Geejjiba ummataa Australia keessaa : tokko tokkoon ilaalla- Australia Explained

Smiling young woman waits for bus on busy street in Sydney, enjoying time outdoors with friends

Public transport in Australia is used by people, of all ages, abilities and cultural backgrounds. Credit: South_agency/Getty Images

Akkuma biyyoota baayyee, geejibni ummataa Australia kan gatii salphaan bakka kahaniif itti gahan. Kanneen akka traamaa, busa, train, fi tajaajila biduruu dabalatee jechuu dha. Kutaan biyyaa fi naannoo mata mataatti sirna geejjibaa ofii qabu.Haa tahu malee, Akkaataa sirnii geejjiba ummataa Australia itti hojjetu baruuf wanneen bu'uura tahan beekuun akka inni itti hojjetuu fi maaltu akka eegamu beekuu gaafata.


Tuqaalee Ijoo
  • Kutaan biyyaa hundinuu neetworkii geejjibaa uummataa mataa isaa kan hojjetu waan ta'eef seeraa fi safartuun garaagarummaa qaba
  • Magaalota gurguddoo hunda keessatti smart care dursee kaffalamu kan argamu yoo ta’u, filannoowwan kaffaltii daldala kaardii baankii utuu hin tuqine kafalamu dabalatee ta’uu danda’u
  • Nageenyii fi tikeeta sirrii qabaachuun hojjettootaan to’atama akkasumas kameeraan CCTV network geejjibaa hun irra jira.

Australiyaanotni baayyeen konkolaataan hojii deemu.

Bara 1976 jalqabee Statsiksiin Burequ Australia Gaaffilee lakkoofsa ummataa biyyaalessaa irratti gaaffii kana gaafataa jira.

Professor John Nelson University Sydney Gaggeessaa geejjiba ummataa kan geejjibaaf qorannoo logistics ti.

Magaalonni gurguddoon irra caalaan isaanii fi magaalonni xixiqqaan hedduun tikeketa fi akkaataa kaffaltii ammayya’aa qabu jedha.

“Sababni isaa yeroo Sydney irraa baatee deemtu illee mana wal irraa faffagaatee jiru agarta."

Garuu magaalota baay’inaan jiraataniifi magaalota gurguddoo keessatti geejjibni ummataa karaa hedduudhaan saffisaa, gatii salphaa fi fayyadamtoota tokko tokkoof illee barbaachisaa dha.

GettyImages-90421860.jpg
Compared to car ownership, including fuel and maintenance costs, public transport is the most affordable way to commute in Australia’s metropolitan cities. Credit: Getty/Scott E Barbour

Kutaan biyyaa ykn naannoon kam iyyuu neetworkii geejjibaa mataa isaa kan qabu yoo ta’u, magaalonni gurguddoon fi magaalonni sirna tikkeettii smart card kaffaltii maallaqa malee kaffaluuf hojjetu.

Kaardii dursa itti kaffalamee kutaa biyyaa fi magaalaa gurguddaatti fayyadu kun ti:

smart card akkamiin fayyadama?

Smart card walumaaglatti itti gargaaramuun slaphaa dha jedha Prof Nelson..

Garuu tarii yoo itti fayyadamtee hin beektu tahe, want hubachuu qabdu kunoo.

““Kaardii geejjibaa kun ammuma credit card gaha akkasumas dursitee kan maallaqa itti guuttachuu dandeessu dha, geejjibaaf itti fayyadamta, tarii bus, train, tram ykn bidiruu ta’uu danda’a.”

Akki itti fayyadaman , maqumasatu ibsa.

“Tap on and tap off. kan jedhu. yeroo tokko tokko balballi daangaa geejjibaa itti ol seentu kan gate ykn barrier jedhnu tarii kaardii kee tuqsiisu qabdu jira. yoo kun tahe, bakki itti kaffaltu acchuma jira, " jedham,” Prof Nelson yeroo ibsu.

GettyImages-2186565614.jpg
To avoid a ‘card clash’ keep your public transport smart card separate from your bank card, ensuring you don’t get charged twice when tapping on the card reader. Credit: Getty/Yanran Li

.

Smart Card kun faayidaan isaa concession , gargaarsa dargaggootaa, sooramaa akkasumas guyyaa ayyaanaa fi torbee sanbataa irra gatii gadi buusa.

Eessa akka imaltu irratti hundaawee tikeeta keef qarshii kaffaluu dandeessa taha. Fakkeenyaaf, Dhiha Australia keessatti qarshiin amma bitachuu dandeessa.

Garuu kaardii bankii keetiin geejjiba ummataaf kafaluun Australia waliigala keessatti beekamaa ta'eera.

“Ammatti, kutaa biyyaa fi magaalotni hundi fayyadama kana hin qaban,” jedha Howard Collins, Qindeessaan waliigarlaa kan geejjiba NSW

" Garuu NSW fakkeenyaaf dhibbatnaatti harki 60 baasiin hundi kaardii baankii ofii irraa ti."

" Haguma namootni baayyeen kaardii baankk fi credit kaardii isaanii fayyaaman, yeroo tokko tokko sa’a harkatti kaayyatan , yeroo kaan ammoo bilbila isaanii fayyadamu.”

Anga’oonn geejjibaa kun yeroo kaardii kee taabaran ykn scan tolchan, odeeffatnoo tikeeta kee qofa argu jedha obbo Collins.

"Kanaafuu waa’ee odeeffatnoo credit card keessan, ykn teessoo keessan achi irra jiru, ykn card bankii keessanii yaadda’uu hin qabdan. ”

GettyImages-1360154406.jpg
Public transport offences include not acceptable behaviours when commuting, like putting your feet on the seat. Credit: Getty/zetter

Aanga'oonni nageenyaa fi tikeeta ni ilaalu , geejjibaa keessaa fi buufataalee geejjibaa irratti kaameraa CCTV kaa'amee jira.

Namoonni yaaddoo nageenyaa yoo itti dhagahame ofitti amanamummaan hojjiettootatti dhihaatanii haasa’u dha jedhti , Aadde Charlotte Hayes.

Ishiin dirkteerri waliin dubbatnnaa Geejjibaa Uummataa Dhiha Australia ti.

“Warreen nageenya eegan si gargaaruuf asi jiru."

“yoo isaan amala farra hawaasummaa argan ykn isaanuti amala badaatti saaxilaman deemtee qondaala tikaa ykn security officer himuu dandeessa, " jedhti aade Hayes.

Geejjiba ummata irra utuu hin kafalin ykn tikeeta sirrii hin qabaatin deemuun yakkatti nama adabsiisa, amaloota farra hawaasummaa dabalatee.

Fakkeenya Australia walii galatti hojii irra oolu:

  • Tikeeta sirnaa malee imaluu ykn  
  • Concession sirnaawaa utuu hin qabaatin iimaluu  
  • Tamboo aarsuu fi allcohol dhuguu   
  • Miila/luka kee barcuma irra naqachuu 

Kan yoo adaba sitti ergamee, tarii garmalee adabmuu amante, gorsitoota seeraa(legal advice) barbaaddadhu, ykn karaa aanga’oota geejiba ummataa falmadhu.

"Gareen sarbama seeraa keenya ilaalu ni jira. Maarsariitii keenya irra deemuun ilaaluu qofa, " jedhti aadde Hayes yeroo ibsitu.

" Waraqaa adabaa keessan iddoo tokko buuftanii hin dagatinaa".

"Because those fines can escalate and […] it impacts your credit, your ability to get a driver's licence and other serious things.”

" Sababni isaa adabbiin kun ol guddatee crediti fi ehama konkolaataa argachuu irratti dhiibbaa guddaa fiduu danda'a.

Yeroo geejjiba ummataa Australia keessaa fayyadaman :Sirna woloo fi waan nama irraa eegamu

  • Konkolaachistoota jeequu dhiisuu
  • Teessuma kee akka barbaachisummaa isaatti namaa hiluu
  • Utuu geejjiba keessa ol hin seenin warri keessaa akka bahan obsiif.
  • Keeping bags off seats  Boorsaa kee teessuma irraa kaasi
  • Nyaata foolii cimaa qabu nyaachuu of qusadhu geejjiba irratti

Fyyadamtootni hunduu muuziqaa sagalee xiqqeessuu fi haasawaas gadi qabuutu irraa eegama.

Bakka nama waliin qooddachuu jechuun wacas waliin qooddachuu tahuu yaadadhaa jedhti,aadde Hayes.

“Naamsa xiqqoo illee taatu yoo jiraatte sirna geejjiba ummataa kana kan hundaa taasisa."

Jalqaba, yeroo hunda iyyuu kutaan geejjiba irra jirruu sun kan waca hin hayyamne tahuu fi dhiisuu adda baafadhaa.

"kana jechuun Sagalee ol kaasanii haasa’uun hin hayyamamu jechuu dha, kuns bibila haasa’’un dhorkaa dha jechuu dha."

"Geejjibni callisaan baayyee kabajamaa dha, kanaaf namni ati hin beekne tokko ka’ee sitti adeemee haasa’uu dhaabdaa? Yoo siin jedhan, raajeffachuu hin qabdu. Sababni isaa bus callisa keessa jirta waan ta’eef.”

Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au 


Share

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Watch now