Watch FIFA World Cup 2026™

LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Australia keessatti konkolaataan elekttrikii gatii qabaa? Xiyyeeffatnoo bobaáa irrattii – Australia Explained

Australia Explained – Fuel in Focus

It is estimated that drivers can save up to 70 per cent on fuel and 40 per cent on servicing costs annually. Source: Moment RF / Tashdique Mehtaj Ahmed/Getty Images

Gatiin boba’aa tasgabbaa’aa waan hin taaneef konkolaattonni elektriikii daandii Australiaa irratti baay’inaan mul’achaa jiru, konkolaachiftoonni baay’yyeen karaa imala gatii salphaa barbaadu. Yoo jijjiirraa kana gochuuf yaadaa jirtan waan beekuu qabdan kunoo ti.


Published

Updated

By Zoe Thomaidou

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS



Share this with family and friends


Gatiin boba’aa tasgabbaa’aa waan hin taaneef konkolaattonni elektriikii daandii Australiaa irratti baay’inaan mul’achaa jiru, konkolaachiftoonni baay’yyeen karaa imala gatii salphaa barbaadu. Yoo jijjiirraa kana gochuuf yaadaa jirtan waan beekuu qabdan kunoo ti.


Akka galmeessi industrii, himutti baatii Caamsaa (April) 2026 asitti konkolaataa jaha keessaa tokko kan elektriikii tahuu ibsa. Garuu gurgurtaan isaa ol dabalaa deemaa jirutti, waa'ee gatiin isaa cimuu , humna ibsaa fi kan yoo konkolaataan elektriikii kun haalaa ooficha lammii Australia waliin kan deemu tahuu gaaffiin amma iyyuu bakkuma jira.

Australia keessatti konkolaataan elektriikii meeqa?

Konkolaattonni elektirikii amma illee akka waliigalaatti konkolaattota boba’aa ykn diizilaa caalaa dursanii baasii guddaa kanfalchiisan yoo ta’e illee, fudhatamni fi filannoo dabaluu isaatiin gatiin isaanii gadi bu’eera.

UniversityTeeknooloojii Swinburne keessatti Pirfoessor Teeknooloojii Geejjibaa fi Itti Fufiinsa kan tahe Hussein Dia akka jedhutti, amma moodeelonni gatii madaalawaa ta’an hedduun ni argamu.

“Waggaa sadii, afur dura, konkolaataan elektriikii doolaara 50,000 gadi argachuuf rakkachaa turre. Yeroo ammaa kana walakkeessa 30 keessa kan jiran yoo ta’u, gargaarsa mootummaatiinis tarii , daran gatii salphaa ta’uu danda’u.”

Konkolaachiftoonni bakka jiraatan irratti hundaa’uun gargaarsa mootummaa argachuufis ulaagaa guutuu danda’u.

Hojjetooti miindaa isaanii irraa kutaanii konkolaataa elektrikaa bitachuu barbaadan, baasii gibiraa irraa hir’isuufii mala.

Alex Forrest, Gaggeessaan Konkolaataa fi Boba’aa konkolaataa Royal Automobile Club kan Dhiha Australia akkas jechuun ibsa:

“Yoo liqaa fidhachuun akeektee jirata tahe gibira mootummaaf baastu irraa gatiin gadi siif hir’isa. Kanaaf waggaattii doolaara kumootaan waan gadi siif hir’isuuf, haa jedhnuu waggaa shan keessatti maallaqaa hedduu gadi siif hir’isuu danda’a...."

Konkolaataa elektrikii oofuun gatii salphaa baasisaa?

Konkolaattota petorola fi dizilii wal bira qabamee yoo ilaalamu, konkolaataa elektriikaa oofuun akka waliigalaatti gatii salphaa dha.

Konkolaachiftoonni waggaatti baasii boba’aa irraa hanga dhibbeentaa 70, baasii tajaajilaaf ammoo dhibbeentaa 40 qusachuu akka danda’an tilmaamameera.

Piroofeesar Dia baasii humna ibsaa fi tajaajila kennuu gadi bu'uun yeroo keessa bu'aa guddaa qaba jedha.

Charging an EV at home is generally cheaper than using public charging stations, so overall running-cost savings may be lower for drivers who rely heavily on public charging.

Konkolaataan elektriikaa fageenya hagam deema?

Professor Dia akka jedhutti, moodeelotni konkolaataa elektrikii bu'uuraa hedduun amma si tokko humna guuttachuun kiiloo meetira 400 hanga 500 gidduutti deemuu danda'u.

Garuu imalli fageenya dheeraa amma illee karoora barbaaduu danda’a.

"Bakki isaan itti si quuqan, yeroo kutaa biyyaa deemuu barbaaddu --- keessattuu naannawa baadiyaa biyyaa. Kilomettrri karaa dheeraa dha."

Konkolaataa elektriikaaf humna ibsaa manatti guuttachuun ni danda'amaa?

Abbootiin konkolaataa elektrikii hedduun konkolaataa isaanii mana keessatti bakka humni itti bahu sadarkaa isaa eeggate fayyadamuun humna itti guuttatu. Alex Forrest kun namoota guyyaa guyyaan imala gabaabaa taasisaaf taha jedha.

“Yoo konkolaataa daandii irra kan dhaabdu taatee fi humni ibsaa garaaja ykn mana jala jira tahe humna sana fayyadamuun guuttachuu dandeessa."

Namootni karaa imalan tarii humna ibsaa konkolaatichumaaf jedhamee manatti ittiin guuttatan dhaabbachuu qabu.

Yoo kan guyyaatti karaa dheeraa ooftu tahe, humna baatrii guddaa fudhata .... yeroo kanatti egaa kan humna ibsaan manaa guuttatan nama barbaachisu.
Alex Forrest

Yoo manneen wal irratti ijaaraman (apartment) keessa jiraatta tahe bakka irraa humna konkolaataa elektrikaa guuttattu tolfachuuf hayyamu bulchiinsa qe’ee sanaa argachuu si barbaachisa taha.

Utuu konkolaataa harka lammaffoo hin bitin dura maal beekuu qabdan?

Gabaa konkolaataa elektriikii harka lammaffaa Australia amma illee haaraaa dha, garuu maammiltootni konkolaataa elektriikii harka lammaffoo bitachuuf ofitti amanamummaa isaan qaban dabalaa jira.

 Bitachuun dura wabii baatiriif qaban, filannowwan tajaajila fi deggersa isaan ega konkolaaticha bittanii booda isinii taasisan ilaalladhaa jechuun ogeeyyiin gorsu.

 Obbo Forrest akka jedhutti, maammiltootni abboummaa konkolaatichaa fi ilaalcha namootni waa’ee konkolaatichaa barreessan qorachuu qabu jedha.

“Qorannoo kee gochuu, gamaaggama konkolaataa qofa osoo hin taane, muuxannoon abbummaa maal akka fakkaatu namoonni dhuguma maal akka yaadan baruu... gatii kaffaluu barbaadduun maal akka argattu sirriitti beekuu, akkasumas fedhii kee wajjin kan walsimu ta’uu isaa mirkaneessuu.”

Qophii keenya karaa podkastii mata duraa Australia ibsuu ykn Australia Explained jedhu, odeeffatnoo gati qabeessa fi gorsa akkaataa jireenya keessan haaraa Australia keessaa itti mijeeffattan argachuuf subscribe tolchaa ykn hordofaa.

Gaaffiiykn mata duree haaraa qabduu? Emailiin keenya australiaexplained@sbs.com.au


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now