Obbo Baarentoo Gadaa Hawaasa keenya Amantii Musliimaa hordofaniif Ramadaana milkii hawwaniiru

obbo Baarentoo Gadaa (3).jpg

Obbo Baarentoo Gadaa Credit: Obbo Baarentoo Gadaa

"Amantoota amantii Musliimaa hordofan biratti Ramadanni jia'a dhufu kana eegala."


Obbo Baarentoo Gadaa
Hawaasa keenya Amantii Musliimaa hordofaniif Ramadaana milkii hawwaniiru. Obbo Baarentoon akka jedhanitti guyyaan Ramadaanaa waggaa waggaan kan jijjiiramuuf, waggaa keessatti ji'iootni guyyaa adda addaa sababa qabaataniif jedhan.

Ji Ramadaanaa kanattis jedhan obbo Baarentoon Rabbi Soomana kanaan nu gahe galateeffachaa, waan qabnuun warra hin qabne gargaaruu waan Rabbi nu irraa jaallatu jedhaniiru. Sooman keessas jedhan obbo Baarentoon yeroo amantootaaf dhaaman, midhaanii fi bishaan qofa irraa kan of qusannu utuu hin taane waan iji keenya ilaalu, qalbiin keenya yaaduu fi hojjetnu ilaallachuu qabnas jedhan.

Obbo Baarentoo Gadaa, goolaba dubbii isaanii irratti nagaan xumurama Ramadaan bara kanaaaf hawwii qaban ibsanii, Ramadaana kana keessa ummata Oromoo, maatii keenya rakkina keessa jiraniif kadhachuu fi gargaaruutu nu irraa eegama yeroo jedhan, yeroo rakkinootni adda addaa ummata Oromoo irraa dhaabbatus akka tahu hawwuun hasawa isaanii xumuran obbo Baarentoon.

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service