Obbo Bantii Ol'iiqaa fi obbo Abdallaa Sheekaa, lakkoofsa ummataa ykn Census Australia torban dhufu gaggeeffamuuf deemtu, hawaasni keenya sirriitti hubatee guutuu qaba jedhu. Guyyaan Kibxata(TuesdayO Hayya(August) 11,2026 galgala yeroo tahu, namootni waraqaa argatanis dursanii guutuu danda'u jedhu. Aadaa fi afaan ofii sirriitti dhugummaan guutuun tajaajila barbaachisu hawaasichi argachuu irratt bu'aa qabaachuu irra dabree bakka bu'ummaa ofii dhugoomsuudhas jedhu obbo Abdallaa fi obbo Bantiin.
Lakkoofsa ummataa Census Australia sirnaan guutuun bu'a qabeessa jedhu obbo Abdallaa Sheekaa fi Obbo Bantii Ol'iiqaa
Share






