Ibidda bosonaa irraa akkamiin dandamattan - Australia Explained

Australia Explained: Bushfire Recovery

A resident walks away from her flood-damaged house in the bushfire-affected town of Cooma on January 5, 2020. Source: AFP / SAEED KHAN/AFP

Australia qilleensa ho’aa, gogaa fi teessuma lafaa adda tahe qabaachuun biyyoota addunyaa keessaa kanneen heddumminaan abidda bosonaa qabaatan keessaa tokko ishee taasisa. Akkuma jijjiiramni qilleensaa ho’a qilleensaa gogaa tahee fi haala qilleensaa gubaa tahe argamsiisaa deemuun gara fuulduraaf abidda bosonaa yeroo hedduu qabaachuun kan nuti eegnu taha. Garuu erga abiddi dhaameen booda akkamiin nagaan gara qe’ee keetti deebita, gargaarsa akkamiin barbaaddatta, akkamiin of kees gargaarta?


Key Points
  • Yeroo aanga’oonni nageenya qaba jedhan qofa gara manaatti deebi’uu fi ibiddi amma iyyuu itti fufee jiraachuu hubannoon qorachuu dha.
  • Waajjiraaleen dandamannaa, gargaarsi maallaqaa fi tajaajilli fayyaa sammuu dhiibbaa qaamaa fi qalbii miidhaa kanaan dhaqaabeef gargaaran ni jiru.
  • Ibidda bosona irraa dandamachuun fudhata, akkasumas gargaarsaaf hawaasa dammaqfachuu fi kununsa barbaachisus ofiif gochuun barbaachisaa dha.

Ibidda bosona irraa dandamatuun baay’ee namatti dhaga’amuu danda’a, garuu gargaarsi ni argama. Nagaadhaan gara manaatti deebi’uu irraa kaasee hanga fayyaa fi nageenya keessan deeggarutti, tarkaanfiiwwan ijoo ibidda bosona booda fudhachuu qabdanii dha.

Australiyaanoti karoora abidda bosonaa qabaachuun barbaachisaa tahuu irra deddeebi’amee yaadachiisamee jira. Garuu ega ibiddi dhaameen booda maaltu taha?

Erga Tajaajilli Sardama Kutaa (State Emergency Service, the S-E-S) qe’eetti deebi’uun ni danda’ama jedheen booda deebi’uu dandeessa yoo deebi'uuf nageenya qabaate. utuu hin labsamin dursitee yoo deebite balaa irra bu'uu dandeessa, sababa ibdiddi guutummatti hin dhaamin jiraachuu maluuf, akkasumas shiboon ifaa citee bu'ee, ykn xaaxeen ibiddaa faca'ee jiraachuu mala.

Metropolitan Fire Service Firefighters in the front of the fire site house.
Metropolitan Fire Service Firefighters in the front of the fire site house. Credit: mastersky/Getty Images

Nyaata dafee hin badne, bishaa qodaatti, maallaqaa callaa, dungoo fi baatirii dabalaa of harkaa qabaadhu.

Yoo manni kee dhaabbiitti jira tahe osoo keessa hin seenin, akkuma duraatti jiraachuu isaa adda baafadhu.

Yoo mana abiddi miidhe keessa seente, waan ciincaa aara abiddaa si irraa dhorku funyaan keetti hidhadhu, harkaa keetti diradhu, uccuu harka dheeraa uffadhu, kophee cimaa abidda of irraa ittisu kaayyadhu. Yoo ni danda’ama tahe ijoollee fi beeyiladoota manaa naannicha irraa fageessi.

Erga mana kee bira geesseen booda tarii waan boba’aa jiru yoo jiraateef sirriitti ilaali.

Sharif Baytieh itti aanaa Tajaajila Abidda Baadiyaa, ganda xiqqoo Nana Glen, New South Wales keessatti argamtuu ti, kun yeroo baayyee taha jedha. Australia walii gala keessaa tola-ooltota 100,000 oltu ibidda dhaamsuu bobba'a kannen akkumasa hawaasicha barsiisan. Namootni akka itti ibidda faccisa, akka itti dandamatan barsiisu. balaa ibidda bosonaa guddica kan bara 2019 isa mudateera.

"Ega ibiddi dhaamee booda irra deddeebinee gara torban tokkoof namni akka manatti deebi'u yaamna, akkasumas abbaan qabeenyaa tokko yeroo nutti himu bakki gubate sun suuta ho'aa akka deemaa ture yaadate" "Gara guyyaa torba sadeetti akkasiif qilleensa wayiitu ture sun suuta jedhee ibidda qabsiisa, guyyaa itti aanu , karaa foddaa kan agarre ibidda qabatee jiru dha. Iddoon qaanqee ibiddaa , bakki ho'aa sun , irra deebiin ibidda kaasuu danda'u, keessattuu yoo mana keetti dhihoo tahan."

Bakki dhahannoo hatattamaa fi waajjiraaleen hadhaadhiya wanneen kallattiin nageenyaa fi deggersaaf tahan dhiheessuuf qindeessaman.

Service NSW ykn Queensland Recovery Hotline maaltu itti aanee akka tahu irratti si gargaaru.

Gargaarsi maallaqaa balaa hatattamaaf Mootummaan gargaaru illee ni jira, haala keessan irratti hundaawee.

Yoo insuraansii qabaattan, waan hunda utuu bakka isaatii hin fuudhin ykn hin qulleessin suuraa kaafadhaa, ykn waraabbadhaa videodhaan. Wanta isin jalaa bade barreeffamaanis kaayyadhaa. Warreen insuraansii tokko tokko yeruma sana kaffaltii barbaachisu, bakka bultan kan yeroo isinii kennuu malu.

Australia Explained: Bushfire Recovery
Aerial view of the Australian bush fire destruction with a burnt home & property. Bell NSW 2020 bush fires - Blue Mountains Credit: mikulas1/Getty Images

Aarri ibidda bosonaa namoota itti dhihoos tahe irraa fagoo jiran irra dhiibbaa ni geessisa. Qilleensa xuraawaa taaxisa, fayyaa fi jireenya guyyuu miidha. Namootni dhibee tubboo hafuuraa fi dhibee onnee qaban kanaan salphaatti miidhamu.

Dr Lai Heng Foong ogeessi fayyaa ummataa fi ogessi balaa hatattamaa eguma badee illee dhiibbaan aarri kun geessisu yeroo dheeraaf nama miidha jedha.

"Akkuma ibidda bosonaa gurraacha bona sana agareetti, yeroo dheeraaf aara kanatti saaxilamuun guddina daa'ima garaa jirtu irratti illee dhiibbaa qabaachuu isaa ti. Aarrri kun dhiibbaa dhukkuba onnee, qalbi dabarsaa, cancer, stroke, dhibee dhukkuba shukkaaraa, akkasumas illee of gatuu ykn sammuu ofii kununsuu dhabuu geessisa.

Dhiibbaan dhibee sammuu waan irra deddeebi'ee tahuu fi isa cimaa dha, keessattu akkuma jijjiiramni qilleensaa dabalaa deemee fi ariifatnaa ibidda bosonaa irratti hundaawee.

"Akkasuma yeroo irra deddeebiin tahu, kana haalli qilleessaa jijjiiramaa waan jiruuf dhibee hedduu fiduu akka hin hafne gara fuulduraatti arguun keeny hin oolu, Garuu itti hammaachaa, baayyachaa fi cimaa akka deemeen namootni kanaan rifachuu irraa kan ka'e, gara dhibee fayyaa akka birruu(anxiety) daafirummaa(depression) fi miidhaa gidiraa kanaa irra gahe(ost-tramatic sress" kkf mudachuu mala.

Karaa waajjiraalee dandamannaa gargaarsi ni jira, ogeessi fayyaa kee(GP) fi gargaarsi sararaa irraa 24/7(sa'a 24) hojjetan kanneen akka Lifeline ykn Beyond Blue nama gargaaru.

Australia Explained: Bushfire Recovery
A house belonging to Allan Lehepuu in the mountains near Michelago that was destroyed by bush fires, New South Wales, Australia. Allan is a volunteer fire fighted and went to help fight the fire at the bottom of the mountain. The fire spread rapidly and destroyed Allans and other houses in the area. Credit: Ashley Cooper/Getty Images

Ijoollee fi dardara, balaa ibiddaan booda deggersa gochuufiin waajiba. Jabinni warra irraa mul'atu nageenya ijoolleef mallattoo gaarii dha.

Erin Pelly, Waldaa Fannoo Diimaa Australia biyyaalessaa keessatti dandamannaa fi tajaajila hatattamaa kan hoggantu, ega balaan ibddaa taheen booda maatii tasgabbeessuun warraaf ulfaataa dha jedhti.

"Balaa ibiddaa saniin booda maatii tasgabbeessuun dhugumaan hedduu cimaa dha. Waan baayyee yaaddutu jira. Ijoolleenis akkuma sana yaaddoo qabdi, balaa tahe sana irraa muuxannoon qaban rifachiisaa tahuu danda'a. Sun hundi waanuma eegamu. hundi keessanuu kana keessa walumaan baatan waan taheef, wal jajjabeessuu , wal kununsuu, eeggannoo waliif gochuuf waan dandeessan wal deggeruu dha. Ijoollee keessan isin caalaa namni biraa hin hin beeku , kanaaf akka maatiitti wal deggeraa."

Yoo amala yaaddoo ijoollee keessan irratti agartan dafaa fala itti barbaadaa. Karaa Ogeessa Fayyaa keessanii ykn gargaarsa sararaa irraa kids Helpline, bibilaan gorsa iccitaawaa isinii kennu akkasumas ijoollee waggaa shan irraa haga 25 tahanii gorsa wal gitu kennu.

Dandamannaan namoota hundaafuu akka gara garaatti hubatama akkasumas haga namni yaaluu ol fudhatas.

Erin Pelly namootni yeroo argatanitti akka waliin gammadan jajjabeessiti yeroo dandamannaa keessa, waliin buna dhuguus tahuu danda'a ykn waliin deemsa miilaa deemuu, ollaa ykn hiryoota waliin gadi bahuu tahuus danda'a.

Yoo nama gargaaruu humna itti qabaatte, waan guddaa iyyuu tahuu hin qabu waan humna kee gargaari. Achuma jiraachuufin kee bu'aa qabaaf.

"Namni tokko siif yaaduu beekuun, namni si dhaggeeffatuu fi waan ati keessa dabraa jiru si hubachuun atis waan tahe hubattee akka jajjabaattu si gargaara. Kanaaf, waa nama kennuu ykn qarshii buusuu ykn yeroo guddaa balleessuufii utuu hin taane garuu yaada kee qalbii kee hiruufiin, gurra kennuunfiin waan guddaa dha," jedha.

Ibidda bosonaa irraa dandamachuun deemsa dheeraa dha, garuu deggersi siif jira nageenya keef, mana keef akkasumas guutummaa fayyaa keef.

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au


Share

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Watch now