
Taphi maqaa Oromoo week jedhuun jalqabe kun bifa wal fakkaataan taphi miilaa duraan turu iyyuu yeroo hin beekamneef adda citee tures jedha Amaan Badhaasoo. Bakka dhaabbate irraa kaafnee itti fufuun gaafatama warri nu duraa itti dadhabanii nu biraan gahan kaafnee itti fufuuf gaafatama qabnas jedha. Jamaal itti fufee, bakki qophii akkasii kun bakka hawaasni keenya wal argee , hariiroo qabu itti fufu tahuu irra iyyuu dabree bakka dargaggoo fi shamarran illee wal argan, wal baran akkasumas carraa jireenya egeree itti bu'uureffatan illee taha jechuun, muuxannoo kan ofii isaa tuquun bal'inaan dubbate. Hirmaatnaa shamarraniis raajeffataniiru Amaan fi Jamaal

Walumaa galatti yada lameen Amaan Badhaasoo fi Jamaal Muusaa irraa dubbatameen, nuti biyya jiraatnu keessatti dandeettii fi ga'umsa qabnuun hawaasa keenya deebifnee tajaajiluuf itti gaafatama guddaa qabnas jedhan. Oromoo week jechuun kan eegalle kun itti fufiinsa kan qabuu fi dardara fi hawaasa Oromoo golee Australia keessa jiran mara kan hirmaachisu tahuu yeroo dubbatan Amaanii fi Jamaal saba himaalee Oromo week jedhu irraan isaan qunnamanii dargaggootni tapha irratti akka hirmaatanis dhaamaniiru.







