Irreecha Baranaa Qophii xumurreerra- Obbo Olumaa Qubee fi Obbo Daanyee Dafarshaa waliin dubbatne.
Irreechi Afraasaa kun biyyattis tahe biyya alaatii akka addaatti hawaasaan kabajama jedhan obbo Daanyee Dafarshaa. Obbo Olumaanis itti aansuun Irreechi mallattoo tokkummaa Oromoo qofa utuu hin taane kanuma dhala namaa ti jedhan. Irreechatti Magariisa harkatti qabatan, magariis ammoo mallattoo nageenyaa ti uumama hundaaf Waliin jireenya keessatti gahee guddaa qaba jedhan obbo Olumaan. Obbo Daanyeenis Irreechi hammataa dha jedhan, sababni isaas jedhan sabooti Oromoo alaas irratti argamuun aadaa kana waan kabajatanii fi dinqisiifataniif jedhan. Obbo Daanyeen itti dabalanii miidhagina kan jedhamu uffannaa qofa utuu hin taane keessa ofii, yaada ofiis qulleeffatanii, yoo qorramni jiraate walii dhiisanii, faayaa bareedaas uffatanii ayyaana kana irratti wal argu yeroo jedhan obbo Olumaanis miidhaginni keessaa fi alaan jedhan. Keessa namaa yeroo jedhnu , nagaa waliif qabaachuu, araaraa fi gammachuun yeroo tahu irratti dabalaan faayaan aadaa keenyaa miidhagina keenya jechuun nuu ibsan.

Irreechi mallattoo nagaa fi araaraatis jedhan obbo Daanyee fi obbo Olumaan. Xumuraa irrattis Ayyaanni baranaa Wilson BotanicPark Fulbaana 28 walakkeessa guyyaa irraa jalqabee akka kabajamu ibsanii, dadhabbii hedduun qophii asi gahe kana yoo yeroon irratti argamtan ijoolleen ol adeemoon sirna kabajaa kana ilaaluun irraa baratu jechuun yaada isaanii goolaban. Ijoollee fi dardarri aadaa fi afaan isaanii baraa guddatan, biyya keessa jiraataniifis tahe hawaasa isaaniif bu'a dha.





