Tuqaalee Ijoo
- Irreechi Ayyaana guddaa Oromoon qabu keessaa isa tokko
- Irreecha kan kabaju Oromoo qofa utuu hin taane abbummaan hunda hirmaachisa
- Ijoollee biyya kanatti dhalatan Afaan aadaa fi duudhaa barsiisuu
- Irreechi nagaa, jaalalaa fi tokkummaa dha

Obbo Daanyee Dafarshaa warreen Irreecha kana milkeessuu fi yaada, humnaa fi qarshii isaanii gumaachan hunda galateeffatee, aadaa keenya bareechachuu , guddifachuu itti haa fufnus jedheera.



















