Dargaggoonni Australia daangawwan murta'an jalatti hojii kaffaltii qabu qabaachuu danda'u, mirgi waliigala hojjettootaa kan dargaggootaas ni eega. Akka warra ykn guddisee hojjettoota umrii ganna 18 gadiitti wanti isin beekuu qabdan kunoo ti.
Key Points
- Australia keessatti akka biyyaalessaatti umrii xiqqaan hojiif kana jedhamu hin jiru.
- Seerri hojii daa’immanii gosoota hojii hayyamamanii fi sa’aatii hojii irratti daangaa kaa’a.
- Ijoolleen keessan waraqaa kaffaltii(payslip)akka argatanii fi guyyaa hojjetanis galmee akka qabatan mirkaneeffadhaa.
- Yoo ijoolleen bakka hojii ilaalchisee rakkoon jiraate, warri ijoolle dhaabbata hojii haqaa Ombudsman jedhamu ykn gorsa seeraa qunnamuu danda'u.
- Australia keessatti umrii meeqatti dalagaa eegalta?
- Ijoollee sa'a mana barmootaatti dalaga seenuu danda'uu?
- Ijoolleen hojii akkam hojjechuutu dhorkaa dha?
- Ujoollee bahsannansiisa(entertainment ) ykn dhaadessiif qacaramaniif seera akkamtu jira?
- ?Ijoolleen koo kaffaltii xiqqaaf saxilamuu jedhee yaadda'uun qabaa?
- Rakkina bakka hojii akka furatan ijoollee koo akkamittan gargaara
Australia keessatti umrii meeqatti dalaa eegalta?
Umrii meeqatti akka hojii jalqaban kutaan biyyaa fi naannoon hundi seera ofii qaba.
Ijoollee kan keessan seera akkamtu ilaallata kan jedhuuf asi tuqaa ilaala Fair Work Ombudsman’s webpage for young workers.
“Keessattuu umriin kan wal qabate fuula addaa irratti barreeffamee jira( page specifically on minimum working age.)
“Furgaasaa oliii kana tuqxanii umrii hagamitti hojjechuun danda'amaa kan kutaa biyyaa fi naannoo adda addaa ilaaluu dandeessa, " jedhti Anastasia Coroneo.
Isheen abukaattoo turtuu kan Youth Law Australia, ti, dhaabbatichi tajaajila seeraa tola fi iccitaawaa ijoollotaa fi dargaggoota gurguddoof kenna.

Ijoolleen sa'a mna barmootaatti dalagaa seenuu danda'uu?
Australia walii gala keessatti, sa’a hojiin itti hojjetamuu fi guyyaan hojjettoota dargaggootaa daangaa qaba, sababni isaa hojiin barmoota akka hin gufachiifneef.
Walumaagalatti, ijoolleen umriin isaanii dirqama barmootaa irra jiru, yeroo barmoota idileetti guyyaa barmoota oolanii galanii barumtaa isaa yoo barmoota qabaatan, halkan guyyaa mana barmootaatti barihuu sana hojjechuuf qacaramuun dhorkaa dha.
Kutaa biyyaa fi naannoo state or territory education authority for barmoota dirqama ijoolleen umriin barmoota itti baratanii , seera kan bakka jiraattuu ilaali. Barmoota mana irraa baratamu ilaalchisee waanti fudhatamaan jiraachuu mala.
"Warreen manaa baratan, yeroo barmoota idilee irra jiranitti hojjechuu danda'uu fi hin danda'anii warreen seera manaa barachuu raggaasisan ykn kutaa biyyaa kee irratti hundaawa," jedhti aadde Anastasia.
Hojii halka-dhiisifatanii hojjetan ilaalchisees adda tahuu danda'a.
"Fakkeenyaaf ijoolleen isaanii ganna 16 manneen nyaata gurguran keessa, halkan tokko tokko haga ganama barii keessaa sa’a lamaa hojjetu.
"Garuu dhugaa dubbachuuf, NSW keessa ganna 15 irraa kaasee sa’a akkasii hojjechuun dhorkaa dha kan jedhu hin jiru.”
Ijoolleen hojii akkam hojjechuutu dhorkaa dha?
Gosoonni hojii murtaa’oon ijoolleen akka hojjetan hin hayyamamne jiru, garuu kanneen kaan ala tahan jiraachuu danda’u. Kerry Brown,University Dhiha Australia Edith Cowan keessatti Profesera Qacarrii fi Industry kan Dhiha Australia, akka jechuun fakkeenya kenniti.
Ijoolleen hojii salphaa qofa akka hojjetan hayyamamuu qaba, kanaaf fakkeenyaaf indaastirii ijaarsaa keessatti hojjechuu hin danda'an, dhorkaa dha.Professor Kerry Brown
“Akkaataa idileetti hojjettoonni umuriin isaanii waggaa kudha saddeet gadi ta’e, tamboo ykn sigaaraa ykn alkoolii gurguruun dhorkaa dha. Ijoolleen hojii salphaa qofa akka hojjetan hayyamamuu qaba, kanaaf fakkeenyaaf indaastirii ijaarsaa keessatti hojjechuu hin danda’an, " jedhti aadde Kerry.

Ijoolleen bashannanisisa (entertainment) ykn dhaadessiif qacaramaniif seera akkamtu jira?
Taatotni, taphattootni fi moodelonni umrii kam iyyuu qacaramuu danda’u. Garuu hayyama cimaa fi ulaagaalee biro idustrichi gaafatu adda tahan ni jiru.
Professor Kerry , ijoollota bashannana (entatatinment ) irra hojjetaniif, eegumsi fi tiki akka taasifamuuf warri hin beekan jedhti.
"Yoo kan bakka taphaa, movie ykn suuraa kaasuu tahe, warri ijoollee maaltu akka tahuu qacartoota gaafachuuf dandeettii itti qabu, ofiif itti gammadoo tahuus mirkaneeffachuu qabu. Bakka naannawa bohaara ykn bashannansiisaa (entertainment) yoo tahe, tarii warri ijoollee gaaffii irraa of qabuu malu, garuu ijoolleen maal ilaaluuf deemu, maal dhagahu, maalis gochuuf deemu kan jedhu gaafachuuf warri mirga itti qabu.”
Ijoolleen kaffaltii xiqqaaf saaxilamu jedhee yaadda'uun qabaa?
Dardartootni kaffaltii gadi xiqqaaf saaxilamoo dha.
Warri ijoollee ijoolleen isaanii sinaan kaffalamuufii isaa fi haga argachuu qabanii gad akka hin taanee fi award gosa kaffaltii akkami irra akka jiran mirkaneeffachuu qabu.
"Akkasumas , award kun baayyee ifaa fi ifa ta’ee kallattiin miindaa sa’an kafalamu kan ibsu, kanneen akka penalty rate kan jedhan , kan yoo guyyoota sanbattan irra kan hojjetaniif dabala kaffalamu, akkasumas sa’a dabalaa ykn overtime kan hojjetanis dabalatee jechuu dha, " jedha Matthew Raggatt [RAG-ut] Dirikteera Media Fair Work Ombudsman.
Hojii eegaluuf qophii yeroo fudhattanii bakka hojiitti taasiftan akka hojiitti lakkayama.
Yoo hojii kee 10 ganama eegalta tahe, itti gaafatamaan kee of qopheessuu 0945tti hojii seeni yoo jedhan, sa'a dursitee deemte saniif sii kafalamuu qaba.Matthew Raggatt
Sa'atiin hundi sii kaffalamuu, ilaaluu qabda, kan guyyaa shaakala hojiif deemtee dabalatee.
“Yaalii hojii kaffaltii hin qabne qabaachuun yeroo tokko tokko seera qabeessa, garuu kunniin yeroo gabaabaa naannoo sa’aatii tokkoo hanga hojii al tokkootti ta’uu danda’aniif qofa kan hayyamamu dha.”
Dhaabbatni isaan qacare yeroo miindaa kafaluufitti waraqaan ykn electronic payslips dhiheessuu mirkaneeffachuu qabdu.
Ijoolleen keessan ega hojii eegalanii qabanii, galmee guyyaa fi sa’a hojjetanii qabachuun barbaachisaa dha, kan yoo tarii booda rakkoon kaffaltii dhalatee ragaa dhiheessuun barbaachiseef gargaaraa.
"Yoo galmeessitanii hin qabaatin, rakkina kaffalttii ilaalchisee ka'u furuun rakkisaa dha," jedha Methew.
Karaan tokko kan itti fayyadamuu dandessanis karaa Record My Hours’ app. jedhu karaa Fair Work Ombudsoman," jechuun ibsa obbo Mathew.
Walumaa galatti hojjechiistotni(kan guyyaa sooramaa) superannuation for hojjettootaaf kaa'uun barbaachisaa dha, keessattuu hojjettoota ganna 18 oliif. hojjettootni ganna 18 gadii yoo kan torbanitti sa'a 30 hojjetu tahe kan guyyaa sooramaa kaa'amuufii qaba.

Rakkina bakka hojii akka furatan ijoollee koo akkamittin gargaara?
Yoo daa’imni keessan dhimma bakka hojii mudate, ofuma isaaniitiin furuu hin danda’an, Ombudsman Hojii Haqaa bira gahuu dandeessu.
Akka to’ataa bakka hojii biyyaalessaatti seera bakka hojii naannoo kaffaltii fi haala hojii waliigalaa hojiirra oolchuu ni danda’u.
"Hojjechiistota dirqama isaanii guutuu dhabuu isaaniitiin adabamuu dandeenya. Akkasumas amala seeraan alaa sadarkaa olaanaatti yoo ga'e tarkaanfii mana murtiis fudhachuu dandeenya," jedha obbo Mathew.
Dhimmoota bakka hojii Ombudsman Hojii Haqaa furuu hin dandeenye, kan akka bullying fi doorsement dabalatee gorsa seeraa argachuuf yaaduu dandeessa.
Warri akkasumas seerri maal akka jedhu irratti qajeelfama argachuuf Youth Law Australia qunnamuu ni danda’u.
“Warri ijoolleen isaanii mirga isaanii fi itti gaafatamummaa isaanii akka hubatan akka gargaaran jajjabeessina, sana booda dhimma kami iyyuu akkamitti ofuma isaanii akka furan qajeelfama qabatamaa tokko tokko akka kennan ni jajjabeessina,” jechuun Anastasia Coroneo kan Youth Law Australia xumurti.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Email australiaexplained@sbs.com.au






