Gaafatama keenya baanee dhalootatti dabarsina- Amaan Badhaasoo fi Jamaal Muusaa

Hirmaattota Oromo Week- soccer and more

Credit: Berisa Kedir

Oromo week , Kubbaa miilaa, uttaalchoo, fi taphoota adda addaa kan of keessatti qabu ture jedhu Amaan Badhaasoo fi Jamaal Muusaa. Tapha fi qophii guyyaa shaniif turee irratti gargaarsii fi deggersi hawaasa keenyaa keessattuu harmooliin dadhabbii tokkoon malee nu bira dhaabbatan, galata qabu jedhu Jamaal fi Amaan.


Picture 1.jpg
Credit: Berisa Kedir

Taphi maqaa Oromoo week jedhuun jalqabe kun bifa wal fakkaataan taphi miilaa duraan turu iyyuu yeroo hin beekamneef adda citee tures jedha Amaan Badhaasoo. Bakka dhaabbate irraa kaafnee itti fufuun gaafatama warri nu duraa itti dadhabanii nu biraan gahan kaafnee itti fufuuf gaafatama qabnas jedha. Jamaal itti fufee, bakki qophii akkasii kun bakka hawaasni keenya wal argee , hariiroo qabu itti fufu tahuu irra iyyuu dabree bakka dargaggoo fi shamarran illee wal argan, wal baran akkasumas carraa jireenya egeree itti bu'uureffatan illee taha jechuun, muuxannoo kan ofii isaa tuquun bal'inaan dubbate. Hirmaatnaa shamarraniis raajeffataniiru Amaan fi Jamaal

Pciture 2.jpg
Credit: Berisa Kedir

Walumaa galatti yada lameen Amaan Badhaasoo fi Jamaal Muusaa irraa dubbatameen, nuti biyya jiraatnu keessatti dandeettii fi ga'umsa qabnuun hawaasa keenya deebifnee tajaajiluuf itti gaafatama guddaa qabnas jedhan. Oromoo week jechuun kan eegalle kun itti fufiinsa kan qabuu fi dardara fi hawaasa Oromoo golee Australia keessa jiran mara kan hirmaachisu tahuu yeroo dubbatan Amaanii fi Jamaal saba himaalee Oromo week jedhu irraan isaan qunnamanii dargaggootni tapha irratti akka hirmaatanis dhaamaniiru.

Picture 3.jpg
Credit: Berisa Kedir
Picture 4.jpg
Credit: Berisa Kedir

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service