Tuqaalee Ijoo
- Seenaa Hawaasa Saboota Jalqabaa of barsiisis, walitti-dhufeenya isaan ummata abbootii dachee hin ta’in waliin qabanis hubadhu.
- Lafti irra jiraattu aadaadhaan abbummaan isaa kan eenyuu akka tahe baradhu.
- Hawaasni aada-danuun muuxannoo waloo irraa fudhachuun guddifachuu danda’u.
Saboota Jalqabaatti michoomuu jechuun namni dhuunfaa dhimmootaa fi kaayyoowwan hawaasa abbootii dachee biratti hiika qaban waliin dhaabbachuu fi dammaqinaan deeggaruu jechuu dha jedhti dubartiin Yorta Yorta Dr Summer May Finlay yeroo ibsitu.

" Michoota keeny nu waliin qabaachuun keenya sagalee keenyaa fi dhimma keenya akka dhageessifaannu nu gargaara. Keessattuu yeroo jijjiiramaaf leellisamutti baayyee barbaachisaa dha "jedhti.
Karaan addatti tolchame tokko jiraachuu baatu iyyuu ummatni abbootii dachee hin tahin michoomuuf wann gochuu danda'an ni jiran.
Of barsiisi
Michuu Saboota Jalqabaa ta’uuf karaan adda tahe tokko waan hin jirreef, ummata kana beekuun akkuma hariiroo kamiyyuu tarkaanfiiwwan jalqabaa keessaa isa tokko dha jedhti dubartiin Bundjalung Karen Mundine, Hojii Gaggeesstu Ol-aantuun Reconciliation Australia.
"Hariiroo fi haala har’a ummatoota sboota jalqabaa fi Australiyaanota biroo waliin keessa jirru hubachuu irraa jalqabuu qaba. Akkasumas seenaa, wantoota hariiroo sana keessatti deemaa turan hubachuu."
Adeemsi kun si badhaadhsuu danda'a, namootaa fi biyya waliin walitti dhufeenya akka qabaattus si gargaaras jedhti.
"Haalli kun carraa namootaan, biyyaa fi bakka waliin walitti dhufeenya qabaatan kennaaf," jedhti adde Mundine.
Odeeffatnoo amanamoo ta''an fayyadamuun ummattni abbaa dachee hin ta''in of barsiisuun barbachisaa dha jedhti Dr Finlay dabaltee.
"Yoo dhuma nama hunda barsiisu yaalle , waa biraa hojjechuu hin dandeenyu"
Iddoo baayeen irraa odeeffannoo waa'ee Saboota Jalqabaa irraa argamu baayyee tahu iyyuu, aadde Mundine tuqaa ka’umsaa guddaan hawaasa bakka jiraattanitti duudhaadhaan abbootiin qabeenya aadaa naannoo eenyu akka ta’an karaa dhaabbilee Saboota Jalqabaa fi Gumii naannoo baruu dha jedheen amana jedhti.
Reconciliation Australia ykn manneen maree araaraa keessan kan kutaa biyyaa irratti hundaa’e qabiyyee itti fayyadamuu dandeessani dha jedhti Dr Finlay.
Nama hunda wal-qixatti ilaali
Luke Pearson nama Gamilaray ti , waltajjii toora interneetaa abbootii dachee X (Indigenous X, jedhamu , kan hundeessee fi Sagalee abbootii dachee hundaa dhageessisuu fi kabaju dha.
Jijjiirama gaarii fiduu keessatti namni hundi gahee taphachuu kan danda’u ta’us, “michummaa” (allyship) jecha jedhuuf miira qabu ifatti dubbata.

"Sababni ani jecha sana hin jaallanneef namootni dhalootaan abbootii dachee hin taane kaayyoo haqaa abbootii dachee giddu galeessa akka hin godhanne irraa maqsuuf. Kanaafuu, yoo waan gaarii hojjedhte, gargaaraa jirta sun dansa, garuu asxaa isaa maxxanfachuu ykn waa'ee kee tahuu hin qabu.
" Kaayyichi sitti gammachuun akka dhagahamuuf utuu hin taane: garuu galiin isaa itti baha ummattoota abbootii dachee fooyyessuuf. "
READ MORE

What is Welcome to Country?






