Tuqaalee Ijoo
- Erga qe'eetti deebiúu ni dandeessa jedhamee seeraan ibsamee booda qofa manatti deebi'i akkasumas miidhaa wanneen akka balaa elektriikaa fi bineensota bosonaa haala hin eegamneen si mudatuu malan irraa of eeggannoo godhi.
- Himata inshuraansii deeggaruuf, wanneen miidhaman qulleessuun dura hunda isaa galmeessi akkasumas gargaarsa maallaqaaf sagantaalee mootummaa irraa ilaali.
- Manni akka hin samne ittisuuf lafa jiidhe daddafii gogsi, iddoo hunda wanneen bacteria balleessaniin qulleessi, yeroo waan akkasii qulleessitu ittistuu fullaa fi harkaa kaawwadhu.
- Fayyuun yeroo fudhata yoo barbaachise gargaarsa fayyaa sammuu gaafadhu, walitti dhufeenya hawaasummaa qabaadhu, namoota naannoo jiraniifis gargaarsa kenni.
Rooba hamaa ykn lolaa bishaanii booda daddaffiidhaan gara jireenya nagaatti deebi’uun waanuma jiruu dha. Garuu nageenyi ofii dursuu qaba.
Nagaan gara manaa deebi'uu
Yoo bakka jiraattu irraa godaansifamtee jirta tahe osoo gara qe’ee keetti hin deebi’in dura naannoon jireenya kee nagaa tahuu isaa tajaajila yeroo balaa Kutaa biyyaa (state emergency service) SES jedhaman irra dhugoomsachuu qabda.
wanneen si barbaachisan qabaachuu keesi mirkaneeffadhu, kanneen akka nyaata yeroo dheeraa tahuu, bishaan , maallaqa, kan humna bilbila harkaa ittiin guuttattu, batrii, fi wanneen ittiin waa qulqulleessan si barbaachisa. Daandii lolaan jiru irra of irraa of eegi, akkasumas kanneen balaa fidan shiboo elektriikaa, mukkeen fi daandii ibsaa kufanii lafa jiran eeggadhu.
Nyaata dafee hin badne qabaadhu, Bishaan dhugdu, maallaqa callaa hanga tokko, ibsaa ykn waan qabsiisattu, baatirii fi waan qulqullinaaf siif tahu of harkaa qabaadhu.
Yeroo bakka mana keetti deebitu, hubannoon ilaali , wanti babbade yoo jiraateef utuu ol hin seenin dura adda baafadhu. ibsaa fi gaazi dhaamee jiraachuu adda mirkaneeffadhu.
Nagahoomaan mana kee ol seenuu
“Osoo mana kee keessa ol hin seenin ibsaa baatirii harkaa qabsiisadhu. Ibsaa mana keessaa humna ifaa irraa ifuu qabsiisuu hin yaalin, : jechuun gorsiti Dorothy Tran, qondaalli gurmahiinsa hawaasaa. "Osoo humna ifaa hin qabsiisin dura ogeessoti ogummaa humna ifaa qaban dursanii ilaaluu fi waan hundi sirrii tahuu isaa adda baafachuu barbaachisa."
Gara manaatti deebiʼuun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Yoo danda’ame jalqaba irratti daa’immanii fi bineensota manaa irraa fageessaa.
Miidhaa ittisuuf kophee jabaa, gloves fi uffata harka dheeraa huccuu furdaa irraa hojjetame uffadhu.
Akkasumas kanneen miliqanii mana seenan irraa of eegadhaa. kannee akka shimbirroo, fattee ykn raacha, bararoo adda addaa tarii mana keessa seenuu maluu. Boffii fi Shimbirri halkanii (Bats) jedhaman ogeessota qofaan mana keessaa baafamu.

Dry out your home quickly to prevent mould, disinfect all surfaces, and wear protective gear when cleaning. Credit: Glenn Hunt/Getty Images
Insuraansii fi deggersa maallaqaa
Yoo inshuraansii qabaatte osoo qulqulleessuu hin eegalin wanneen si dura miidhaman galmeessii qabadhu. Waan si duraa badee fi miidhame hunda footoo keefadhu, video isaas marii of harkaa qabaadhu. Adeemsa kana dafanii eegaluun dansa- Start the process early.
Kanneen inshuraansii waliin qabdu dursitee waliin dubbachuun kee barbaachisaa tahuu gaggeessaan walii galaa dhimma ummataa Gumii Ishuransii Australia, Matthew Jones yaada isaa kennee jira.
Daftee eegaluu qabda jedha. "akkasumas wanneen miidhame irraa jalaan itti dabalaa deemuu dandeessa."
Inshuraansiin tokko tokko yeroof bakka qubatan ykn nyaata yeroof gargaara dhiheessuu danda’a.
Gargaarsi balaa tarii mootummaan kennus jiraachuu mala asi tuqaa ilaalaa DisasterAssist.gov.au akkasumas gargaarsa ilaalchisee odeeffannoo jiru jala bu'aa.
Qulqulleessuu: Arritiin jalqabaa
Midhaa gar-malee ittisuu fi manni shamuu akka hin eegalleef ariitiidhaan mana qoorsuu jalaqabaa -start drying out your home as soon as possible. Manni kee keessi akka hin shamneef ykn foolii hin godhanneef sirriitti qulqulleessun barbaachisaa dha. Foddaa fi ulaa mana keetii banuu irraa eegali. Erga humni ifaa bakka siif deebi’een booda ho’aa fi afarsituu mana keessaa gadi itti lakkisi.
Bakka lolaan bishaanii mana keessa seenee fi tarii nyaatas xuqee jira yoo taheef hunda isaa qulqulleessi.
“Qodaa mana nyaataa keessaa bishaanni lolaa xuqe hin dhimma itti hin bahin, nyaata bishaan lolaa xuqes hin nyaatin. Sababni isaas lolaan bishaanii xurii gara garaa fi keemikaalota tarii guuree deemu nu duraa xuquu danda’a. Kanaaf, gatuu qabda ykn yoo dhimma itti bahuu barbaadde akka gaarii qulqulleessuu si barbaachisa," jedhti Dorothy Tran yeroo ibsitu.
Dabalees yoo bakka keemikaaloti hamoo tahan jiran ykn bakka xuriin itti same haxoofta tahe uffata irraa si dhorku kan afuura keessaan baafachuu dandeessu fuula keetti haguuggadhu.
Bakki shame kununsa addaan qullaa'uu qaba. Haala tokko tokkotti gargaarsa ogeessotaa si barbaachisuu ni mala.
Fayyaa fi Nageenyaaf Dursa Kennuu
Waan same fayyaa keenya balaa irra buusuu danda’a. Ogeettiin fayyaa Dr Lai Heng Foong Wallaansa sardama fayyaa, fayyaa ummataa fi kan yeroo balaa kan jedhtu namooti dhibee Asmaa qaban saphlaatti dhukkuba irra bu’uu waan malaniif of eeggachuu akka qaban gorsiti.
Dhibee lolaa booda dhufuu malan biroos dubbatti “Garaa yaasaa fi haqqisi nyaata lolaa bishaaniitiin xuqame irraa nama qabu, kan kemikaalota gara garaan summaawan, titiisa busee irraa horuu kan danda’an haroon bishaanii kuufamu, fakkeenyaaf vayirasii Ross River fi Barmah Forest jedhaman akkasumas Japanese Encephalitis jedhaman akka jiran arginee jirra.”

You can assist others by volunteering with local organisations or donating to relief efforts like the Red Cross. Credit: Dan Peled/Getty Images
“Yeroo namooti, balaan dhaqabe torban lamaan tokko booda waan dhiisuuf namooti jireenya isaanii duraaniitti deebi’uu danda’u jedhanii yaadu. Muuxannoo irraa akka hubannutti hanga eegameen ol fudhachuu akka danda’uu dha. Namooti haala nagaa duraan ittiin jiraachaa turanitti deebi’uuf yeroo irraa fudhata. Tarii mana barmootaa cufaa tureetti deebi’uuf qophaawuu, inshuraansii gaafachuuf iyyannaa qopheeffachuu, yoo lolaan mancaasee jira tahe qe’ee qulqulleeffachuun hundi yeroo gaafata.”
Of kununsuu, keessattuu karaa deemsa miilaa , shayee kubbaayyaa tokko qabatanii buhaaruu yaaluun gaarii tahuu dubbatti. Ijoollee gargaaruun is addatti akkaan barbaachisaa tahuu: Hojii idilee isaanii eeguufii, yaaddoo isaanii dhaggeeffachuufii akkasumas ofiif nagaa sammuu ofii eeggachuun hedduu isin gargaara jehdhti.
Humana hawaasni qabu
Miidhaan ega geessifameen booda ollaan kee akkamitti akka jiru ilaaluun akkaan barbaachisaa dha.
“Namootni baayyeen balaan booda hiryaa , maafii fi ollaa isaniitiin gargaaraman, akkasumas ollaa fi namoota dhiheenyatti isaan beekantu gargaare," jedhti Erin Pelly. " "Namootni wal gargaaruun dhugumatti miidhaa geessifame irraa akka dandamatanii jireenya itti fufan gargaareera,"
Andrijana Miler Kaaba New South Wales keessa kan jiraattu yeroo jalqaba bubbeen sayikilon jedhamu jalqaba naannoo ishee rukute. wal tumsa hawaasaa irraa gammachuutu itti dhagahame.
"Gartuu qabna. Gartuu Facebook Ocean Shores jedhu uummanne. Odeessa jiru waliif dhaamna. Karaa irratti maaltu tahe, eenyu bishaan fi interneeta akka qabuu fi hin qabne, yoo ijoolleen aannanii fi waan biroo kan barbaadan tahe achi irratti wal hordofna. Ykn yoo nu keessaa namni bakka biroo deemaa jira tahe, mukni akkamii akka jige, namootni fakkoo isaa arguu barbaadu. Hanga tokko walitti siqeenya keenya kan cimsee dha," jedhti.

In addition to your protective clothing, wear a respirator if you’re using strong chemicals or cleaning up mould. Credit: Dan Peled/Getty Images
Akkamiin nama gargaaruu dandeessa
Tola-ooltummaan dhaabbilee naannoo kee waliin tahuun ykn waa hiixachuun gargaarsa kanneen akka Fannoo Diimaaf gochuun namoota kaan gargaaruu dandeessa.
Garuu tattaaffii xiqqoon gargaarsa guddaa gumaachuu ni danda'a.
"Namni tokko akka siif dhimmamu beekuun, namni tokko waan ati keessa jirtu si hubachuun fi haal jiru keessatti si jajjabeessn dhala namaaf baayyee barbaachisaa dha. Meeshaas tahe maallaqa arjoomuu tahuu qofa tahuu hin qabu, garuu dhugumatti namni rakkina kee si waliin qooddachuu fi dhugumaan yaaddoo kee garaa irraa siu dhaggeeffachuun waan barbaachisaa tokko," jedhti Erin Pelly.
If you’re struggling, contact your GP or access Telehealth.
Mental health support is also available through:
Lifeline (13 11 14)
Beyond Blue (1300 22 4636)
Kids Helpline (1800 551 800)