Key Points
- Hay fever (seasonal allergic rhinitis) kan uumamu sirni ittisa qaamaa daraaraatti keessumaa kan marga irraa dhufuutti rifatuun funyaanii fi iji nama hooksisuu dha.
- Asmaan kan namatti ka'u yeroo daraaraa irraa wantootni gad dhiifaman gara sombaa seenan, qufaasisuu, qoma keessaa siissuu fi hafuura baafachuu dadhadhabsiisu dha.
- Lammiileen Australia harka afur keessaa tokko hay fever kan jedhamu qabu, kan asmaan jiraatu ammoo harka dhibba keessaa harka kudhan- kun alarjiin ujummoo hafuuraa alarjii beekamaa sabichaa taasisee jira.
- Ogeeyyiin fayyaa fi ogeeyyiin qorichaa mallattoolee dhukkuba kanaa salphisuu fi ittisuuf wal’aansaa fi qoricha irratti gorsa kennuu danda’u.
- Alarjiin qilleensa waliin ka'u maal?
- Hay Fever fi asmaan mallottaan beekaman qaban maal?
- Allergy qilleensa waliin dhufu akkamiin to'atta?
- Immunotherapy jechuun maal?
- Hay fever and asthma ilaalchisee tajaajilli qorsaa jiran maalfaa dha?
- Qilleensi allergy fiduu danda'aa?
- Allergy qilleensaan dhufu to'achuuf akkamiin karooraan of qopheessita?
Birraan yeroo dhufu, margi, mukti fi biqiltoowwan daraaraa isaanii irraa qilleensa keessa gad dhiisu. namootni daraaraatti qaamni isaanii dafee rifatu ittisni qaama isaanii hubamee hay fever fi asmaan qabamu.
National Allergy Cnetre of Excellence bakka jedhamutti Gargaartuun Profeesoraa akkasumas dura teessuu dhimma haffuura baafann fi ogeessa ujummoo afuuraa fi allergy kan taate Joy Lee haala kana caalaatti ibsiti.
"Daraaraan marga irraa kaú sababa allergy isa guddaa dha, hay fever, fi Asmaa allergy qilleensaan uumame jedhamuunis beekama. Kanaaf Australia keessatti allerjiin ujummoo hafuuraa dhibee allergy beekamoo tahuun beekama. Ummata Australia harka afur keessaa tokko hay feveriidhaan kan qabatan yeroo tahu garri dhibbantaatti harki kudhan, kan akka milioona sadiitti dhihaatua Asmaa qabaachuun himama. Akkasumas lachuu iyyuu si’a tokkotti nama qabuu danda’u, kanaaf namni tokko yoo tokkoon isaa qabaate carraan kaaniin qabamuu guddaa dha jechuu dha.’’
Australia keessatti Ryegrass kan jedhamu, kan daraaraa qamadii ykn gabruu fakkaatu allegy funyaan nama hooyissiu ykn hay fever fiduuf sababa guddaa dha, keessattuu Victoria naanawaa kibba bahaa fi New South Wales akkasumas Magagaalaa guddittii Australia keessatti, daraaraan gara Fulbaanaa haga Amajjii deemee gara Sadaasa keessa ol ka'a.
"Australia kutaa kaan keessatti, kanneen akka Queensland fakkeenyaaf, yeroon itti daraaraa qilleensa ka'u gara bonaa Guraandhalaa fi Bitootessa keessa, '''jedhti Prof Lee.

Dr Duncan Mackinnon, Micaela Diaz, Professor Joy Lee.
Hay fever beekamaan:
- Axxissoo fi funyaan roobuu
- Iji bishaan yaasuu fi hooksisuu
- Funyaan cufamuu fi mataa bowwuu
- lallaafuu
Yoo wanneen daraaraa irraa ka'an somba seenan, mallottoo asmaatu uumama.
- Walitti fufiinsaan qufa'uu
- Qoma keessaa nama siissuu
- Hafuura kutaa
- Qoma goggossee qabuu
Jiraattuun Brisbane Micaela Diaz dhiibbaa inni qabu ibsiti:
“Mallattoon isaas baayyee yeroo dheeraa kan nama irra turu dha. Dhugumatti mana keessatti kan na hidhee fi gogaa na hooksisuu irra qabee haga na axxiffachiisuu, qufaasisuu fi funyaan na cufamu, iji na hokksisuu fi bishaan naqachuu waanuma baayyee, bifuma jijjiiree waan fakkaattu of si wallalchisa si tokko tokko.''

A mother and son are sitting together in a living room. She is helping him take his puffer because he suffers from asthma. Credit: FatCamera/Getty Images
Namoota baayyeef alarjiin yeroo birraa yaaddessaa dha. Garuu itti qophaa'uun mallattoo isaa to'achuun ni danda'ama.
Micaela tooftaa ittiin to'atan qooddi : " yeroo qilleensichi fuula as gargalfatu, qorsa sirrii manaa qabaachuu koon mirkaneeffadha, yeroon fudhachuu koo fi haalichi yoo na mudate of irraa ittisuuf of qopheessa. Yeroo akkam akkan foddaa manaa banuu fi kara kami irraanis akka tahe, ykn yeroon uccuu miicus ala hafuu irra meeshaa ittiin gogsaniin gossuun filadha. Kara kamiinuu eeggannoo gochuun carraa hamaa akkasii of irraa xiqqeessuun namuu yaaduu qaba. ‘’
Hay fever fi asmaa ilaalchisee tajaajilli qorsaa maalfaa dha?
Dr Duncan Mackinnon Ogeessa Fayyaa(GP) baadiyyaa New South Wales hojjeta. Birraa fi ji’a bonaa maammiloota kilinika koo dhufan harka afur keessaa tokko dhibee tubboo qilleensaa kanneen akka hay fever fi Asmaa allergy irraa madduu himatu jedha.
"Baayyeen qorsa kanaa ogeessa fayyaa bira utuu hin deemin pharmacy irraa bitachuu akka danda’an yoo barsiifaman gaarii dha. Wanti barbaachisaan namootni akkaataa itti dhibee isaanii to'atan barsiisuu dha."
Dr Mackinnon filannoo tajaajilaa jiran tarreessa, kanneenis:
- Farra alarjii (kinina ykn cobsaa) yeroof dafee kan nama dhiisisu.
- Funyaan cuqqaalame kan banu (yeroo gabaabduu fayyada)
- Asmaadhaaf venolin
- Ittisaaf corticosteroids (funyaanitti cosbsan ykn ulatan) inflammation xiqqeessuu - utuu hin cimin jalqabuun dansa.
Hagam mallattoon isaa hamaa akka tahe irratti hundaawee alarjiidhaaf qorannoo fi tajaajilli adda
“Ogeessa fayyaa addaa arguuf yaaliin kee itti dabruu danda’a , kanneen ogeessota allergy qoratan(allergist) , ogeessita sirna ittisa qaamaa(immunologist) bakka qorannoo fayyaa adda tahe itti gaggeeffamuu danda’u, fakkeenyaaf akka qorannoo qogaa ofii, akkasumas allergy addaatti qaamni namaa itti rifatu kaanis ni ilaala. Kanneen akka immunotherapy ni kennina,” jedhti Professor Lee.
Immunotherapy jechuun maal?
Immunotherapy jechuun tajaajila wanta alarjii rakkina sitti uumaa jiru sana doozii xiqqaan siif kennama, kunis akka sirni ittisa qaamaa(immune system) kee akka wal baruuf.
Professor Lee akkasiin ibsiti: “Sanis namootaaf yaaliif akkasumas sirni ittisa qaamaa ykn mmune system tajajilichatti rifachuu caalaa akka wal baruuf doozii xiqqaadhaan kennina, kun qaamaan wal barsiisuu jedhama.”

Close-up of a car windshield covered in pollen and flower petals - the accumulation of allergens during the spring season. Source: iStockphoto / Manuel Milan/Getty Images
Qilleensi allergy ni fida?
Eeyyee— Daraaraa irraa kan ka'u guyyaa guyyaatti ni jijjiirama, qilleensis gahee qaba. Haala qilleensaa maarsariitii irraan ilaaluu ykn mobile app tolfattanii hordofuu dandeessu. Akki itti hamminni isaa himamus xiqqaa, giddu galeessa, hamaa fi irra hamaa jedhamuuni.
Bubbee cimaan allergy hammeessuu dandaa, ashmaa bubbeen dhufes taasisa.
Dr Mackinnon yeroo akeekkachiisu: “Yeroo qilleesaa dansa miti—ho'a ukkaamamaa, ho''a, fi qilleensa. wanneen daraaraa irraa ka'an heddumminaan qilleensa keessa gad dhiifama. namoota salphaatti hubamuu malaniif baayyee hamaa dha.”
Guyyaa daraaraan ka'uu fi bubbee irratti , Dr Mackinnon akksiin gorsa:
- Foddaa fi balbala cufaa kaa'aa
- Ala bahuu irraa of qusadhaa
- Yoo gad baatan of-ilaalee ijaa fi haguugdoo fuulaa fayyadamaa
Of qupheessuun ijoo dha, jechuun gorsiti Professor Lee: “Yeroo qilleensa akkasiitti dhukkubsachuun kee waan beekamaa yoo tahe, Ogessa Fayyaa(GP) kee waliin haasa'uun dansa, akka dursitee karoorfattutti.”
Karoorri to''annaa akka itti aanu kana:
- Qorsa ittisaa dafanii jalqabuu
- Qorsa fooyyessu ofitti dhiheenyaa qabaachuu
- Haala qilleensaa guyyuu hordofuu
Hagam iyyuu dhibee kanaan rakkattu, Micaela waan gaarii gorsit:
“'Nuffisiisaa dha… garuu homaa miti —kophaa kee miti. To'achuu ni dandeess, keessa dabruus ni dandeessa. Garuu tooftaa, tajaajila ykn qorsa kamtu akka siif dalagu beekuun yeroo fudhata. ”
Helpful resources for allergy sufferers
- AusPollen – The Australian Pollen Allergen Partnership
- Pollen Forecast – Australian Aeroallergen Network
- Melbourne Pollen Count
- Sydney Pollen Count
- Darwin Pollen Count
- Perth Pollen Count
- National Allergy Centre of Excellence
- Asthma Australia
- Allergy & Anaphylaxis Australia
- Australasian Society of Clinical Immunology and Allergy
The information contained in this episode is general and is not specific advice. If you are concerned about hay fever, asthma or allergy symptoms, you should seek medical advice from your doctor or pharmacist for accurate information relevant to your situation. In an emergency, call triple zero (000) immediately.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au