

Ji'i Bitootessaa ji’a seena qabeessa. Guyyaan siiqqee ykn guyyaan Oromtittii addatti ji’a itti kabajamuu jalqabe dha. Sirna Gadaa Oromoo keessatti dubartootni yaadni isaan gumaachan iddoo guddaa qaba. Maree eegalan, yaada dubartootni eeraniin goolabu turan.
Qophiin ji’a kana guyyaa Siqqee ykn guyyaa Oromtittii jedhuun kabajame hirmaatnaa warra abbaa manaa, obboleessa fi akkasumas ijoollee dhiiraa dabalatee hawaasa bal’aa hirmaachise.
Dubartiin ifa mana ti, dubartiin haadha, obboleettii dha, haadha manaa dha. Guyyaan addaa umamuun kun dhugumatti jalqaba gaarii fi haala isa jalqabaa irra caaluun itti fufuu qaba jedhu warri yaada kennan. Yaada fudhanne keessaa haga tokko olitti caqastu.





