffiin manaa dhiheessii irra tarii jira, baadiyyaattis tahu magaalaa jedha, Dr Fotheringham.

“Kutaa biyyaa fi naannoo hedduun yeroo ammaa dhiheessii manaa iddoo hundatti ol kaasuu yaadaa jiru. Kanaafuu, waa’ee magaalaa guddaa qofa dubbatna miti.

“Dhugumatti baadiyyaatti gaaffiin jiraachuu hin oolu,  keessattuu giddu gala baadiyyaa."

Namootni maaliif mana jireenyaa ummataa filatu?

Wanti barame yeroo baayyee, manni jireenyaa hawaasaa quba namatti qabsiisuu dha, gosa akkastu achi jiraatafaa kan jedhu, akka Dr Stefanie Plage jedhtutti.

University Queenslland mana Barumsaa Saayinsii Hawaasummaa keessatti qorattuu yeroo taatu, hariiroo mana jireenyaa hawaasaa fi fayyaa gidduu jiru irratti hojjetti.

Akkuma mana jireenyaa kamii iyyuu mana mootummaa keessas namoota duubbee garagaraatu keessa jiraata.
Dr Stefanie Plage

Yaaddoon kiraa fi jireenya mi’aa tahuun sababoota jajjaboo namootni mana jireenyaa hawaasaa ykn mana mootummaa jedhamu filatan jechuun dubbatti.

"Namoonni duubbee miidhaa hawaasummaa yeroo dheeraa qabaachuu fi dhiisuu isaanii yookaan amma reefuu qabsoo jireenyaa jalqabuu yoo ta’e, wanti isaan walfakkaatan tokko gabaa kiraa manaadda baafa.”

Manni jireenyaa gatii madaalawaas waan tokko.

““Namoota hedduu takkaa mana argachuuf ykn kiraa argachuuf rakkinni isaan mudatee hin beekne, kanneen reef nama kam iyyuu kun mudachuu akka danda’u hubachaa jiran hedduu baayyachaa dhufan agarta,” jedhti Dr Plage.

New housing
Three in four public housing dwellings in Australia are in major cities. Source: Getty / Andrew Merry

Manni jireenyaa gatii madaalawaa ( affordable housing) maal?

Yeroo baayyee mana jireenya hawaasaa ykn social housing waliin wal rukuta garuu manni jireenyaa gatii madaalawaa ykn affordable housing adda adda.

Inni kun gatii gadi bu’aan kan hir’isu yoo tahu kutaa biyyaa biyyatti , sagantaa sagantaattis adda adda.

 Simon Newport Hojii Gaggeessaa Olaanaa Manneen Victoria(Homes Victoria) kana keessatti want bad jira jechuun ibsa.

“Haala nuti dubbannu keessatti, waa’ee mana kiraa gatii madaalawaa ta’e ni dubbanna. Dhugumatti immoo  mana jireenyaa ilaalchisee  waan baden ibsuu barbaada. Jalqaba sirna mana jireenyaa irraa mana tajaajila dhablummaa gargaaruutu ture.  Achii booda mana jireenyaa hawaasaa(mana mooutmmaa), itti aanee kan ummataa fi hawaasaa, booda ammo mana gatii madaalawaa jechaa deemuu qaba, kun daldala hawaasummmaa fi dhuunfaa gidduutti argama. "

“Manneen gatii madaalawaa tahee akka waliigalaatti kiraa gabaa dhibbantaa 75 hin caalle, ykn kan namootni silaa kiraaf kafalan irraa dhibbataa 25 gaditti kan dhihaatu dha," jedha obbo Newport.

Mana jireenyaa gatii madaalawaaf akkmiin iyyadha?

Garaagrummaa guddaan kan biraan, manni jireenyaa gatii madaalawaa dabaree eeggattootaa irraa akka hin fudhanne dha.

“Kanaafuu kallattiin karaa dhiheessitoota manneen hawaasaa iyyachuu dandeessu."

Kanneen mana jireenyaa madaalawaa gaggeessan guutuu biyyaa keessaa karaa maarsariitii Community Housing Provider Register argachuu dandeessu.

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au 


Share

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Watch now