Yeroo ammaa hawaasni keenya amantii Islaamaa hordofan soomana irra jiran.Shek Abdurahman Mohammed , Magaalaa Melbourne Australia keessaa kanneen Oromiyaa jiran dabalatee Ramadana nagaa fi fayyaan hawwa jedhan.
Shek Abdurahman Mohammed- Dhaamsa Ramadaanaa dabarsan keessatti afaan Rabbi nuu kenneen amantii keenya barsiisuu ummata keenya hamaa irraa dhorkuun dirqama keenya jedhan.
Ramadaana jechuun jedhan Shek Abdurahman yeroo namni waan qabu isa hin qabneef itti qoodu, yeroo ijaa fi gurra isaa waan gaarii irratti bobbaasu jedhan. Soomana jechuun kana kan jedhan ,, Shek Abdurahman waan hedduu badaa tahe irraa kan of qaban jedhan.
Guutummaa dhaamsa Shek Abdurahman olitti caqastu.






