Irreecha Baranaa Qophii xumurreerra- Obbo Olumaa Qubee fi Obbo Daanyee Dafarshaa waliin dubbatne.
Irreechi Afraasaa kun biyyattis tahe biyya alaatii akka addaatti hawaasaan kabajama jedhan obbo Daanyee Dafarshaa. Obbo Olumaanis itti aansuun Irreechi mallattoo tokkummaa Oromoo qofa utuu hin taane kanuma dhala namaa ti jedhan. Irreechatti Magariisa harkatti qabatan, magariis ammoo mallattoo nageenyaa ti uumama hundaaf Waliin jireenya keessatti gahee guddaa qaba jedhan obbo Olumaan. Obbo Daanyeenis Irreechi hammataa dha jedhan, sababni isaas jedhan sabooti Oromoo alaas irratti argamuun aadaa kana waan kabajatanii fi dinqisiifataniif jedhan. Obbo Daanyeen itti dabalanii miidhagina kan jedhamu uffannaa qofa utuu hin taane keessa ofii, yaada ofiis qulleeffatanii, yoo qorramni jiraate walii dhiisanii, faayaa bareedaas uffatanii ayyaana kana irratti wal argu yeroo jedhan obbo Olumaanis miidhaginni keessaa fi alaan jedhan. Keessa namaa yeroo jedhnu , nagaa waliif qabaachuu, araaraa fi gammachuun yeroo tahu irratti dabalaan faayaan aadaa keenyaa miidhagina keenya jechuun nuu ibsan.

Credit: SBS Afaan Oromoo