Guyyaa Oromtittii- Obbo Alamaayyoo Qubee dubbifne

photo 1 1.jpg

Credit: Eliyas Gudisa

Hawaasni Oromoo magaalaa Melbourne Waggaa waggaan guyyaa Oromtittii kan kabajuu eegale, oolmaa fi gahee dubartootni hawaasa isaanii keessatti qabaniif beekamtii fi kabaja kennuuf tahuu keessummaan dubbifne nuu himan.


Tuqaalee Ijoo
  • Guyyaan Oromtittii Melbourne keessatti bara dabree kabajamuu eegale
  • Hirmattotni Guyyaa Oromtittii guutummaa hawaasa tahuu
  • Guyyaan Sanbata Xiqqaa ammaa tana tahuu
Obbo Alamaayyoo qubee dura taha hawaasa Oromoo Melbourne. Ykn OCM jedhamuun beekamu isaan hogganani dha. Har’a qophii addaatiin dhimma guyyaa Oromtittii bara kana kabajamuuf deemu ilaalchisee isaan dubbifneerra. Guyyaan Oromtittii guyyaa haadha, obboleettii fi haadha warraa ofii ittiin kabajnuu fi ittiin yaadannu dha. Aadaan kun durumaan hawaasicha keessa haa jiraatu iyyuu malee ammaillee caalaatti akka kabajamu gaaffii hawaasaatis jedhan obbo Alamaayyoon.

Qophiin kun bara dabre jalaqabames jedhu obbo Alamaayyoon, kan baranaa kan adda godhu, hawaasni itti amanee bara dabre waan karoorfateef addatti kabajata jedhnee amannas jedhan.

Obbo Alamaayyoo qubee dura tahan Hawaasa Oromo Melbourne, Xumura haasaa isaanii irratti Guyyaan Oromtittii kan waloo waan taheef, hawaasni hirmaachuun waliin aka bareechuu yeroo dhaaman, bakki itti kabajamus bakkuma bara dabree tahuu eeraniiru.
 

 

 

 


Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service
Guyyaa Oromtittii- Obbo Alamaayyoo Qubee dubbifne | SBS Oromo