Odeeffatnoo hawaasaaf barbaachisu qopheessaa jirra- ob. Tasfaayee Dafaa fi ob.A/Salaami Ali

Konferensii Odeeffantoo hawaasaa qopheessaa jirra kan jedhan qopheessitoota qophii kanaa namoota Lama dubbifne. Isaanis obbo Tasfaayee Dafaa fi Obbo A/Salaam Ali ti. Sanbatta duraa fuula keenya dura jiru, odeeffannoo hawaasa keenyaaf kan kennan qaamota tajaajila mootummaa tahan kanneen akka Service Victoria(dhimma Centrlink) waliin wal qabate akkasumas tajaajila adda addaa irraa kanneen argaman afeeramuu obbo Tasfaayee fi obbo A/Salaam aaf-gaaffii taasifneef keessatti ibsaniiru.


Tuqaalee Ijoo
  • Odeeffatnoo Hawaasaaf dhimma Centerlink fi kaffaltii adda addaa ilaalchisee
  • Dhima soorama bahuu
  • Dhimma jaarolee ykn bara dullumaa
  • Dhimma tajaajila qaama-miidhamummaa ilaalchisee

Biyya keessa jiraatnu keessatti tajaajiloota adda addaatu jiran, kanneen kana yoo sirriitti hin hubane garuu tajaajila argachuu qofa irratti kan fuulleffatnu yoo tahe fafa qaba jedhu obbo Tasfaayee Dafa. Obbo A/Salaam Alii akkasuma namni keenya kan yoo tajaajila dhimma isaa ilaallatu jala buhee quba hin qabaatin kan buufatu irra kan dhabutu caala jedhu.

Mata duree guruguddaa afur jalatti tajaajila kennitoota hedduun dhufanii ibsa kennu kan jedhan obbo Tasfaayee fi obbo A/Salaam dhimmootni dhihaatan : Dhimma kaffaltiin Centerlink wajjin wal qabate bal'inaan mirgaa fi dirqama ofii akkasumas seera kanaan wal qabate ilaalchisee akka ibsamu dubbatan. Itti aansuunis guyyaa qophii kanaatti kanneen tajaajil-kennitootni irraa dubbatan biroon dhimma Sooramaa (supeeannuation), My Age ykn dhimma kununsa Jaarolee, fi Dhimma NDIS wal qabate bal'inaan akka ibsamu ibsaniiru.

Xumura irratti hawaasni naannoo jiru umrii fi saalaan utuu hin daangessamin argamee odeeffatnoo gati jabeessa kana akka argatus obbo Tasfaayee Dafaa fi obbo A/Salaami Alii gad jabeessanii dhaamaniiru. Guutummaa aaf-gaafii kanaa olitti caqastu.


Share

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Watch now