Watch FIFA World Cup 2026™

LIVE, FREE and EXCLUSIVE

Tapha Geeba addunyaa guyyaa 13ffaa

Group K match between Portugal and Uzbekistan at Houston Stadium on June 23, 2026, in Houston, Texas - World Cup Wrap

HOUSTON, TEXAS – JUNE 23: Cristiano Ronaldo (#7) of Portugal celebrate during the FIFA World Cup 2026 Group K match between Portugal and Uzbekistan at Houston Stadium on June 23, 2026, in Houston, Texas. Source: SIPA USA / walid ibrahim/JNA Press/JNA Press/Sipa USA/AAP Image

Ronaaldoon taphataa jalqabaa waancaa addnyaa jaha irratti goolii galche taheera.


Published

Presented by Lensa Dinka

Source: SBS



Share this with family and friends


Ronaaldoon taphataa jalqabaa waancaa addnyaa jaha irratti goolii galche taheera.


Ronaaldoon taphataa jalqabaa waancaa addnyaa jaha irratti goolii galche taheera.

Kun Cristiano Ronaldoiif rikordii, Luka Modric f milkaa’ina guddaa, England fi ammo mufannaa ta’e. Cuunfaa oduu FIFA tapha geeba addunyaa 2026 guyyaa 13fa kana isin dhiheesse ana leensaa Dinqaa ti.

Portugal guyyaa 13faa haala gaariin taphatte, garee keessatti Uzbekstan 5-0n injifatte.

Cristiano Ronaldo goolii lama galchuun waancaa addunyaa ja’a irratti taphataa jalqabaa goolii argate ta’e.

Umrii wagga 41tti captain Portugal kun, seenaa dorgommii kanaa keessatti goolii galchuun sadarkaa lammaffaa irra jira.

Tapha garee K kan biraa irratti ammo, Kolombiyaan yeroo booda DR Koongoo 1-0n injifachuun daqiiqaa 76ffaa irratti goolii injifannoo galmeessiteetti.

Injifannoon kun Kolombiyaa gara sadarkaa ol’aanaa garee kanaatti kan eda’e yoo ta'u, gara Marsaa 32ffaa irra galcheera.

 Gama biraatiin garee L keessatti England kubbaa qabachuu irratti ol’aantummaa qabaachuu fi carraa fooyya’aa kan uumeef tahus, Gaanaa waliin duwwaan wal qixa bahaniiru. Carraan tapha marsaa dhumaa irratti qaban kan ilaalamu taha.

Garee L kan biraa keessaa Croatia n Panama irratti 1 fi 0 galmeessiteetti, kanaanis Panama dorgommii keessaa ala taasifte.

Jijjiirraa kan tahe, Ante Budimir goolii kan injifate yoo tahu, captain Luka Modric taphoota idil addunyaa 200fa irratti argamuun taphataa warren dhiiraa isa 4ffaa ta’ee sadarkaa ol’aanaa kana irra ga’eera.

Akkasumas gama soccerootiin, Austraaliyaan tapha murteessaa jimaata Paraguay waliin taasiftu dura kufaatiin kan mudate yoo tahu, gargaaraan leenjisa Paul Okon, taphataan sararaa cinaa durii Mathew Leckie miidhamuun, akka hin hirmaatne mirkaneesse.

[["Kanaaf yeroo ammaa kana sochii gochaa hin jiru.  Baayyee nama gaddisiisa. Taphataa muuxannoo qabu ture. Tapha kana keessatti nu fayyaduu danda’a ture. Garuu, wanti Mathew waliin ta’u kam iyyuu dorgommii kana keessa sennu fagoo irratti hunda’a.”

Socceroon sadarkaa xumuraa irratti bakka argachuuf qixa qofa barbaachisa.

Paul, muummichi ministeeraa lammiileen Australia tapha kana akka hordofaniif, guyyaa boqonnaa kennuu danda’a jedhee abdachaa akka tures qoosee ture.

Eegaa turre, akka muummichi minsteeraa keenya Alabanesen, nama hundaaf guyyaa boqonnaa ni kenna jedhnee, kanaaf namootni bakka hin danda’amneefitti TV barbaaduu akka hin rakkatneef.

Akkasumas socceroon tapha Paraguay waliin taasisan ilaaluu dandeesus, kallattiin SBS ykn ammo SBS on Demand irratti guyyaa keessaa sa’a 12 tti kan dabru ilaaluu dandeessu.

Austraaliyaan tapha murteessaa geeba addunaa Paraguay, waliin taasisuuf yeroo qophwaa jirtu kanatti, muummichi Ministeeraa Anthony Alabnese sabni soocceroo duubaa akka dhaabbattuu yeroo gaafatu, calaqqeen fi hafuurri lammii Australia ibsu gartuu kana irra mul’atu isa gammachiisuus dubbatee ture.

[[Aadaa badhaadhaa qabaannee jirra. Akkasumas warra Socceroos yeroo ilaallu fakkeenya aadaa badhaadhaa sanaa ni argina.

Namoota saba isaaniitiin, eenyummaa isaaniitiin boonan, garuu lammummaa Australia isaaniitiin boonanii saba keenya guddaas bakka bu’anis. Akkasumas guutummaan biyyaa guyyaa isaan taphatan sana gaafa Jimaataa sa’a 12 guyyaa irratti isaan cina dhaabbatanii isaan jajjabeessu. nan abdadha, biyyattiin si’a tokko dhaabbattee isaan ilaalti. Injifannoon ykn qixa bahuun Austiraaliyaan garee D keessaa sadarkaa ol’aanaa lamaan xumuruun sadarkaa xumuraa irratti bakka qaba.

Guyyaa 14ffaan tarkaanfii hedduun fuuldura jiraachuu abdachiisa, taphi jaha saganteeffamee waan jiruuf. Garee B keessatti Bosnia fi Herzegovina Qatar waliin kan wal morkatan yoo tahu, keessummeessituun ammo Canaada, kan Switzerland waliin taphattu dha.

Brazil Scotland waliin, Morocoo n ammo Haiti waliin garee C keessatti taphatti.

Garee A keessattis Africa Kibbaa Korea Republic waliin, Czechia(chekia) ammo Mexico waliin taphatu.

Garee A keessattis Afrikaa Kibbaa Rippabiliika Kooriyaa waliin, Cheekiyaanis Meeksikoo waliin taphachuun.

Cuunfaa fi gabaasa gabaabaa dorgommi FIFA geeba Addunyaa kan 2026 , guyyaa 13fa taphatamaa jiru isinii dhiheessine. Ani Leensaa Dinqaa ti.

Daqiiqaa hunda tapha FIFA geeba addunyaa 2026 kallattiin fi akkasumas SBS on Demand irratti daawwadhaa.


Latest podcast episodes

Follow SBS Oromo

Download our apps

Listen to our podcasts

Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service

Stream now