Ayyaanni Garmaa walitti dhufeenya aadaa Abbootii Dachee Australia isa guddaa yoo ta’u namoonni kumaatamaan lakkaa’aman gara magaalaa fagoo Nhulunbuy gara kaaba baha Dachee Arnhem fi noonnoo Kibba biyyattiitti argamutti imalani dha. Garma keessatti maaltu akka tahuu fi eenyus irraa hirmaachuu akka danda'u qophii kana keessatti ibsama.
Tuqaalee Ijoo
- Garma aadaa Abbootii Dachee bakka Australia keessatti itti wal ghani dha.
- Ayyaanni kun waggaa waggaan ji'a Hagayya keessa kan gaggeeffamu yoo ta'u, Bu'uureffama Yothu Yindi (Yothu Yindi Foundation) tu qopheessa.
- Ayyaannichi hoggantoota siyaasaa olaanoo, hoji gaggeessitoota, leelliftootaa fi artistoota Australia walitti fida, sababiin isaas ayyaanni kun sirna aadaa fi leelliftoota siyaasaa riqicha ta’a.
- Ayyaanni Garma( Garma Festival) maal?
- Ayyaanni Garma akkamiin jalqabe?
- Ayyaanni Garma eessatti kabajama?
- Ayyaanni Garma maaliif barbaachise?
- Eenyutu ayyaana Garma irraa hirmaata?
- Bakka ayyaanichaatti maaltu taha?
Indigenous words in this article and their meanings:
- Yolŋu: jechuun 'nama Yolŋu Matha keessaa, gartuu gosa magaalaa fi naannawa kibba bahaa Dachee Arnhem irra jiraatan ibsa.
- Yolŋu Matha: Afaanota gosa Yolŋun dubbatamu ibsa.
- Garma: Yolŋu Matha keessatti adeemsa barumsaa karaa-lamaa jechuu dha.
- Arnhem Land: Ol qarqara naannoo Kibbaa keessatti kan argamu yoo tahu, Darwin irraa tilmaamaan kilomeetira 500 fagaata.
- Nhulunbuy: Magaalaa guddicha Baha Dachee Arnhem yeroo tahu, naannoo Kibbaa tahee, tilmaamaan Darwin irraa kilometira 1,000 fagaata.
- Gulkula: Aadaadhaan bakka itti walgahamu dha.
- Ganbulapula: An ancestor who is believed to have brought the Yidaki to the Yolŋu. Akaakilee kan Yidaki gara Yolŋutti fide jedhamee amanamu.
- Yidaki ( didgeridoo jedhamas): meeshaa qilleensaa Abriginal dha.
- Miny’tji: Suurawwan qulqulluu (Sacred paintings).
- Manikay: Faaruu akaakilee
- Bunggul: Shubbisa aadaa qophii gara garaa.
- Bilma: ulee gabaabduu walitti rukutamee sagalee uumu(Clapsticks).
Akeekkachiisa: Ummattootni Aboriginal fi Torres Strait Islander , barreeffamni armaan gadii maqaa Ummattoota Abbootii Dachee lubbuun darbanii akka of keessaa qabu hubachiifna.
Ayyaanni Gamaa (Garma Festival) maal?
Ayyaanni Gamaa walitti dhufeenya aadaa kan Abbootii Dachee Australia isa guddaa , kan namootni kumaatamaatti lakkaayaman gara magaalaa fagoo Nhulunbuy naanoo kaaba-bahaa Dachee Arnhem naannawa Kaabaa jirutti imalanii dha.
Waggaa waggaan ji'a Hagayya keessa kan taasifamu yeroo tahu, aadaa Yolŋu guyyaa afuriif kabajamu dha.
Yolŋu ummattoota Aboriginal kan kaaba-bahaa Dachee Arnhem yeroo tahu, Yolnu Matha keessatti, Garma jechuun "adeemsa barmoota karaa-lamaa jechuu dha"
Yaadichi, namni kamuu dandeessttii namaaf qoodu ni qaba kan jedhuuf beekamtii kenna. Gartuun tokko namoota kan biraa barsiisuu irra wal dhaggeeffachuu, gaaffii gaafachuu fi akkaataa jireenya adda addaaf kabaja kennuun waliin barachuu kan jedhu dha.
Ayyaanicha irratti aartii, aadaal miny’tji (art), manikay (faaruu), fi shubbisa beekama bunggul (dance) ni dhihaata.
Hunda caalaa ammoo, Garma waltajjii marii hawaasummaa, siyaasaa fi kan naannoo (environment) Saboota Duraa wajjin walqabatu dha.
Ayyaanni Garma eessaa eegala?
Bara 1999 obbolaa lubbuun hin jirre, Dr Yunupingu AC fi Yothu Yindi frontman, Dr M Yunupingu, tiin yaadi ayyaana Garma aadaa Yolnu kununsuuf, tiksuuf akkasumas jiraachisuuf dhufe.
Yeroo sanitti, jaarsolii baayyeen hawaasichaa beekumsi aadaa badaa jira jechuun yaadda'anii turan. Garma akka iddoo aadaan itti jabaatu fi mareen siyaasaa walitti dhuftu tahe hundeeffame.
“Hiikaan isaa afaan Yolnu Mathan “adeemsa barmoota karaa-lamaa’ jechuu yeroo tahu, ayyaanni ykn festivalich bara 1999, obbolaa har’a lubbuun hin jirre Yunupingu fi Yothu Yindi frontman, Dr M Yunupingu tiin hundeeffame.
" Kaayyoon isaas garaagarummaa aadaa riqicha godhachuu fi hawaas Abbootii Dachee karaa marii fi ayyaana aadaa Yolnu humneessuu ture, " jedhe John-Paul Janke, Gulaalaan Dhimma Abbootii Dachee Biyyaalessaa SBS fi The Point on NITV.
Ayyaanni Garma eessatti kabajama?
Ayyaanni kun kan gaggeeffamu Gulkula, bakka aadaa gosoota naannoo shan kaaba baha Arnhem Gumatj, Rirratjingu, Djapu, Galpu fi Wangurri keessatti walga'ii ta'a.
Gosa Gumatjtiif Gulkulaan iddoo sirna qulqulluu dha.
Aadaa Yolŋu keessatti Gulkula bakka akaakileen Ganbulapula jedhamu Yidaki (Yolngu jedhamees ni barreeffama), meeshaa qilleensaa Aboorijiinaal gara Yolŋutti fide jedhamee amanamuu dha.
Har’as Gulkulaan bakka walga’ii waggaa ayyaanichaa ta’ee itti fufee jira.
Ayyaanni (festival) Garma maaliif barbaachise?
Tanya Denning-Orman, SBS tti Dirikteerra Saboota Duraa, Gama wanneen addunyaa kana irra jiran irraa Garman adda, jedhti.
"Garma’n haala teessuma lafaatiin adda ta’ee kan argamu dha, akkasumas kanneen maricha irraa hirmaatan illee. Kanaafuu, waggoota dhibba hedduu, hedduudhaaf, haasawa walta’iinsaa, haasawa siyaasaa fi haasaa akkasii guddiseera."
Ayyaanni Garma jabinaa fi cichoomina Saboota duraa yeroo kabajatu, beekumsa aadaa Yolŋu tiksuuf hundeeffame.
Biyya Yolnu keessatti qophii Garma taasisuun qaama barbaachisaa qophichaa it, sababni isaas dawwattootaaf akka isaan aadaa Yolnu, lafa beekumsi kun waggoota kumaatamaaf dhaloota irraa dhalootatti dabran kana barachuuf carraa kennaaf.
Namoota duubbee aadaa adda addaa irraa tahaniif iddo aadaa nageenya qabu wali irraa itti baratan uumaaf.
Namoota baayyeedhaaf, biyyicha keessatti yeroo dabarsuuf carraa jalqabaa tahuu mala- dacheen aadaa ummattoota Abbootii Dachee fi Torres Strait Islander jechuu dha- namootni kallattiin warreen abbootii aadichaa tahan irraa baratu.
Sagantaa aadaa cinatti mareen waa'ee imaammata ummataa, Aboriginal fi Torres Strait Islander hirmaachisu ni deemsifama. Kun ammoo Abbootiin Dachee gaggeessitootni abbummaa aadaatiin akka isaan maree sana dura bu'ummaan gaggeessan isaan gargaara, kunis qaama hiree murteeffatnaa isaanii waan taheef.
Hiree Murteeffatnaa adeemsa irra waan jiru dha, sunis ummattotni Abbootii Dachee dhimma isaan ilaalu irratti kallattii murtee taasifamu keessatti qooda fudhachuu isaanii mirkaneessa.
Eenytu aayyania Garma irraa hirmaata?
Wanti garmalee hubatamu tokko ayyaana Garma yaamicha qofaan kan dhaqamu se'uu dha.
Hoji gaggeessituun Yothu Yindi, Denise Bowden, Garma deemuun hundaaf banaa dha, marsariitii Yothu Yindi Foundation irraa namuu tikeeta bitachuu danda'a.
"Yothu Yindi Foundation qophiicha kan dhiheessa sponsorship qofa irraa utuu hin taane gurgurtaan tikeetaa hedduun isaa gara naannawaatti deema. Sani irraa qophii hojjetaniif artisootaaf kafalamuu danda’a."
Yothu Yindi Foundation abbootii siyaasaa gama kamiini iyyuu ni afeera, waggaa dabretti muummichi minsteeraa Australia argamee ture.
Kanneen akka qorattootni, barsiistotni, lallistootnii fi artistootni akkasumas dhaabbileen hawaasaas irraa hirmaatu, kun Garma bakka namootni duubbee adda addaa argamanii yaada walii qoodan, walitti dhufeenya jabeeffatanii fi imaammata irraa marihatan taasise.
Bakka ayyaana Garma tti maaltu taha?
Garma aadaa lubbuu qabuu durii addunyaa keessaa tokko caalaatti hubachuuf carraa ni kenna.
Guyyaa, workshopiin aadaa kan uumamu yoo ta’u, keessummoonni waa’ee Yolŋu Matha, sirna firummaa, aartii, sirbaa fi kkf hoggantoota olaanoo Yolŋu irraa akka baratan taasisa.
Yeroo aduun lixxu bunggul kan raawwatamu yoo ta’u yidaki (didgeridoo), bilmaa (clapsticks) fi sagalee sirba-namoota Yolŋu waliin ta’a. Gosoonni adda addaa dabareedhaan seenaa isaanii raawwatu.
Garuu Garma ayyaana aadaa caalaa baay'ee akka ta'e yaadachuun barbaachisaadha.
Dhimmoota barbaachisoo Yolŋu fi namoota Indigenous biroo guutuu biyyattii keessatti dhiibbaa geessisan irratti mari’achuu fi falmuuf carraa addaa ni kenna.
Yeroo ayyaanichaa konfiraansii lamatu jira isaanis kan uumaman yoo ta’u, isaanis:
- Waltajjii Ijoo: Konfiraansii imaammataa hoggantoota Indigenous fi Indigenous hin taane mata dureewwan mata duree Garma waggaa kanaa calaqqisiisan irratti mari’achuuf.
- Waltajjii Dargaggootaa: Daa’imman umuriin isaanii waggaa saddeet hanga 18 ta’aniif, manneen barnootaa guutuu biyyattii irraa walitti dhufanii sochiiwwanii fi workshopii adda addaa beekumsa waliif qooduuf kaayyeffatan.Sochiiwwan aadaa fi mariin kun walga’ii addaa aadaa, baruu fi hoggansi itti walitti dhufu taasisu.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au






