Tuqaalee Ijoo
- Abbootiin qabeenyaa daldala manaa irra caalaan isaanii akka daldaltoota kophaatti kan galmaa’an yoo ta’u, caasaan dhaabbataa—qaala’aa ta’us—daldala balaa guddaa qabaniif caalaatti mijachuu danda’a.
- Hayyama barbaachisu kam iyyuu gumii naannoo keessanii gaafadhaa, yoo kireeffattan ammoo dursitanii hayyama abbaa qabeenyaa keessanii argachuu keessan mirkaneessaa.
- Daldalli kam iyyuu daa’imman ykn nyaata kan ilaallatu ulaagaalee hayyama dabalataa fi dambiiwwan nageenyaa ciccimoo ta’an ni qabaata.
Daldala mana keessaa geggeessuun faayidaa hedduu qaba-kan akka jijjiirama fi baasii waliigalaa gadi bu'aafaa.
Garuu daldala mana irraas tahe, bakkee daldalaa irraa ykn iddoo fedhee iyyuu yoo tahe, daldalichi seera biyyaa hordofuu qabaa - kaan isaanii daldala guddaa tahuu malu ykn waanuma tokko irratti kan hundaawe tahuu malu.
"Waajjira Gibiraa Ausralia (ATO) irraa Gargaatuun Komishinara Angela Allen garaagarummaa daldalaa jiru yeroo ibsitu daldala mana keessaa jechuun iddoo beekamaa tokko kenniteef iddicha daldalaaf kan oolu tahuu isaa ti jedhti.
"Fakkeenyi gaariin daldala mana keessaa kanneen akka hojii miidhagina rifeensaa manatti hojjechuufaa dha."
Yoo waanti ati hojjechaa jirtu daldalatti ilaalamuu isaa shakkitee fi gibira itti hojjechiisuu si barbaachisaa isaa, maarsariitii ATO irraa ilaaluu dandeessa.
Dirqama gibiraa fi galmee
Hojiin daldalaa kee maaluu haa tahuu dirqama gibiraa fi galmee of keessaa qaba.
Egaa dalda mana irraa iyyuu tahu jalqabuuf, Lakkoofsa Gibira Filaa(TFN) akkasumas Lakkoofsa Daldalaa Australia (ABN)isin barbaachisa. Lachuu tola sarara interneetaa irratti argama.
"Daldalli keessan maallaqa hagam akka isin argachiisuu fi guddina daldala keessanii irratti hundaawee, akkasumas hojjetaa qabadu yoo tahe, tarii dirqamni biraa Waajjirri Gibira Australia akka isin Gibira Mi’aa fi Tajaajilaaf (Goods and services Tax(GST)f galmooftan isin jajjabeessa. Akkasumas Pay as you go fi fringe benefits tax kan jedhuttis galmaa’uu qabdu, jedhti aadde Allen. “

GST applies to all ride-sharing and taxi businesses from home. Credit: gahsoon/Getty Images
Hundeessaan Sprintlaw- kan maarsariitii irratti tajaajila seeraa abbootii qabeenyaa daldala xixiqqaa tahe, Alex Solo, caasaan baayyee beekamaan namoota dhuunfaa daldala mana keessatti jalqabaniif, daldala warshaa utuu hin taane daldala abbaa qabeenyummaa, ykn daldala dhuunfaa jedhama jedha.
"Australia keessatti daldalli nam- tokkoon oofuun gatii salphaa fi saffisaa dha, masariitii irrattis ofii keef hojjechuu dnadeessa."
“Karaa biraa dhaabbatni tokko daldala hundeessuuf yoo xiqqaate waggaatti doolaara 600 gaafata. Kaffaltti itti fufa qabu fi dirqamni gibira dabalaa ni jira.
Garuu balaa mudatuu maluuf eegums guddaan ni tahaaf. balaa mudatuu maluuf eegums guddaa waan taasisuuf.
"Daldala keessatti wanti tokko yoo uumame, dhuguma jireenya dhuunfaa kee hin miidhu, qabeenya mana kee irraa adda , dhaabbatichatti hidhata waan taheef. Kanaaf yaada irra wayyaa dha."
Hayyama kennuu
Daldalli mana keessaa tarii ehama mootummaa barbaada taha, kan mootummaa federaalaa, kutaa biyyaa ykn sadarkaa mootummaa naannootti barbaaduu mala.
Namootni tarii daldaloota tokko tokkof ehama gumii naannoo akka barbaachisu hin hubatan.Alex Solo
Kun ammoo kanneen akka ogeessota fayyummaa, leenjiisaa dhuunfaa, miidhaginaa fi tajaajila fedhe mana keessatti geggeessitu dabalata.

Your home business may require government approvals. Credit: Edwin Tan/Getty Images
Nyaataa fi qopheessama nyaataa
Seera nageenya nyaataa ilaalchisee daldalli nyaatatti-hidhate mootummaa naannotti utuu hin taane, garuu gumii naannoo ilaallata.
"Andrew Davies Hojii Gaggeessaa Itti Aanaa Abbaa Taayitaa Nyaataa NSW ti. Daldalli nyaataa baayyeen manaa hojjetamuu danda’u, garuu kun ehama gumii naannoo irratti hundaawa kanaaf gorsa jalqabaa isaan gaafachuu qabu jedha.
"Nageenya nyaataa ilaalchisee Australia keessatti bakka kamitti iyyuu yoo ta’e, fi mana keessa jiraattus ta’uu jiraachuu baattus, akka abbaa daldala nyaataa tokkootti seera Sadarkaa Nyaataa(Food Standards code) eeguu qabda, " jedha obbo Davies.
" odeeffatnoo wanneen si irraa eegaman kan akka nyaata fudhachuu, kaa'uu, hojjechuu, gabaaf dhiheessuu, akka itti xaxan, geejjibsiisan fi gatan illee of keessaa qabu irraa argatta."

Home-based food businesses include food trucks, caterers, bed and breakfast accommodation and preparing food for retail sale at markets or school canteens. Credit: Alex Liew/Getty Images
Daa''imman reef mana barumsaa hin eegalin manatti eeguu
Barsiisonni daa’imman reef mana barumsaa hin eegalinii mana taa’anii hojjechuu danda’u, fakkeenya tajaajila kunuunsa Maatii (Family day care) jalatti jechuu dha. Inni kun walakkaan maallaqaa mootummaa Awustraaliyaatiin gargaarama.
Akkaataa idileetti, barsiisaan kunuunsa maatii daldalaa dhuunfaa galmaa’ee tajaajila kennuu, kan Tajaajila-dhiheessii ehama qabu jalatti waliigalteen hojjetu dha.
Andrew Paterson, itti gaafatamaan Kununsa Maatii Australia haal-duree ijoo tahan damee kanaaf barbaachisan ibsa:-
- Barnootaa fi kunuunsa daa’immanii jalqabaa irratti gahumsa ragaa barnoota sadarkaa 3fa ykn (Certificate III)
- Kanneen akka waraqaa daa’imman waliin hojjechuu(WWC),
- Beekumsa gargaarsa duraa(first aid) fi ulaagaalee gahumsa nageenyaa(safety qulaifications) kanneen kana qabaachuu qabda.
Tajaajill Kununsa Maatii seera biyyaalessaa jalatti kan hojjetu yoo ta’u, Australia mara keessatti sadarkaa Qulqullina Biyyaalessaa mootummaa federaalaatiin kan madaalamanii tahuu ibsa ," obbo Paterson.
Garuu barsiisiisonnis gumii naannoo irraa ehama argachuu akka qabanii fi haalli itti gaafatanii fi argatanis garaa garummaa qabaachuu ibsa.
Takkaa Tajaajila Kununsa Maatiif bakka sirnaawaati yoo galmoofte, kanneen akka ehama mootummaa naannoo dabalatee wanti hundi sirnaan seera eegee hojjetamaa jiraachuu si gargaaru si deggerus.Andrew Paterson
Walumaa gala dirqama daldalli tokko qabu hoii irra ni oola jechuun waa'ee seera galmee gibiraa fi insuraansii gahaa qabaachuu ilaalchisee gad jabeessee dubbata, obbo Paterson.
"Tajaajilli Kununsa Maatee taa'anii ijoollee eeguu ykn tiksuu miti.
"Ijoollee reef barmoota hin eegalin eegaa jiraachuu keef ogummaa kanaaf gahaa tahe qabaattee gara oolmaa kununsa maatii dhufuu danda’uu akka qabdu hubachuun baayyee barbaachisaa dha, garuu ammoo daldala keetis. Akkasumas naannoo qajeelfama olaanaa qabu, ogummaa olaanaa qabu keessatti hojjechaa jirta.”

If your home-based business involves collecting health information from your clients, make sure you comply with privacy laws. Credit: Frazao Studio Latino/Getty Images
Utuu hin eegalin deggersa gaafadhu
Daldalichatti haarawa yoo taate, gorsa ogeessaa itti gaafachuun yaada dansa.
Daldala xixiqqaa kan ejensii mootummaa Kutaa biyyaa kee ykn naannoo kee jiran irraa gorsa gaafachuun, gargaarsa akkamtu ykn tajaajila karaa mootummaa gati gadi sii buusu jiraachuu hubadhu.
Dhaabbata Misooma Daldala Xiqqaa kan Dhiha Australia keessaaf garsaa ol’aanaa daldalaa kan tahe Chris O’Hare, namoota daldala haaraa jalqaban akka hundee irraa beekumsa qabaa maallaqaa fi dhimma seeraa ilaalchisee akka baratan jajjabeessa.
"Sababni isaa , xumura irratti ogeessi seeraa ykn ogeessa herregaa bira yoo deemte iyyuu waa tokko si gorsu. Garuu akka abbaa daldala dhuunfaatti, murtiin kan kee ti."
Namootni baayyeen dandeettii isaanii hojii irra oolfachuuf daldala jalqabuuf tattaafatu, garuu dhimma maallaqaa beekuun filannoo uttuu hin taane waajiba, jedha obbo O'Hare.
"Waa'ee qarshii dubbachuun namoota baayyeef qaanii dha. Garuu yoo qarshii dhabde fi daldala kee cufte, nama meeqa gargaaruu dandeessa?
Akkasumas daldala mana keessaa hundeessaa jirta, sanuu kiraa keessa teessee, abbaa qabeenyaa manaa illee ehama gaafachuu dagachuu hin qabdu.
"Sababni isaa tarii akka keessatti daldaltu siif hayyamuu diduu danda''u.
"Mee yaadi gammachuun daldala dhuunfaa jalqabattanii isinii jiru abbaan qabeenyaa kiraa manaa keessaa yoo sababa walii galtee cabsitaniif isin baase, kun muuxannoo baayyee suukanneessaa dha."
- For tax time essentials and learning resources to support your home-based business, visit the ATO’s ‘Essentials to strengthen your small business’
- For business advice and assistance in your state or territory visit the government websites listed below:
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au.