Ilaalama Gadameessaa(Cervical Screening) kan lubbuu kee baraaruu danda''u

A gynecologist is examined by a patient who is sitting in a gynecological chair. Examination by a gynecologist. Female health concept.

A patient is examined by a gynaecologist in a gynecological chair. Source: iStockphoto / stefanamer/Getty Images

Kaansariin gadameessaa ittifamuu danda'a, garuu yoo daftee qabatte qofa. Dhiibbaan aadaa fi kan dhuunfaa yeroo baayyee dubartoonni qorannoo kaansarii gadameessaa irraa akka fagaatan taasiseera. Amma garuu gargaarsa qorannoo addunyaa irratti adda duree ta'een Awustiraaliyaan bara 2035tti kaansarii gadameessaa dhabamsiisuuf kaayyeffatteetti. Qorannoon kun dubartoota duubbee aadaa hunda irraa dhufaniif filannoo nageenya qabuu fi aadaa kan hin faallessine dha. Hunda caalaa lubbuu kee—ykn kan nama sitti dhihoo jiruu baraaruu dandaʼa.


Tuqaalee Ijoo
  • Qorannoon yaalaa gadameessaa vaayirasiin papiloma jedhamu qabaachuu adda baasuun lubbuu namaa baraara.
  • Yoo dafanii hin argamne, infekshiniin HPV , kaansarii dabalatee rakkoo fayyaa hamaa fiduu danda’a.
  • Dubartoonni duubbee aadaa danuu irraa dhufan baayyeen of hin ilaalchisan.
  • Ofiin-of ilaaluun qorannoo akka hin taasifanne bifa aadaan nama sakaalan dhabamsiisa.
Dhibbantaatti harki 70 ol dhibee kanserii gadameessaan kan miidhaman, namoota takkaa iyyuu of hin ilaalchifnee fi kan yeroo itti ilaalamuu qaban irra dabarsan dha.

Kun ilaalamuuf sababa gahaa jiru dha, ykn Cervical screening taasisuu.

Gadameessa ilaalamuun kansarii gadameessaa aakkamiin ittisa?

"Kanas akkitti huju jijjiirama seelli gadameessa keessaa  yeroodhaan mul’isuudhaan, keessattuum virisiin namaa papilloma jedhamu jiraachuu ilaala, virsiin kun yoo jiraate, yeroo keessa kanseriitti waan jijjiiramuuf, " jedhti Dr Ahlam. Ishiin Ogeettiin Fayyaa Sydney keessa jiraattu, barsiistuu hawaasaa fi hundeessituu Waldaa Nageenya Fayyaa Sudan Australia ti.

Jijjiirama seelii yeroon arguun to'achuu fi utuu inni kanseriitti hin jijjiiramin tajaajila argachuu danda'ama.

ilaalamni gadameessaa, ilaalama gadameessaa kan Sagantaa Biyyaalessaa jalatti to’atama. Sagantichi, namoota tarii virsii papilomaan qabamuuf carraan guddaa tahe arguuf. Takkaa ilaalama(screening) jalqabaa taasifnaan, inni itti aanu yoom akka tahu yaadachiistuu siif ergu.
Wendy with swab_credit Department of Health, Ageing and Disability.png
When it comes to cervical screening, women from multicultural backgrounds are being left behind, and particularly newly arrived women.

Eenyutu gadameessa ilaalamuu qaba?

Deebiin isaa, dubartoota carraa virsii pailomaan qabamuu guddaa tahe hunda.

laalamni gadameessaa dubartoota hunda fi kanneen ammoo, umriin isaanii ganna 25 hanga 74 gidduu tahe akka ilaalaman gorfama akkasumas yoo illee qunnamtii saalaa kan hin goone tahes,jedhti Dr Ahlam.

"laalamni (test) wagga shan shaniin taha, yoo takkaa ilaalmtee nagaa taate jechuu dha.  Yoodhuma illee taliillii virsii papilomaa fudhattee jirta tahe iyyuu, yeroo isaatti ilaalamuu qabda. Sababni isaa taliilliin, virsii kanserii uumuu danda’u hunda hin ittisu waan taheef. “

Eenyutu ilaalamuu qaba?

Yeroo gadameessa ilaalamuuf yeroon keessan gahu, ogeessa fayyaa kilinka keessanii, giddu gala mana fayyaa hawaasaa ykn kilinika fayyaa dubartootaa fi akkasumas Mana Yaala Fayyaa Aboriginal tokko tokkottis ilaalamuu dandeessu.

Yoo Medicare qabdu tahe kaffaltiin keessan mootummaan taha (bulk bill) isa jedhan. Kanaaf isin waa hin baaftan jechuu dha.

Haa tahuu malee, yoo ogeessa fayyaa bulk bill hin qabne bira deemte keesha kee keessaa kafaluu malta.

Akkaataa lamaan ilaalamuun danda’ama. Yeroo baallama keetti, warreen tajaajila fayyaa siif kennan filatnoo lameenuu siif ibsu.

ilaalamni gost lama sun kami?

Akka Dr Ahlam ibsitutti kan fedhte keessaa filachuu dandeessa.

"Waan akka brushii xiqqoo fayyadamuun qaama  saalaa irraa haxoofnee fuudhna, " jedhti Dr Ahlam yeroo ibsitu.

"Amma gargaarsa ogeessa fayyaa malee filannoon ofiin of ilaaluu ni jira.

" Sun namni tokko ofii isaatii samplee qaama saalaa of irraa akka fuudhu gargaara. Filatnoo inni kun, dhuunfaa dha, filatnoo salpaa fi kan dogoggora hin qabne, virsii papiloomaa kan adda baasudhas. "

Lameenuu yeroo hin fudhatu.
Dr Ahlam FB image_Austmulticulturalhealthcollab.jpg
Dr Ahlam Ibrahim

Ofiin sample ofii fuudhuun bu'aan isaa maal?

Fayyadamtuun tajaajila fayyaa tokko Iyosna Oliver jedhamtu, barmoota odeeffatnoo fayyaa waa’ee gadameessa ilaalamuu irraa hirmaattee turte. Waa’ee ofiin of ilaaluu kana bartee galte.

“Gadameessa ilaalamuu(cervical screening) jedhu kana akkuma hundi keenya beeknu, namatti toluu dhiisuu isaa qofa waliin walitti hidhnee ilaalla, akkasumas miira waliin, sababni isaa  yeruma baallama ogeessa fayyaa waliin qabannu, waanuma wayitti saaxilamne goodhnee fudhanna," jedhte aadde Iyosna.
"Kanaaf yeroo ani, filannoon ofiin gadameessa ofii ilaalachuu danda’amu jiraachuu dhagahu, keessi koo boqonnaa argate. Ergan yaalee argeen booda, dhugumaan baayyee salphaa dha jechuu nan danda’a.”

Takkaa baallama ogeessa fayyaa kee waliin yoo qabatte ilaalamuun salphaa dha.

"Adeemsa gadameessa ilaalamuu sana keessa dabreen, qodaa dhimma kanaan wal ilaallatu natti kennan. odeeffatnoon waraqaa irra jiru hordofuuf hin ulfaatu ture. "
Akka ani yaaduttiwaan biraaf utuu hin taane iccitii/dhoksaa(privacy) kee fi to’annoo guutuu akka qabaattuuf jedhamee ti. Dhugaa dubbachuuf yaaddoo baaayyee baayyee nama irraa laaffisa.
Jyotsna Oliver, health consumer

Dhiibbaa gadameessa akka hin ilaalamne nama taasisu irra aanuu

Australiyaan Biyya jalqaba kanserii gadameessaa dhababmsiisuu dandeessu tahuu yaaduun waan dinqisiisaa dha.

Garuu dhiibbaa Afaanii fi aadaa tokko tokko irraa kan ka’e, hawaasa aada-danuu fi dubartoota Saboota Jalqabaa, kanneen gadameessa ilaalman lakkoofsi isaanii baayyee gad bu’aa dha

Hawaasa tajaajila gaha hin arganne kana keessatti, lakkoofsa qorannoo guddisuuf kan hojjetu, Walta’iinsa Fayyaa Aada-danuu Australia (jalqabbii Federeeshinii Gumii Hawaasa Sabaa Australia) dha.

Nidia Raya Martinez Hoggantuu Sagantaa Olaanaa Walta’iinsa , dhaabbilee hawaasaa guutuu Australia waliin hojjechuun hirína beekumsaa jiru guutuuf dalagdi.

Yeroo waa'ee gadameessa ilaalamuu kaafnu dubartootni aadaa -danuu irraa tahan dagatamaniiru, keessattuu dubartoota haaraa dhufaniif, jedhti aadde Nidia.
Own It Poster - Kirti_credit Department of Health, Ageing and Disability.png
Own It Poster
“Tajaajila dhiheessitoota afaan kee dubbatan ykn aadaa kee beekan argachuun rakkoo guddaa dha.  Yeroo kilinika fayyaa deemnu , rakkoo biraan nama mudatu illee jira.  Of ilaalchisuuf xiqqoo saalfachuun ni jira. Uccuu of irraa baasuun nama saalfachiisuu fi rifaasisuu dandaá. Kun xiqqoo namatti toluu dhiisuu mala ykn si dhiphisuus mala."

Kanaaf filannoo haaraan abbaan of-ilaaluu kan dandeessisu dhufe, milkaawes.

Dubartootni ofiif akka ogeessaatti, gadameessa ofii ilaallachuun, ilaalama lubbuu oolchuu malu taasifachuu irraa kan isaan danqaa ture , dhiibbaa saalfii irraa bilisa tahaniirus jedhti.

“Kan ilaalmni kun tahu achuma kilinika fayyaatti, garuu da’oo seentee,suma qofa waan taheef uccuu kee of irraa baaftee samplii sana fuudhuun gara ogeessa fayyaatti deebifta, ykn si’a tokko tokko mana hobbaa deemtees sample akka fuudhtu si gaafatu taha, kun akkaataa kilinkichi itti hojjetu irratti hundaawa. Egaa akkaataan itti ilaalaman kun , keessattuu, warra saalfatuuf filannoo dansa, keessaa iyyuu ammo yoo ogeessi fayyaa sun ilma dhiiraa tahe. "

Odeeffatnoo hawaasa biraan gahuu

Walta’iinsi kun, dhaabbilee hawaasaa waliin tumsa qabaniin, ilaalama gadameessaa irratti fudhatama guddaa argateera. Qophiilee hawaasaatiin dubartoonni carraa argatanitti fayyadamuun of barsiisaa jiru.

"Kaanis odeeffatnoo kana ega argataniin booda, ogeessa fayyaa isaanii waliin haasa’uuf itti toleera, hiriyoota isaanii fi maatii isaanii waliin illee akkasuma, " jedhti aadde Nidia.

" Dhiirotni illee odeeffatnoo bakka qophii kanaa irraa argatan, manatti yeroo deebi’anitti, haadha manaa, obboleetti fi haadha isaaniif qooduun  tarii dhaqanii ilaalamuun akka isaanii malu taasisaniiru. ”

Bor boriin yeroo hin dabarsinaa

Ilaalamuu dhaquuf beellama ofiitti laafuun waanuma jiru, jedhti aadde Iyosna, garuu sababni gaariin nuti itti qabannu hin jiru.

" Ofii keessaniin of ilaaluutu waan taheef dhaqaa yaalaa- jireenyi fi fayyaan keessan isin fuuldura jiru isin galateeffataa.”
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au

Share
Follow SBS Oromo

Download our apps
SBS Audio
SBS On Demand

Listen to our podcasts
Independent news and stories connecting you to life in Australia and Oromo-speaking Australians.
Ease into the English language and Australian culture. We make learning English convenient, fun and practical.
Get the latest with our exclusive in-language podcasts on your favourite podcast apps.

Watch on SBS
SBS World News

SBS World News

Take a global view with Australia's most comprehensive world news service