Koree Ayyaana Irreechaa kan Melbourne keessaa tokko kan jedhan obbo Daanyee Dafarshaa, Irreechi waggaatti si'a lama kabajamuus nuu himeera. Irreecha Birraa fi Irreecha Afraasaa jechuun maqaan adda haa bahu malee Irreechi tokko yeroo jedhu obbo Daanyeen akka akka yeroo itti kabajamaniitti maqaa adda addaa qabaatanis jedhe.
Irreechi Afraasaa, yeroo gannaa midhaan lafa bu'e biqiluun itti eegamu, Kan qonneen nu geessisi jedhanii yeroo itti uumaa kadhatanis jedhe obbo Daanyeen. Irreechi Birraa, midhaan asheetee fi bilchaatee alaa yeroo itti galu , ganni dabree bonni yeroo ifu galata yeroo itti jedhamudhas jedhe. " Irreecha sadarkaa har'aan gahuufis namoota hedduutu qaamaa fi lubbuu itti dhabes", jedhe obbo Daanyee Dafarshaa. Irreechi nagaa fi tokkummaa kan of keessaa qabu aadaa Oromoos gad-fageenyaan kan of keessaatti hammate dha jechuun, kabajatnaa ayyaan Irreechaa Dilbata asi adeemuu taasifamu irratti hawaasni Oromoo hirmaatee akka bareechatu jechchuun yaada isaa xumure.